Nama haleellaa Masjiiotaa Kiraayisticharch raawwate hidhaa umurii guutuu itti muran

Manni murtii Niwu Zelaandi nama masjiida lama keessatti namoota 51 ajjeese hidhaa umurii guutuun adabe.
Namni kun seenaa biyyattii keessatti nama jalqabaa hidhaa umurii guutuun adabamedha.
Lammiin Awustiraaliyaa ganna 29, Birentan Taranti yakka ajjeechaa namoota 51 fi yaalii ajjeechaa namoota 40’n himatamee murtoon kun irratti darbe.
Abban seeraa gochaan kun ‘’namummaan ala’’ jechuun ‘’araara tokkollee hin agarsiifne’’ jedhe.
Kana malees Taaranti nama jalqabaa seenaa biyyattii keessatti yakka shororkeessummaan himatame murtoon irratti darbedha.
Yakki dalagde waan abaaramaadha, osoo umurii guutuu hanga duututti hidhamtellee adabbichi yakkichaaf gahaa miti,’’ jedhan abbaan seeraa Kaameeruun Mander.
Murtoo umurii guutuu dabarsuun amma yoo hin taane, yoomiree? Jedhan abbaan seeraa kun.
Namni kun carraa waggoota muraasa hidhamee gadhiifamuu hin qabu. Hanga du’utti mana hidhaa keessa tura jechuudha.

Madda suuraa, EPA
Adabbiin akkasiii kun yakkoota ajjeechaa suukaneessaa akkasii namoota raawwatan ittiin adabuuf kan taa’eeru jedhan Kaameeruun Maander.
Niwu Zelaandi sirna haqaa ishee keessatti adabbii murtoo du’aa dabarsuu hin qabdu.
Bireentan Taarant eenyu ture?
Tarant Caamsaa 15 Masjiidota lama irratti haleellaa banuun lubbuu namoota 51 galaafate. Namni kun bara 2010 abbaan isaa duunaan hojii isaa dhaabuun biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa keessa imalaa ture.
‘’Erguma imala gara biyyoota kanneeniitti jalqabee amalli isaa akka amma beeknu kanatti jijjiiramaa dhufe’’ jedhan akkoon isaa.
Bara 2017 keessa gara Niwu Zelaanditti imaluun haalatti hawwaasa Musiliimaa irratti haleellaa raawwachuu danda’e karoorsaa akka ture himeera.
Ejjennoo fuula 74 qabus haleellaa raawwachuu isaan dura maxxanseera.
Meeshaa waraanaa miidhaa guddaa geessisuu danda’uu, hawwaasa biratti addatti kan ilaalamu, haguuggii miidiyaa addaa kan argachuu danda’uu fi siyaasa Ameerikaa fi adunyaa irratti dhiibbaa qabu filachaan ture,’’ jechuun barreeffama maxxanse irratti ibsuu Niw Yoorki Taayimsi gabaasera.
Kana malees ilaalchota Ameerikaa lama meeshaa waraanaa qabachuu fi dhiisu irratti jiran gidduutti walitti bu’insa uummun wal qoqooddaa aadaa, siyaasaa fi sanyii bal’isuuf karoorsaa uruu ibseera.
Ministerri Muummee Niw Zelaandi Jekinda Ardeerni dhaddacha taa’ame irratti ‘’ kana booddee sababatti shororkeessaa irraa deebii dhageenyus tahe waa’ee isaa haasofnu hin qabnu’’ jedhan.
Erha haleellaan kun raawwatee Niwu Zelaandi seera meeshaa waraanaa dhuunfaatti qabachuu guutummaatti fooyyessiteetti.












