Taphattoonni dhalattoota Itoophiyaa maaliif garee biyyaalessaaf hin waamaman?

Madda suuraa, GETTY IMAGES/HOFFENHEIM.DE
Waggootii sagal booda gara Waancaa Afrikaatti kan deebi’ee gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa, ramaddii isaa darbuu waan hin dandeenyeef yeroon gara biyyaatti deebi’eera.
Taphattoota dargaggoo kan of keessaa qabu garee Waaliyaa keessa taphatoonni Itoophiyaan ala taphatan lama jiraatanis, taphattoonni lamaan kun ga’ee hagana jedhamu hin qaban ture.
Kilabii Masirii El-Gunaan jedhamuuf kan taphatu Shimallis Baqqalaa sababa miidhaa irra ga’een, kilabii Aljeeriyaa J.S Kabileef kan taphatu Mujiib Qaasim ammoo lenjisaa isaan waan hin filatamneef, lamaanuu dirreerratti hin argamne.
Garee Waancaa Afrikaa irratti hirmaatan 24 keessaa taphattoota Afrikaan ala taphatan tokkollee kan hin hirmaachisne Itoophiyaa qofa turte.
Fakkeenyaaf, Komoros, taphattoota isheen jalqabaratti filattee keessaa 11, kanneen Liigota Awuroppaaf taphatinidha.
Gama biraan, Ikuwaatoriyaal Giniin taphattoota Ispeen fi Xaaliyaan keessatti divizhiyoonii lammaafaafi sadaffaaf taphatan hirmaachiste.
Yeroo jalqabaaf kan Waancaa Afrikaa irratti hirmaatteefi leenjisaa durii garee Waaliyaa kan ture Tom Seentifiitiin kan hogganamtu Gaambiyaanis, taphattoota biyyasheen alatti taphatan hiriirsitee turte.
Gareen Waaliyaa garuu taphatoota dhalattoota Itoophiyaa ta’an maaliif hirmaachisuu hin dandeenye?
Taphattoota Awurooppaa keessatti taphatan waan hin qabneefimoo kan biraa?
‘Dhimma paaspoortii’
Ramaddii isaa keessaa qabxii tokko qabatee kan dorgommicha keessaa ba’e gareen biyyaalessaa Itoophiyaaf lenjisaa olaanaa kan ta’an Obbo Wubatuu Abaatee, erga biyyatti deebi’anii booda, ibsa miidiyaaleef kennaniin “hirmaannaan keenya gaarii ture,” jedhaniiru.
Gama biraan, hogganaan federeeshinichaa Obbo Baahiruu Xilaahuun ammoo, bu’aa barbaadame argachuu dhabuu keenyaan, “uummata Itoophiyaa dhiifama gaafanna,” jechuun dubbataniiru.
Dhimma dhalattoota Itoophiyaa irratti gaffii dhiyaateef, hoogganaan kun akka sababa ijootti kan kaasan dhimma paaspoortiidha.
“Itoophiyaan lammummaa dachaa waan hin eeyyamneef, dhalattoota Itoophiyaa garicha keessatti hirmaachisuu hin dandeenye,” jechuun deebii kennaniiru.
Kana dura garee biyyaalessaaf akkasumas kilabii Buna Itoophiyaaf kan taphate dhalataan Jarman Deevid Bashaa garuu kun sababa ta’uu hin danda’u jedha.
“Dhugaadha, muuxxanoo koo irraa ka’uun, lammummaa biyya biraa yoo qabaatte, Itoophiyaaf taphachuu hin dandeessu. Kanaan achi lammummaa kee isa biraa dabarsitee kennuu qabda.”
Deevid Waancaa Afrikaa dura, maqaa taphattoota sagal Awurooppaa jirataniifi Itoophiyaaf taphachuuf fedhii qabanii, federeshinii kubbaa miillaa Itoophiyaafi leenjistootaaf dhiyeessee ture.
“Yeroonsaa gabaabaa ture. Ani taphattoota kana filachuu kanan eegale dhuma Fulbaanaa keessa ture. Ta’us garuu dargaggoota dandeetti gaarii qaban leenjistootaaf dhiyeessus isaan garuu dandeetti taphattoota kanaan akka hin gammadne ture kan natti himame.”
Deevid garuu taphattoota kunneen keessaa tokko tokko kilabii gurguddoof akka taphataniifi dandeetti gaarii akka qaban hima.
“Keessumaa taphattoota sarara duraa ture garee biyyaalessaaf kanan filadhe. Goolii eegaa Norweey keessatti taphatu tokkos filadheen ture. Yoo xiqqaate taphattoota kana waamanii utuu dirree leenjii irratti dandeettii isaanii qoranii gaarii ture. Deebii naaf kennameen hin gammadne,” jedha.
“Taphatoonni Itoophiyaa dandeettii qaban hundaan akka taphatan beeka. Ta’us garuu diinagdeen nuti qabnu cimaa miti. Gareewwan biyyaaleessaa akka Gaambiyaa, Keep Vaardee, Seeraa Liyooniifi kan biroo yoo ilaalte, taphattoota biyya biraa keessatti taphatan hirmaachisaniiru,” jechuun Deevid dandeetti isaan agarsiisan irratti dubbateera.
Kanaratti ilaalchi Itoophiyaa keessa jiru, “taphatoonni Awurooppaa keessa jiran Pirimeerliigii Ingilizii ykn Laligaa ykn Bundasliigaa keessatti yoo hin taphatan ta’e, dandeettiin taphattoota kanaa karaa itti qoratamu hin qaban,” jedha.
“Fakkeenyaaf, taphattoota ani filadhe keessaa inni tokko taphataa liigii sadaffaa Jarmaniidha. Liigiin Itoophiyaa kamuu garee ligii kana akka hin dandeenye beeka.”
Leenjisaan “dandeetti taphattoota kanaa utuun as fidee qoradhee rakkoo hin qabu ture garuu dhimmi paaspoortii na dhorka,” jedha kan jedhu Deevid, dhimmi paaspoortii furmaata siyaasaa hatattamaa akka barbaadu hima.
‘Dhimichi waa’ee paaspoortii miti’
A.L.A 2011 irraa eegalee taphattoonni dhalattoota Itoophiyaa ta’an, garee biyyaalessaa Itoophiyaaf filuun kan beekaman Farhaan Mohaammad, dhimmichi wa’ee paaspoortii miti jedhu.
“Na amani dhimmichi wa’ee paaspoortii miti. Utuu akkas ta’ee Deevid Bashaan akka Awuropppaa deemee taphattoota filatuuf maaliif ergani? Maqaa taphattoota kanaa fidee yommuu dhufu deebiin lenjistoonni kun kennan dandeettiin isaanii gaarii miti kan jedhudha.”
Farhaan rakkoon kan jiru leenjistoota biradha jechuun falmu.
“Yeroo lenjisaa Sewunet Bishaaw irraa eegalee taphattoota filachuuf nan yaala. Ta’us garuu leenjistoonni Itoophiyaa hayyamamoo miti.
Maariyaanoo Bareetoo qofadha hayyamamaa ta’uu isaa kan natti agrsiise. Federeeshinichi taphattoota biyya alaarraa akka fiduuf dhiibbaa waan gochaa tureef, yeroo isaatti kan akka Yusuuf Saaleeh, Waalii Daantaa fi Amiin Askaar dhufanii turan.”
Miidiyaalee hawaassummaa irratti waa’ee taphattoota dhalattoota Itoophiyaa ta’anii barreessuun kan beekamu, Adonaay Ermiyaasis, kun sababa ta’uu hin qabu jedha.
“Odeeffannoo ani argadheen, Awurooppaa keessa qofa taphattoonni dhalootaan Itoophiyaa ta’an 35 ta’an jiru,” jechuun taphattoonni kun Waaliyaaf barbaachisoodha jedha.
“Leensitoonni lammii Itoophiyaa ta’an taphattoota beekan waliin malee taphattoota biyya alaa irraa dhufan waliin hojjachuu barbaadu jedhee hin yaadu.”
Deevid Bashaanis yaada kanaan walii gala.
“Yeroo gulaalliitti maaliif hin dhufanii?’
Deevid fi Adoonaay, taphattoonni dhalataa Itoophiyaa ta’an, Itoophiyaan yeroo dorgommii waancaa Afrikaa ykn kan biraa dabartu qofa dhufu yaada jedhuun waliif hin galani.
“Kana dura eenyu isaan waamee beeka? Eenyuyyu, ta’us garuu taphattoonni kun waamicha qofa eegu. Taphattoonni kun yeroo kamittiyyuu Itoophiyaaf taphachuuf qophaa’oodha. Ta’us garuu eenyuuyyu isaan waamee hin beeku. Yoo hin waamamiin akkamiin dhufu?” jedha Deevid.
‘Viizaa Ispoortii’
Dhimmi lammummaa dachaa kun biyyootii biroottis gufuu kan ta’ee ture akka ta’e Deevid ni hima. Ta’us garuu biyyootiin hedduun rakkoo kana akka furan hima.
Akka fakkeenyaattis Deevid dhimma biyyaa Kibba Ameerikaa, Suriinaam kaaseera.
“Taphattoota gurraachaa Neezarlaand keessa %99 biyyattii kanarraa dhufan. Ta’us garuu waggaa lama ykn sadii dura rakkoo lammummaa dachaa furuuf ‘viizaa ispoortii' qopheessan. Paaspoortiin kun taphattoota ispoortii qofaaf kan kennamudha.
Kanaafidha Deevid dhimmi kun yoo itti yaadame furmaata argachuun salphaadha kan jedhu.
Taphattoonni biyya alaa jiran haa dhufan jechuun taphattoonni Itoophiyaa keessa jiran gadi haa ta’an jechuu akka hin taane Deevid ni hima.
“Ani karoorrikoo gareen biyyaalessaa taphattoota biyya alaarraa dhufaniin guutuu miti. Ani arguu kanan barbaadu gareen biyyaalessaa gurmuu taphattootaa ciccimoo ta’ee bu’aa akka fidudha.”
“Eenyu beeka leenjisaan ammaa yoo isaan waamuu baate, leenjisaan itti aanu isaan waamuu danda’a ta’a…”













