Guyyaa Hijaabaa Addunyaa: 'Hijaabni mirgaafi kabaja dubartiiti, naamusa amantii Islaamaati'

Shamarran hijaaba uffatanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Wantoota mallattoofi naamusa amantii Islaamaa calaqqisiisan keessaa tokko uffannaa hijaabaa yookiin uffannaa naamusaa kan jedhamuudha.

Hijaabni sona amantii irra darbee akka mirga dubartii tokkootti ilaalama jedhu kanneen dhimma hijaabaa irratti quuqamuun hojjetan.

Addunyaarratti garuu hijaabni akka dabaatti hubatameera, dubartii hijaaba uffatte tokko lafumaa ka'anii akka shorokeessaatti hubachuutu ture.

Bara 2013 Guyyaa Hijaabaa Addunyaa jechuun kan eegalte namni Baangilaadish lammummaan Ameerikaa taate Naazmaa Kahaan kaayyoon guyyichaa hubannoo dogoggoraa dhimma hijaabaa irratti jiru sirressuudha jette.

Guyyaa kana muslimoota qofa osoo hin taane dubartoonni amantii biraa hordofanillee hijaaba uffachuun miira hijaaba uffachuun qabu akka baraniif ni affeeramu.

Guyyaan Hijaabaa Addunyaa wagga waggaan gaafa Guraandhala tokkoo kabajamu kun akka Itoophiyaattis bara darbe yeroo jalqabaaf kan kabajame yoo ta'u baranas yeroo lammaffaaf kabajameera.

Kaayyoo guyyichaa

Itoophiyaatti guyyaa kana kan qindeessu jaarmiyaa dhimma dubartootaa 'Women's Alliance for Peace and Social Justice' jedhamutti hooggantuu kan ta'an Aadde Jamiilaa Sa'iid, keessattuu biyyoota Lixaa biratti nama hijaaba uffatu jalqaba wayita argan shororkeessummaan walqabsiisu jedhan.

Kanaan walqabatee hawaasa hijaaba uffatu moggaatti qooduun waan tureef kana dhabamsiisuuf jedhameetu eegalame.

''Hijaaba waan uffanneef nama addaa miti, mee isinillee uffadhaatii miira keessan ilaalaa'' jennee hiriyoota keenya amantii biraa hordofanillee affeerree guyyichi eegalame jedhan Aadde Jamiilaan.

Guyyaa kun akka addunyaatti wagga sadeett dura kabajamuu wayita eegalu hawaasi muslimaa fi amantii biraas hordofan heddumminaan ba'uun hijaaba uffatanii sababa Kanaan waan namarra ga'uu danda'u akka arganii miira kana qooddatan gochuufi kan jedhan Aadde Jamiilaan ''Nutis yaada kana isaanirraa fudhanneeti gara biyya keenyaatti kan fidne.'' jedhan.

''Dhiibbaa sababa uffannaa hijaabaan namarra ga'uun walqabatee rakkoon biyyoota dhihaa jiruu fi biyya keenya jiru gargari.

''Kan isaanii jireenya hawaasummaarraa eegalee hanga ogummaa barnootaa fi dirree hojiitti rakkoo qabaachuu danda'a, keenya garuu hijaabaa fi wandaboo uffachuun hagas mara dhiibbaa namarraan hin ga'u. Namni hedduunis amanticha kan hordofu waan ta'eef.''

''Rakkoon kan mudatu dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee siyaasaa fi diinagdee keessatti.

Yaadni keenya inni ijoon kana dura dhaabbachuudha,'' jedhan.

Itoophiyaa keessatti intalli muslimaa tokko waan hijaaba uffatteef hawaasa biratti qoollifatamuun jiraachuu dhiisuu mala, garuu sadarkaa ogummaatti qormaatatu jira.

Dameewwan hojii hedduun naamusa uffannaa mana hojii isaanii keessatti uffannaawwan akka hijaabaa ilaalcha keessa kan hin galchinedha.

''Hawaasi haala Kanaan uffatu, hawaasi muslimaa, ammoo lakkoofsaan hedduu waan ta'aniif, danbiin uffannaan maneen hojii kanas ilaalcha keessa akka galchu gochuuf guyyaan kun kabajama.''

Hijaaba akka hawaasaatti naannoo tokkotti namoonni hedduun uffachuu danda'u kan jedhan Aadde Jamiilaan, kanneen akka naannoo Somaalee, Affaar, Harar ammoo akka aadaasaaniitti ilaalu jedhan.

''Kanaafuu uffannaa hiika akkanaa qabu qoollifachuun sirrii akka hin taane hubannoo uumuuf.''

Dubartiin tokko sababa uffannaashee qofaaf hojiii keessaa kan baafamtu yoo ta'e akka hawaasaattis ta'ee akka biyyattii kasaaraan qaqqabu salphaa miti.

''Fakkeenyaaf an akka dubartii muslimaa tokkootti galmi koo paayileetii ta'uu ta'ee osoo jiruu sababa hijaaba an uffadhuun yoo biyyi koo na qoollifatte, kana caalaa kisaaraan hin jiru. Jaalala biyyaas ni laaffisa. Yoo akkas ta'e biyya eenyummaa koo hin keessummeessine waliin itti fufuun ulfaachuu danda'a. Biyyattii akka biyya kootti ilaalee waan gumaachuufis hamileen dhaba''

Hijaaba-mirgaa fi kabaja dubartii(feminism)

Dhimmi uffannaa hijaabaa dhimma dubartii muslimaa tokko qofaa fi waa'ee amantii qofa osoo hin taane dhimma mirga dubartootaa, feminism, waliin yaad-rimee walsimu qaba.

''Uffannaan kun miidhaa sababa saalaa dubartiirra ga'u hanga tokko ittisuurraa jalqabee hanga naamusa mishaa dubartii tokkoo agarsiisuutti hiika kan qabuudha.''

Qajeeltoon Qur'aanaas hijaabni akka dubartiin namoota kashalabbeen hin miidhamnee fi akka mallattoo dubartii muslimaatti kan ilaalamu ta'uu ibsa.

Hijaabi akka golgaa mirga dubartiitti ilaalama, yaadrimeen feminism's akkasuma.

''Yaadrimeen hijaabaa inni guddaan kabaja dubartiiti. Dubartiin meeshaa miti. Dubartiin tokko dhimmaaf nama biraa waliin kan walargitu yoo ta'e qaamashee agarsiisuuf miti. Akkuma nama kaanii dhimmatu walitti isaan fida. Namoonni garuu wayita dubartii argan miirri isaanii jalqabaa quunnamtii saalaa waliin walqabsiisu. Uffannaan hijaabaa kanaaf fala ta'a''

Kanaafuu hijaabi mallattoodha, kabaja dubartiiti.

''Akkuma fakkeenyaaf hattuun yoo uffata poolisii argitu naatu yookiin ammo kabajju hijaabis hiika akkasii qaba.''

Haalota akkasii furuu kan dandeenyu waltajjiin akkanaa qophaa'ee yoo irratti waliin mari'annee fi hubannoon uumameedha jedhu.

Biyyoonni hedduun seera secularism qabaatanii garuu hijaabaaf bakka ni kennu kan jedhan Aadde Jamiilaan, ''Fakkeenyaaf biyyoota akka UK, Afriikaa Kibbaa fi Niwu Ziilaand keessatti poolisoonni shamarranii hijaaba uffatanii ni hojjetu. Biyyoota akka Kanaadaa keessatti ammoo manneen barnootaa fi yuuniversitiiwwan keessatti hijaabi ni kabajama. Kanaafuu seerri secularism yoo jiraates hijaaba uffachuu kan dhowwu miti.''