Hijaaba uffachuuf sirna eebbaa dhorkamuu

Madda suuraa, Alamy
Lammiin Naayijeeriyaa seeraan heebbifamte tokko waan sirinicha irratti mataashee irratti hijaaba uffachuu barbaaddeef akka hoteela hingalleef dhorkamte.
Amaasaa Firdaa'us, kan yunivarsitii Iloriin irraa heebbifamte, magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti lafa sirni heebbaa itti gaggeefamu hoteela akka hinseeneef dhorkamte.
Isheenis hijaaba uffatee ofiirraa fudhu dide. Siriiyyuu hijaabicha irratti wigii uffatte, akka midiyaan biyya keessa jedhetti.
Yunivarsitiichi akka jedhetti, kunis faalaa seera uffannaa manni barnootaa seeraa isheen itti barteeti.
Durbee Firaa'us gocha mana barnoota seeraa Naayijeeriyaa kana akka 'sarbama seera isheetti' kan ibsite ta'u gabaasoonni ni himu.
Dhimmi kunis midiyaalee hawaasaa irratti xiyyeefannaa hedduu kan arkisee ta'eera.
Fayyadamtuun Instaagiraam tokkoos Durbee Firdaa'us mirga ishee keessatti argamti jettee jirti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram
Fayyadamtuun Instagraam kan biraa Juliyeet Kegoo ammoo gochi kunis fakkeenya gocha sarba mirga dubartootaa hawaasa Naayijeeriyaa keessaati jettee jirti.
Haa ta'u malees, Tobechukwu Ekwunife durbee Fidaa'us seera mana barnootaa hijaabni hinuffatamiin jedhu kabaju qabdi turte jedheera.
Yunivarsitiin Iloriin yunivarsitii federaalaa Lixa biyyattiitti naannoo Kwaaraatti Leegoosa irraa fageenya km 261tti argamuudha.












