Kaameruun dorgommiiwwan kubbaa miilaa akka daawwataniif hojjattoota dirqiisiisaa jirti

Deegertoota Maalii Amajji 16, 2022 istaadiyeemii keessatti

Madda suuraa, Reuters

Wayita dorgommiin Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa biyya isheetti gaggeeffamaa jiru kanatti Kaameruun hojjetoonni biyyattii bahanii taphawwan gaggeeffaman akka daawwataniif dirqisiisaa jirti.

Keessumaa hojjetoonni Kaawunsilii Buea kan Kibba-lixa Kaameeruunitti argamtuu taphawwan kubbaa miilaa Waancaa Afrikaa gaggeeffamaa jiru kana akka dawwataniif dhiibbaan irratti taasifamaa jiraachuu himu.

Kunis haaluma ajajawwan bulchaan naannichaafi kantiibaa magaalattiitiin kennameetiin yoo ta'u, argamanii dowwachuun hundaafuu dirqama jedhameera.

Murteen kun erga taphawwan muraasni magaalaa Limbee keessatti daawwattoonni muraasni istaadiyeemii keessatti argamanii gaggeeffameen booda kan darbedha.

Buea ammoo gareewwan magaalaa Limbee keessatti taphatan kan keessumeessaa jirtudha.

Jiraattonni Buea baayyeen ammoo waraana mootummaafi loltoota warrra foxxoquuf qabsaa'aa jiran gidduutti deemaa jiru sodaatu.

Loltoonni garee warra foxxoquudhaaf qabsaa'aa jiranii kun ammoo waggoota shaniin dura jalqabanii mootummaa waliin wal waraanaa kan jiran yoo ta'u, dorgommicha akka jeeqan akeekkachisanii turan. Mootummaan garuu nageenya mirkaneesseera jedha.

Magaalonni kaan baayyeen ammoo lakkoofsa daawwattootaa isteediyeemii keessatti baayyiisuuf jecha deeggartoota kubbaa miilaatiif konkoolaataafi awutobusiiwwan dhiyyeessan.

Mootummaan Kaameeruun kubbaa akka daawwataniif jecha gaafa Sambataatti sa'aatii hojii hojjattootaaf hir'isee ture.

Hojjattoonni ejensiiwwan mootummaafi korporeshiniiwwan mootummaas Wiixata irraa kaasee hojii guyyaa sa'aatii 8 irratti xumuruu eegalaniiru. Akkasumas, dareefi barnoonni ammoo sa'aatii torba irratti xumuramaa jira.

Odeessaalee walfakkaata: