Yugaandaa: Imaamni durba se'ee dhiira fuudhe hojii gadhiise

Suuraa Sheek Mohammad Mutumbafi nama durba fakkaate isatti heerume

Madda suuraa, Daily Monitor Twitter

Imaamni biyya Yugaandaa durbartii se'ee dhiira fuudhe, hojii isaarraa yeroof akka gadhiisu taasifamuu gaazexaan Daily Monitor gabaaseera.

Sheek Mohaammad Mutumbaa, cidhasaa torban lama booda haati warraa isaa hijaaba uffattu Suwabullaa Nabukeera akka jedhamtutti inni beeku, dhiira Richardi Tumushabee jedhamu ta'uu yeroo bare hedduu akka rifeete gaazeexaan kun ni hima.

Dhoksaan kun kan ifatti ba'e yeroo poolisiin shakkiin TV fi wayyaa namoota ollaa jalaa hatteetta jechuun Tumushabee to'annoo jala oolchedha.

"Akkuma seeraatti poolisiin dubartii gara hidhaatti gessuun dura 'ishee' sakatta'uu qabdi ture. Garuu ajaa'iba nama hundaaf namni kun harma durbaa fakkeessuuf uffataa jiru harmaa keessa naqee ture," jechuun poolisiin ni hima.

Laguurraan jira waan isaan 'jetteef' tasumaan 'misirroo' isaa kanaa waliin wal qunnamtii saalaa akka hin gaggeessine, masjiida ganda Kiyampisitti imaama kan ta'e Sheek Mutumbaa dubbateera.

Ammatti sobaan of fakkeessuu, hannaafi sobaan qabeenya fudhachuu kan jedhuun himannaan nama kanarratti akka dhiyaate himameera.

Abbaan murtii amantaa Islamaa ykn kadiin naannichaa Sheek Abdul Nuur Kakandee, wanti uumame kan nama gaddisiisu ta'uufi imaamichi qoratamaa akka jiran himaniiru.

Dabalataaniis amantaa Islamummaa kabajuuf imaamni kun yeroof hojii akka gadhiisu godhamuu isaa, imaamni olaanaa masjiidichaa Sheek Isaa Busuulwa dubbachuun isaanii gabaafameera.

Akka gabaasa Daily Monitor'tti guyyootii afran darbeef Sheek Mutumbaa gara mana jireenyaa isaa hin deemne.

"Taatee kana booda baayyee waan gaddeef, gargaarsafi gorsas ni barbaada," jechuun maddi maqaan hin himamne tokko himeera.