Tiktookaroota 'safuu cabsan' himata akkamiitu eeggata? Adabbiinoo?

Adonaay H/Mikaa'el badhaasa TikTok yeroo sadaffaaf qophaa'e yeroo mo'atu

Madda suuraa, Kirnfud Digitals

Ibsa waa'ee suuraa, Adonaay H/Mikaa'el badhaasa TikTok yeroo sadaffaaf qophaa'e yeroo mo'atu

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa shakkamaa tiktookara Adoonaay Birhaana H/Mikaa'el jedhamu to'annoo jala oolchee qorachaa akka jiru ibseera.

Namni miidiyaa hawaasummaa irratti beekamu kuni ALI Mudde 1, 2018 to'annoo jala ooluu dura poolisiin federaalaa tiktookaroota shan to'annoo jala oolchee ture.

Kunneenis, sirna badhaasa tiktokii irratti ffataa ''aadaafi safuu biyya keenyaa cabse'' uffatan jechuun shakke to'achuu beeksiseera.

Kanneen hirmaatan ala kan saganticha ispoonsara godhaniifi qindeessan to'atee akka qorachuu eegale ibsee ture.

Adonaay kan hidhame yakka tiktookaroonni shan ittiin shakkaman waliin akka walqabatu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

TikTokaroonni hordoftoota olaanaa qabaniifi beekaman qabamuun isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'eera.

Adonaay TikTok irratti hordoftoota miiliyoona 3.9 kan qabu yoo ta'u, kanneen gaafa Kibxataa to'ataman keessaa maqaa TikTokii Ivaan jedhuun Wangeel hordoftoota 700,000 ta'an qabdi.

Akkasumas maqaa TikTok isaan Jaanii jedhuun kan beekamu Yohaannis hordoftoota 430,000 ol qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin uffata faallaa aadaafi naamusa ummata Itoophiyaa mul'isu uffataniiru kan jedhe namoota shanidha.

Kunneenis, Wangeelaawwit Gabra Indiriyaas, Barakat Tsaggaayee, Maqdim Darajjee, Giruum Gazzaahanyiifi Yohaannis Mokonniin jedhamu.

Miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uumuun kan beekaman namoonni kuni mana murtii dhihaachuu isaanii wanti jedhame hin jiru.

Poolisiin sababa Adonaay to'atame yoo ibsu ''maallaqaafi beekkamtii argachuuf qofa yaaduun'' miidiyaalee itti gaafatamummaa malee fayyadamu dargaggoota jedheerratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fufu beeksiseera.

Keessumaa dhaloonni haaraa naamusa gaariin cimee biyya akka hin gargaarre faallaan immoo dhalootarratti ''aadaa rakashaa'' dhiibuuf akka itti fufu poolisiin ibseera.

Adonaay bakka jiraatu Kanaadaadhaa dhihoo gara Itoophiyaa kan dhufe yoo ta'u dubbiin isaa ''Saggix Fammis'' [akka feetee ta'ii beekami] jedhu ijoo dubbii ta'eera.

Kanaan alas, hojjettoonni Humna Qilleensaa Itoophiyaa bakka argamanitti falmii kaasee ture.

Badhaasni ''TikTok Kiri'etiiv Awaard 2025'' jedhamu ALI Sadaasa 21, 2018 yeroo sadaffaaf Itoophiyaatti taasifameera, sagantichis kallattiin TV. Artisiniin darbe.

Adonaay sagantaa kanarratti mo'atee konkolaataa dabalatee dameewwan kaaniin badhaasa argateera.

Hidhamuun TikTookaroota kanaa maal agarsiisa?

Dhimma kana ilalachisee yaadasaa miidiyaa hawaasaarratti kan qoode Bafiqaaduu Hayiluu TikTokaroonni kunneen hidhamuusaanii dursee miidiyaa hawaasaan duulli itti banamuu yaadata.

Duula miidiyaa hawaasaa hordofee carraa mootmmaan deebii itti kennu uumame kan jedhu Bafiqaaduun, kun garuu "bu'uura seeraa kan qabu natti hin fakkaatu," jedha.

Sagantaawwan badhaasaarratti namoonni dizaayinarootaan hojjechiifatanii bifa gara garaatiin uffatanii argamuun waan baratamedha kan jedhu Bafiqaaduun, kanarrattis, "ofiisaanii ibsatu ykn ergaa dabarsu," jechuun ibsa.

Bafiqaaduun TikTookaroota Kibxata shakkamaniiru jechuun maqaasaanii tarreesse keessaa tokko eeruun "haati kiyya qofaashee na guddiste" jechuun "qormaata uumamaa dubartootaa fi cimina isaanii yaadachuun barbaada" jechuun uffata diimaa uffatee akka argame dubbateera.

Dargaggoon kun dubartoonni ji'a ji'aan "dararaaa ji'aan rakkachuu isaanii yaadachuuf" jecha uffata kana hodhisiifatee uffachuu ibsuu isaa yaadata.

Gurbaa kana akkasumas gurbaa TikTookara borsaa harkaa isaa qabaterratti miidiyaa hawaasaan "jaallattoota saala wal fakkaataa waliin walqabsiisee" duulli irratti banamee akka ture dubbata Bafiqaaduun.

Himannaan miidiyaa hawaasaa kun haqarratti kan hundaa'e miti kan jedhu Bafiqaaduun, "soda miira irratti hundaa'eefi ta'innaarratti kan hundaa'edha," jechuun qeeqqera.

Akka amantaakootti humnoonni nageenyaa deebii kan kennan duula kanaafidha jedhee dubbata Bafiqaaduun.

Abbaan alangaa keewwata seeraa kan akka eeru ammallee hinbeekamiin jira kan jedhu Bafiqaaduun, "hiinee qorachaa jirra jechuu isaa yaadachuun "wanti uffatan kan addabaabaayitti argamu waan ta'eef hidhanii maal akka qoratan hin beeku," jedha.

TikTookaroonni kunneen keewwanni seeraa cabsan jiraannaan kallattii himannaa osoo irratti bananii wayya ture jechun dabalee ibsa.

Himannaa fi adabbii akkamiitu isaan mudachuu danda'a?

BBCn TikTookaroonni kunneen seera yakkaa akkamiin gaafatamu danda'u jechuun ogeessota seeraa kan gaafate yoo ta'u, hanga himanni irratti dhiyaate hin baramnetti dubbachuun rakkisaa ta'uu ibsan.

Haata'u malee, ibsa poolisiiin kennerraa ka'uun Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 639 muraa 1 bu'uura godhachuun himatamuu danda'u jedhanii tilmaamuun akka danda'amu dubbatan.

Keewwanni kun "namni kamiyyu itti yaadee bakka namoonni itti baayyatanitti ykn ummata duratti gocha saal-qunnamtii ykn gochawwan fokkuu faallaa amala gaarii ykn hojii gaariiwantota ta'an kan raawwate ykn akkaataa kana kan mullise yoo ta'e hidhaa salphaa ji'a sadiitii hanga wagga tokkoo ta'u ykn adabbii birria kuma tokko hin caalleen adabama," jedha.

Ibsa poolisiin Roobii hidhamuu Adonaay waliin walqabsiisee kennerratti, yakka shakkamtoonni duraan hidhaman waliin walqabatee hidhamuu isaaa dubbachuusaa yaadachuun, duula miidiyaa hawaasaa hordofee TikTok irratti sagaleen dargaggootaa dabalaa waan deemeef "sana ukkamsuuf, akkasumas naasisuuf waan barbaade fakkaata," jedheera.

TikTookaroota poolisiin qorataa jiru

Madda suuraa, Ethiopian Federal Police

Ibsa waa'ee suuraa, TikTookaroota poolisiin qorataa jiru

Sirni dorgommiifi badhaasaa TikTok Kireetiiv dandeettii waa uumuu dargaggootaa jajjabeessuurra darbee maqaa biyyaa ijaaruurratti gahee akka qabaatu qopheessitoonni saganticharratti dubbatanii ture.

Dandeettii isaaniitiin maqaa biyyaa waamsisuu kanneen danda'an, akkasumas daraggoonni karaa dijitaalaatiin nagaa barsiisan jajjabeessuu kaayyoo kan godhatedha kan jedhame badhaasa kanarratti birriin miliyoona shanii ol badhaasaaf ooluun ibsameera.

Waltajjiin kun artistoonni, komeediyaanonni, shubbistoonniifi kanneen biro kennaa qaban akka irratti agarsiisaniif dameewwan 26 ture kan qopha'an.

Tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhatan sagaleewwan TikTok irratti cimaa dhufan ukkaamsuuf fakkaata kan jedhu Bafiqaaduun, "Sagaleen kunneen siyaasallee miti. Aadaa eeguurraa kan dhufe fakkaata. Leellisummaa deeggaranii taananis liberaalii ta'uunis yakka miti," jechuun dabalee ibsa.

Dargaggoonni TikTookaroota ta'an Itoophiyaa keessa jiran dandeettii isaan dhiibbaa uumuuf qaban cimaa ta'aafi dabalaa ammuma dhufe mootummaan yaaddoo qabaachuu akka danda'u tilmaama jiru dubbata.

TikTokaroota amma to'annoo jala oolfaman ta'uu baatanis warri isaan ilaalaniifi dhiibbaa isaan uumuu danda'an warri hubatan biroon gocha kanaaf oolchuu danda'u yaaddoon jedhu mootummaa bira jiraachuu akka danda'u tilmaama qabu dubbata Bafiqaaduun.

Mootummaan TikTok to'annoon ala akka hin baaneef "namni ana ilaalte adbadhu" jechuuf isaan kana hidhun carraa warra kaan ittiin sodaachisan ni jiraata jechuunis ibsa.