Namni tokko safuu cabsuun himatamnaan hojjettoonni Itoophiyaa hedduu Keeniyaa keessaa akka ari'aman godhe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hojjettoonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman safuu cabsuun Keeniyaa keessaa ari'aman

Keeniyaa Kawuntii Maandeeraa keessatti hojjettoonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman ari'amaniiru.

Hojjettooni seeran ala naannoo san waggoota 10 oliif hojjechaa turan namni tokkoo erga safuu cabsuun re'ee irratti gocha hamaa raawwateen booda akka ari'aman taasise.

Jiraattoonni naannichaa, Manni Maree Jaarsolii, Abbootiin Amantaa fi dargaggoonni Maandeeraa keessattuu bulchiinsa Eel-Waaq lammileen Itoophiyaa kunneen Sadaasa 18 irra kaasee naannicha gadhiisanii akka bahan ajajan.

Qondaltoonni aanaa fi sheekonni maaykiroofoonii fi sagalee guddiftuu qabatanii ollaarraa deemuun ajaja kana dabarsaa turan.

Kutaa bulchiinsa Eel-Waaqitti itti aanaan Komishinara kan ta'e Toobbiyaas Otuungaa uummanni yeroo dheeraf rakkoo kana himachaa ture jedha.

Komiin jiraatus, tarkaanfii fudhatamuu qabu irratti mar'iachaa akka turan ibsa.

"Jumlaadhaan ari'amuun isaanii akkaataa mootummaan itti hojjettu osoo hin taane hawaasni haala jiruuf deebii kennuudha." jedha qondalaan kun.

Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiru ''haala kana itti dhiyeenyaan hordofaa jirra.

Komishinera poolisii Mandheeraa waliin dubbachaa jirra. Haala kabaja namummaa eegee fi mirga isaanii hin tuqneen akka dhimma kana ilaalan gaafanneerra jedhe

Naannicha keessatti namoonni beeylada tiksuuf qacaran tokko tokko gochaa safuu cabse harree fi re'ee irratti raawwachuun himataman.

Shakkiin turus, dhiheenna kana osoo tiksituun tokkoo re'ee irratti gochaa safuu cabse osoo raawwatuu argamuun dubbicha hammeesse.

Kuni uummata naannichaa garmalee aarsee, hojjettoonni Itoophiyaa naannicha keessa hojjetan akka ari'aman taasise.

Keeniyaa keessattuu gama Kaabaa hojjettoonni Itoophiyaa hedduutu jira. Mooyyallee, Wajeer fi Maandeeraa keessatti hojii manaa, daldala fi tika horii irratti bobba'u.

Naannoo Eel-Waaq qofa keessa hojettoonni 1000 ol jiraachuu jiraattonni himu.

Jiraatan Eel-Waaq Alnaasir Abdikaadir hojjettoonni kunneen waa'ee hawaasa isaanii keessatti hin beekamne fi fudhatama hin qabne hojjechuu ibsa.

Nama harree yaabbee galgala yeroo aduun dhiitu loon galchaa jiru

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasni Maandeeraa horsiisee bultoota.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkoon guddoon dubartoota osoo hin taanee dhiirota biraatti argamuu hima, haata'u malee amma tarkaanfiin hunda isaanii irratti fudhatamaa jira jedha.

"Namni ammaatti adoo waan hamtuu hojjechuu jiru qabame tokko qofa, tokkicha kanaatti hundi isaanii akka asi gussan/ari'aman godhe."

Alnaasir hojjettuu Itoophiyaarraa dhufte qaba ture. Torbaanota muraasa qofa isa bira hojjette. Amma sababa labsii kanaaf miindaashee kenneefii hanga Itoophiyaa akka galtu haala mijjeessef.

Yeroo ari'aman kana miindan isaanii akka kaffalamu sheekotaa fi qondaltoonni aanaa uummata irraa deemudhaan itti himan.

"Kalee wanti ani argee, hojjettoota garii beessee/miindaa ji'a tokkoo fi lamaa fa kennaniifii ari'an, isaanis gara mootummaa deemanii boo'u." jedha Alnaasir

Kanaaf amma maallaqni isaanii akka kaffalamuuf waamichi dhihaachaa jira.

"Sadaasa 18 irraa eegalee hanga har'a namoonni naannicha gadhiisanii bahaa jiran." jedha

Jiraattonni gocha kanaaf aarii qabaatanis, hojjetaan miidhame hin jiru jedha itti aanaan Komishinara Toobbiyaas Otuungaa.

Kanaaf akka miidhaan isaan irra hin geenye waliigalteedhan akka galan murteessuu hima.

Hojjettoonni seeran ala Itoophiyaarraa Keeniyaa seenan guyyaan guyyaan dabalaa jira jedha Otuungaan.

Daangaa irratti eegumsi jiraatus, lafti bal'oo waan taateef bakki ittin seenan hedduti jira.

Naannoo daangaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daangaan Keeniyaa fi Itoophiyaa baay'ee bal'oodha

Yeroo garaagaraatti namoota to'atanis rakkoo kana furuun hin danda'amne.

Naannoo Maandeeraa daangaa Soomaaliyaarraa waan jirtuuf namoonni seeran ala dhufan kunneen rakkoo nageenyaan sodaatamu.

"Al-shaabaab namoota hojii hin qabne qacara, asiin dura namoonni kunneen qacaramuu dhaga'u baannus sodaan inuma jira." Jedha

Naannolee daangaa kana irratti yeroo baay'ee lammiileen Itoophiyaa seeran ala daddabarfamuun baratameera.

Gariin qabamanii manneen hidhaa keessa jiru, kaan Itoophiyaatti deebifaman kaan ammoo biyyoota biraatti darbu.

Kanneen miidhaan namoota nama daddabarsaniin irra gahus hedduudha. Ta'us kanneen naannolee kana hojiidhaaf dhufanis kumaatamaan lakkaa'aman.

Kana qofa osoo hin taanee daldalli qoricha sammuu namaa hadoochuu naannolee daangaa kana irratti baratamaa dhufeera.

Sheek Isaaq Muusaa akkuma namoota kaanii wanti garmalee balaalleffatu yakkaa horii irratti hojjetamu.

"Ilmi namaa tokko akkamiin horii irratti waan safuu cabse akkasii raawwata? Namaa fi horii sababa Rabbii addaa baasetti jira. Waan akkanaa obsuu hin dandeennu."

Jiraattuun biraa Faaxumaa Alii ari'amuu isaanii kana ni deeggarti. Asiin dura namoonni kunneen hojii baay'ee qabachuun uummataa gargaaraa turan jetti.

Kanneen mana namaa keessa hojjetan malee, kan daldala mataa isaanii qaban hedduuti jira.

"Mana rifeensaa, hoteelaa xixxiqoo fi hojii harkaa waggoota dheeraaf nagumaan hojjechaa turan."

Haata'u malee akkuma yeroon deemuun amalli uummanni hin feene irratti mul'achuu akka jalqabe himti.

Waan kun gocha namoota tokko lamaa hin caalu. Garuu jiraattota hunda miidhe.

Ari'atamuun isaaniis miidhaa tokko hin fidu kan jettu Faaxumaan dhufuu isaanin dura ofumaan hojjechaa waan turreef haaluma sanatti deebina jetti.

Dhimma kana irratti hojjettoota ari'aman dubbisuuf yaalle hin milkoofne.