Deenmaark hijaaba kan fuula doksu dhorkite

Erga Paarlaamaan Deenmaark gaafa Caamsaa 31,2018 hijaaba dhorkee dubartoonni hijaaba uffatanii suura ka'uun masaraa Christianborg kan Copenhagen keessatti argamu duratti ba'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Paarlaamaan Deenmaark gaafa Caamsaa 31,2018 hijaaba dhorkee dubartoonni hijaaba uffatanii suura ka'uun masaraa Christianborg kan Copenhagen keessatti argamu duratti ba'an

Deenmaark uffanni fuula haguugu akka hin uffatamne seera paarlaamaadhaan labsite.

Seera akkasii baasuudhaan boodana biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaatti kan makamte Deenmaark ,labsiin isheen baaste kun dubartoota muslimaa hijaaba uffatan irraan dhiibbaa geessiseera.

Labsiin kun kaleessa sagalee 75n kan darbe yoo ta'u har'a(Waxabajjii 1, bara 2018) irraa eegalee hojiirra oola.

Namni seera kana cabse maallaqa doolaara 157 adabama, kan irra deddeebiin seera kana cabsemmoo si'a kudhan adabama jedha seerri kun.

Seerri haaraan kun kallattiidhaan dubartoota muslimaarratti xiyyeeffachuu baatus, ''namni hawaasa keessatti uffata fuula haguugu uffatee argame kamiyyuu maallaqaan adabama '' jedha.

Ministirri Haqaa Deenmaark Søren Pape Poulsen ''Kallattii duudhaa qabnuutiin yoo ilaalle, hawaasa akkamii fi aadaa akkamii qabna kan jedhu hubachuu qabna. Ijaa fi fuula keenya haguuguu hin qabnu. Wal ilaaluu danda'uu qabna. Fuulli keenya guutummaa guutuutti mul'atee waliin dubbachuu qabna,kun duudhaa Deenmaark keessa tureedha.'' jedhan.

Dhaabbati Amnesty International seera Deenmaark baaste kana mirga dubartootaa sarbuudha jechuun qeeqeera.

Bara darbe garuu Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa wayita seera akkasii Beeljiyem keessatti labsu, fuula haguuguun amantaa agarsiisuuf jecha mirga namni dhuunfaa tokko jireenya hawaasummaa keessatti qabu sarbeera jedhee ture.

Seerri kun Awurooppaa keessaa eessafaa jira?

Yeroo jalqabaaf seera kana bara 2011 kan baaste Faransaayi. Ji'oota muraasa booda Beeljiyeem itti aantee seera fuula haguuguu dhorku baaste.

Ergasii biyyoonni akka Austria ,Bulgaria, Jarman gara kibbaa kutaa biyyaa Bavaria fi Dutch keessattis hojiirra ooluu eegale.