Erga Benitez ari'amanii booda Evertan leenjisaa haraa qacaruuf barbaadaa jira

Leenjisaa Darbii Kaawontii, Wayinii Ruunii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Darbii Kaawontii, Wayinii Ruunii
    • Barreessaa, Harry De Cosemo
    • Gahee, BBC Sport

Jalqabumaa gammachuu deeggartoota kilabicha malee hojii leenjisummaa Evertaniif kan qacaraman Raafa'el Benitez qabxii barbaadamu galmeessuu dhabuun ari'aman.

Beenitez kilaba masaanuu Evertan tahe Liiverpuul leenjisaa waan tureef deeggartoota kilabichaan jalqabumaa hin jaalatamne ture.

Dirree Noorwich Siitii irratti Sanbata darbe Evertan injifatamnaan turtii ji'oota torbaa booda kilabichi Beeniteez gaggeessuuf murteesse.

Amma eenyutu bakka isa bu'a kan jedhu barbaaduutti deebi'aniiru. Evertan liigicha keessaa gadi bu'uuf qabxii jahaan qofa fagaatee argama. Kanaaf murtoon leenjisaa biraa fiduu ariifachuu mala.

BBC Ispoorti akka odeeffannoo qabutti duraan kilabicha leenjisaa kan turanii fi amma garee biyyaalessaa Beeljiyeem leenjisan Roobertoo Maartinez kilabicha keessaa ammayyuu jaalattoota hedduu qabu.

Gargaaraan leenjisaa kilabichaa Daankaan Fergusan, leenjisaa Darbii Kaawontii Wayinii Ruunii, leenjisaa Biraayitan Giraam Pooter kanneen jalqaba irratti maqaan isaanii dhahamaa jirudha.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Liiverpuul Istiifen Waarnook, Wayinii Ruunii maqaa dhahamuu danda'a, garuu bakka inni turuu filatutu murteessa,'' jedhe.

''Gama deeggartootaa fi kilabichaan yoo ilaaltu carraa kana diduun ulfaataa tahuu mala. Muuxannoo gahaa qabaa? Kabajaa deeggartootaa fi taphattootaa ni argata.

''Filannoon an yaadu garuu deeggartootni Biraayitan akkan dubbadhu hin barbaadan taha, Giraam Pooter. Deeggartootni Everteen tapha banaa fi jifachuu irratti xiyyeefffate arguu barbaadu. Kana ammoo leenjisaa Biraayitan kana irraa argatta.''

Leenjisaan Barnilee, Shiin Daayik waggoota gara kudhaniif kilabicha waliin turuun yeroo lama Piriimer Liigii keessaa gadi bu'uun deebisanii dorgommichatti galchuu danda'aniiru.

Akkasumas dorgommii Liigii Awurooppaaf akka dhaqqabanis godhaniiru.

Bara kana garee isaa Barnileetti cimsuf baajata gahaa waan hin arganneef yaaddoo keessa jira. Kana duras maqaan isaa Everteen waliin ka'aa ture. Tarii carraan kun kan dhiyaatuuf yoo tahe fudhachuu danda'a.

Daankaan Fergusan taphataa Everteeniif waggoota dheeraa taphachuun seenaa guddaa qabudha. Bara 2014 eegalee garee taphattoota jalqabaa leenjisaa ture.

Waggaa lamaan duras yeroo Maarko Silvaan ari'amu hanga Kaarloo Anchelootiin qacaramutti leenjisummaan kilabicha gaggeessaa ture. Ammas carraa kana argachuu mala.

Kan biraa Tootenaam gala jedhamee eegamaa kan turee hin milkaa'iin hafe leenjisaa duraanii Roomaa Paawuloo Foonseekaadha. Everteenis leenjisaa kana kana dura gaafatanii ture.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Denamaarki Kaasper Huulmaandi, garee biyyaalessaa Waancaa Awurooppaa irratti walakkaa xumuraaf dhaqqabsiise akkasuma nama muuxannoo gahaa qabudha.

Kan biraan ijoollee kilabicha keessaa guddisuun gahoomsuutti kan amanu Firaanki Laamaaprdifis gaaffiin leenjisummaa kun dhiyaachuufii danda'a.

Leenjisaa Roomaa, dhiyeenya kana milkaa'inni irraa fagaate Joosee Mooriinoo, leenjisaa duraanii Tootenaam Nuuno Ispiriitoo Saantoo fi Wayinii Ruuniin hanga ammaatti namoota maqaan tarreeffaman keessatti argamu.

Ruuniin tapha kubba miilaa Evertenitti kan eegale yoo tahu leenjisaan ganna 36 kun darbii Kawontii keessatti hojii dinqiisaa hojjeteera. Garuu ammoo sababa adabbii qabxii 21 irraa kan ka'e kilabichi gadi bu'eera.