Hijaabni poolisii Niiw Zilaanditti qophaa'e 'yeroo jalqabaaf' Ingilaanditti yaalame

Student Officer Khadeejah Mansur

Madda suuraa, Leicestershire Police

Ibsa waa'ee suuraa, Kadijjaa Mansur hijaabni kun Muslimoonni biroon poolisiitti akka makaman jajjabeessu abdatti

Dubartoonni Musliimaa poolisiitti akka makaman jajjabeessuuf, uffannaan hijaabaa polisootaaf Niiw Zilaand keessatti qophaa’e, yeroo jalqabaaf Ingilaand keessatti yaalamuu eegale.

Hijaabni meeshaalee fi haguggaa mataa poolisii waliin uffatamuu danda’u kun, qorannoo ji’oota 16 booda hojjetame.

Kana malees yoo namni poolisii qabate maagneetiin salphaatti akka gadhiisu godhu, nageenyaaf jecha dabalameera.

Hijaabni kun barattuu poolisummaa Lestesheriin kan fayyadamamaa jiru ta’us dabalataan raabsamu danda’a.

Poolisiin Lestesher hijaaba Niiw Zilaandi kana yaaluun biyyatti keessatti kan jalqabaa ta’uu hima.

Ta’us garuu, hijaabni uffanaa poolisitti yeroo dabalamu kun kan jalqabaa miti, dizaayinii biraa fayyadamuun Poolisiin Kaaba Yorkishaayer fi Poolisiin Iskootiland kana dura yaalanii ture.

Hijaabni Niiw Zilaand uumte kun uffanaa ispoortii irraa kan hojjatamee ta’uun sochii kan eeyyamuudha. Garuu, ulfaatinni isaa salphaa fi afuura baafachuuf kan nama hin rakkisne ta’uu Poolisiin Lestesheer (Leicestershire) ni hima.

Constable Zeena Ali

Madda suuraa, Instagram/New Zealand Police

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin NIiw Ziilaand hijaaba bara 2020 keessa ifoomse

Kana dura hijaabota adda addaa yaalus kan akka isa kanaa milkaa’aa ta’e garuu akka hin jirres himeera.

Waldaa Poolisoota Musliima Biyyaleessaa irraa Yusuuf Nagdii “Lestesheer keessa hawaasa adda addaatu jira, nutimmoo hawaasa tajaajillu kana ibsina” jedha.

''Hawaasa Muslimaa fi keessumaa dubartoota biratti wanti gufuu ta’eeru tokko hijaabadha, kanaaf kun wanta lamaan irraa akka buufannu nu taasisa.”

“Namoota poolisii ta’uu barbaadan garuu sababa amantaa isaaniin hin dandeenye hedduu beekna.”

Barrattuun poolisii Onkololeessa humna poolisiitti makamte Kadijjaa Mansur, hijaaba kana yaalaa kan jirtu yoo ta’u “Mijataa fi kan hedduu namatti toludha,” jetti.

“Akkuma nama kamiiyyuu leenjiikoo wayita fudhadhu hijaabas uffachuu danda’eera.”

“Qaama yuniformii keenyaa gochuun Poolisiin Lestesheer fedhii namoota hundaa akka eegu, dubartoota Musliimaa hubachiisuuf ni gargaara jedheen amana.”

Yaaliin kun hanga Eblaatti kan itti fufu yoo ta’u, yoo milkaa’eef sadarkaa biyyaaleessatti raabsuuf yaadameera.