Dubartii Musliima Indiyaa intarneetiirratti gurgurtaaf dhiyaatte

Madda suuraa, Hana Khan
Indiyaa keessatti dubartoonni amantaa Islaamaa hordofan hedduun osoo isaan hinbeekiin eenyummaan isaanii appii maqaa balleessu irratti baha.
Dilbata darbe dubartoota Musliimaa Indiyaa hedduun karaa onlaayinii gurgurtaadhaaf dhiyaachuu argan.
Dubartoota kanneen keessaa tokko daandii qilleensaa daldalaa tokkootti balaliiftuu xiyyaaraa kan taate Haanaa Khaan BBCtti akka himtetti, erga hiriyyaan ishee maxxansa Tiwiitaraa tokko qooddeef booda maqaanshee keessa jiraachu hubachuu dubbatti.
Tiwiitarichis gara marsariitii fi appii ''Sulli Deals'' jedhu bakka suuraawwan dubartoota uummatatti beekamo ta'an fudhachuun seenaasaanii barreessuun akka kan ''guyyaa sanaaf gurguramuuf dhiyaataniitti'' qopheessuutti ishee baase.
Fuulli jalqabaa appichaa suuraa dubartii hinbeekamne tokko qaba. Fuula ittaanurratti ammoo dubree Khaan suuraawwan hirriyoota ishee agarte. Fuula ittaanee jiru irratti ammoo suuraa ofiishee agarte.
''Maqaa 83n lakkaa'e. Kan caalus jiraachu danda'u,'' jette wayita BBCtti himteetti. ''Suuraa kiyya toora tiwiitarii kiyya irraa fudhatan, maqaa tiwiitarii kiyyaa (user name) qaba.
Aappiin kunis guyyoota 20f banamee hojjetaa ture, jiraachuusaayyuu hin beeknu ture. Akka malee nahe.''
Aappichi fayyadamtootaaf carraa ''Sulli'' (maqaa arrabsoo dubartoota Islaamaaf warra Hinduu jibba isaaniif qabaniin kenname) gurgurtaaf akka dhiyaatanitti fakkeesse. Haa tahu malee gurgurtaan ykn caalbaasiin lafarratti raawwatu kamiyyuu hinjiru - appichi maqa-balleessii fi qaanessuu kan kaayyeffateedha.
Khaan akka jettutti, sababii amantaa isheef irratti xiyyeefatame. ''Ani dubartii Islaamaa mula'chuufi dhagahamu danda'uudha. Kanaafu na callisiisu barbaadaniiti kana raawwatan,'' jetti.
Erga komiiwwan dhiyaataniin boodas, GitHub - marsariitiin aappiiwwan saaqaman hunda kessumeessu battalumatti aappicha cufeera. ''Dhimmicharratti erga gabaasni nu qaqqabeen booda qorannoo taasifneen sochiilee hunduu imaammatawwan keenya kan cabsan waan ta'aniif akkaawuntii fayyadamtotaa cufneerra,'' jedhe dhaabbatichi ibsa baaseen.
Haata'u malee wanti raawwatame, dubartoonni akka sodaatan taasiseera. Dubartoonni aappichatti baafaman hundi, dubartoota Islaamaa oogummaa gaazexessummaa, rogeeyyi, aartistoota ykn qorattootadha.
Muraasni isaaniitis erga taatee sanaan booda fuula miidiyaa hawaasaa isaanii kan haqan yoo ta'u, baayyeen isaanis arrabsoon biraa jiraachuu mala jechuun yaadda'uu himu.
''Amma barbaadde cimtuu yoo taate, yoo suuraafi odeeffannoon dhuunfaa kee ifa taasifamu, si yaaddeessa, si jeeqas,'' jette dubartiin BBC tajaajila Hindiitti himte kan biraan.
Dubartoonni hedduun eenyummaan isaanii aappicha irratti bahees akka dhimmicharratti qabsaa'an dhaadataniiru. Khaan dabalatee dubartoonni hedduun garee WhatsApp uummachuun dhimmicharratti iyyata poolisiitti dhiyyeeffaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Lammiileen beekamoo, rogeeyyii fi aanga'oonnis dhimma sarbama mirgaa kanarratti dubbataa jiru. Poolisoonnis dhimmicha qorachuu eegaluu himuun, garuu eenyu aappicha duuba akka jiru ibsuu irraa of qusataniiru.
Namoonni aappicha saaqan maqaa fi eenyummaa sobaatti gargaaramu. Garuu ammoo qindeessituun miidiyaa hawaasaa Kongirasii Paartii mormituu, Haasibaa Amiin, akkaawuntiiwwan hedduun Muslimoota irratti xiyyeeffatan irra deddebiin jiraachuu himti.
Amiin, dubartoonni Musliimaa haala kanaan yoo irratti xiyyeefatamu kun taatee yeroo jalqabaa miti jetti.
Caamsaa 13 irratti, wayita Musliimonni Iida kabajaa turaniitti, toorri Youtube ayyaana ''Eid' dabarsaa ture tokko irratti, dubartoota Musliimaa Indiyaa fi Paakistaan irraa kallattiin ''caalbaasiif'' dhiyeessee ture jetti.
''Namoonni ruuppii shanii (saantiima 67; peenii 48) fi ruuppii 10niin dorgomaa turan, haala ejjannoo qaama dubartootarratti hundaa'uun,'' jetti dubree Khaan.
''Booda keessa ammoo Amiin akkaawuntiin maqaansaa adda hinbaane tokko toora tiwiitaraa irratti ''gurgurtaaf'' dhiyyeesse akka ture natti himte. Toora amma cufame dabalatee na arrabsaa, na qaaneessaa fi akka hintaaneetti na ibsaa turan,'' jetti dubree Khaan.
Kanneen toora tiwitaraarratti ishee gabaaf dhiyeessaniif namootuma aappii daldala Sulli fi toora Youtube kan amma cufamanii sana duuba jiran akka ta'an amanti.
Torbanoota darban keessa, dhaabbanni Tiwitarii akkaawwuntiiwwan aappicha duuba jiru jedhaman haqeera.

Madda suuraa, AFP
Qaamooleen mirga namoomaaf mormanis, namoonni karaa onlaayiinitiin mirga namaa sarban kunneen dandeettii dubartootaa ''gadi xiqqeessuu, dorsiisuu, fi callisiisu qabu.''
Torban darbe taateewwan bebbeekamoo, weellistoonni, gaazexessitoonni fi qondaaltonni mootummaa gara 200 ta'an addunyaa mara irraa waliin ta'un, nageenya dubartootaa dhimma ''dursaa'' akka taasifamu gaafachuuf Duree Olaanaa Facebook, Google, TikTok fi Twitter tiif xalayaa barreessaniiru.
''Intarneetiin jidduugala magaalaa jarraa 21ffaati. Innis bakka mariin itti gaggeeffamu, lafa hawaasni itti ijaaramu, bakka omishni itti gurguramuu fi maqaan gaariin itti argatamuudha. Haata'u malee, karaa olaayinii kana sarbamni raawwatamu baay'achu jechuun ammoo, dubartoota hedduuf jiddugala dijitaalaa kun akka lafa nageenyaa hintaaneef taasisa,'' jechuun barreessan.
Gabaasni bara darbee dhaabbanni Amanastii Intarnaashimaal sarbama mirgaa Indiyaa keessaa irratti dhiyeesseen, dubartoota mirgaaf falmaniitu caalaa irratti xiyyeeffatama jedheera.
Akkuma Biriteeniifi US keessatti irra caalaa dubartoonni gurraachota irratti xiyyeefatamu, Indiyaa keessatti ammoo dubartoota amantaa hawaasaa lakkoofsaan gadaanaa ta'e irratti xiyyeefatama sarbamni mirgaa kun.
Naaziyaa Erum, barressituun dubbi himtuun duraanii Amanastii Indiyaa, miidiyaalee hawaasaa irra dubartoota Musliimaa muraasaatu jira, ''isaanumatu ammoo adamfama'' jetti.
''Miidhaafi xiyyeeffannaan kunis yaalii dubartoonni Musliimaa kunneen baratanii yaada isaanii ibsatan fi waa'ee jibba Islaamummaa (Islamophobia) irratti mul'atu ilaalchisuun ifatti dubbatan afaan qabsiisuufiidha. Yaalii isaan callisiisuuf, qaannessuu fi bakka isaan qabatan irraa isaan kaasuuf taasifamuudha,'' jetti.
Dubree Amiin qaamooleen kunneenis ''akka omaa hintaane waan beekaniif omaa hin sodaatan,'' jetti.
Isheenis ajjeechaa Musliimota deeggartoota paartii BJP kan biyya bulchuutiin dhiyeenya raawwatame akka fakkeenyaatti kaafti.
Haqnii waa'ee dubartoota eenyummaan isaanii appichaan gurgurtaaf dhiyaateef kan yeroo dheeraa fudhatuu fi cimaa akka ta'u amanti. Haata'u malee dhimmicha karaa seeraatiin hordofuuf kutachu himu.
''Qaama nu gurguruuf intarneetii irratti nu baasee poolisiin adda baasuu yoo baate, mana murtiin dhaqa,'' jetti Durbee Khaan. ''Hanga dhumaattis nan falma.''














