Masten Wanjala: Keeniyaatti namichi 'daa’imman 10 ol ajjeese' miliqe, reebamee ajjeefame

Madda suuraa, Directorate of Criminal Investigations - Kenya
Namichi daa’imman 10 ol ajjeesuu isaa amane, mana hidhaa poolisii Naayiroobii keessaa guyyaa lama dura miliqe, Lixa Keeniyaatti namootaan reebamee ajjeefame.
Namni kun jiraattotaan hordofamee magaalaa Bagomaa jedhamtu keessatti namootaan gareen reebamee ajjeefame.
Magaalaa guddittii Keeniyaa, akkasumas naannolee baha fi lixa biyyattii keessatti daa’imman dhiiraa yoo xiqqaate 14 ajjeessuun kan himatame Masteen Wanjalaa, mana murtiitti dhiyaachuuf osoo jiru ture kan miliqe.
Ganama yeroo maqaan waamamu miliquu isaa kan bare poolisiin, ergasii nama kana barbaadaa ture.
Namni kun to’annoo jala kano oole, yeroo dhimma biyyattii naasiseen yemmuu poolisiin ajjeechaa daa’immanii baay'achaa dhufe qorachuu eegalettidha.
Buufata poolisii Jogoo Rood, naannaa Iistilaand Naayiroobii jiru keessatti, yeroo inni miliqutti poolisootni hojiirra turan sadan, to’annoo jala oolfamaniiru.
Adoolessa keessa to’annoo jala kan oole Wanjalaan, daa’imman dhiiraaf qoricha sammuu hadoochu kennee ajjeesuu isaafi takka takka ammoo dhiiga isaanii dhuguu isaa amaneera.
Erga mana hidhaatii miliqee baheen booda qe'ee warra isaatti deebi'us, warri isaa isa hin simanne. Jiraattonni achi jiraachuu isaa baran birmatanii reebanii ajjeesan jedha poolisiin magaalattii.
Mana hidhaatii miliquun isaa rifaatuu guddaa uumee ture, namoonni hedduun ajajaan poolisiin akka aangoo gadi dhiisu gaafataa turan.
Mana hidhaa Naayiroobiitii bahee akkamiin qe'ee warraa isaa baadiyyaa Lixa Keeniyaa akka gahe hin baramne.















