Niw Ziilaandi hijaabni uffata poolisii ta'ee akka uffatamu eyyamte

Madda suuraa, Instagram/New Zealand Police
Poolisiin Niwu Ziilaandi uffannaan hijaabaa uffannaa yuunifoormii poolisii keessaa tokko akka ta'u murteesse.
Kunis dubartoonni muslima ta'an akka humna poolisii biyyattii seenaniif kaka'umsa akka ta'uuf jedhameera.
Miseensa poolisii haaraa kan taate Zeenaa Alii miseensa poolisii dubartii yeroo jalqabaaf hijaaba akka yuunifoormiitti uffatte taateetti.
Dubbi himaan poolisii biyyattii akka jedhanitti, caasaan humna poolisii biyyattii hawaasa biyyattii keessa jiraatu hunda akka fakkaatuuf hunda hirmaachisuun barbaachise.
Poolisiin Landanii fi Iskootlaand'llee yuunifoorrmii poolisii isaanii keessa uffannaa hijaabaa galchaniiru.
UK keessatti Poolisiin magaalaa Landan kan hijaaba akka yuunifoormii poolisiitti mirkaneesse bara 2016 ture, Iskotlaandis baruma sana Landanitti aansuun mirkaneessite.
Awustiraaliyaa keessatti poolsiin Viktooriyaa bara 2004 hijaaba akka yuunifoormii poolisiiti labse.
Adeemsi hijaaba yuunifoormii poolisii keessa galchuu bara 2018 wayita miseensonni poolisii manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa biyyattii daawwatanirraa eegale jedha Poolisiin Niwu Ziilaand.
Dubartiin yeroo jalqabaaf gaaffii kana dhiyeessite Konistaabil Zeenaa Alii, hojii hijaaba akka yuunifoormii poolisiitti fayyadamuuf hojjetamaa ture keessatti akka hirmaattuuf affeeramtee turte.
Konistaabil Zeenaa Alii humna poolisii seenuuf kan murteessite erga haleellaan masjiida Kiristaancharchi irratti raawwatamee booda ta'uu barruu biyyattiitti himteetti.
"Dubartoonni muslimaa baay'inaan humna poolisii keessa seenanii uummata gargaaruu qabu jedheen amana.
''Poolisii Niwu Ziilaand ta'ee wayitan hijaaba uffadhee deemu baay'een gammada. Kana ilaaluun dubartoonni muslima ta'an hedduun nutti makamu jedheen abdadha'' jette.















