Maanchister Yuunaayitid: Leenjisaa haaraan Yuunaayitid Raalf Raaginik ji'a jahaa ol turuu akka malu hime

Ralf Rangnick

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Rangnick tapha Man Yuunaayitid Arsenaal waliin godhe irratti Oldi Tiraafordi ture

Leenjisaa haaraan Maan Yuunayitid yeroofii Raalf Raaginik turtii ji'a jahaa walii galan boodas leenjisummaan itii fufuuf carraa akka jiru himan.

Raaginik, Olee Gunar Soolshayer bakka bu'uun kilabicha ji'a jahaaf leenjisa jedhameeti. Sana bood ammoo gorsaa kilabichaa tahuun waggoota lamaaf hojjechuuf waliigaleera.

Yoo haalli hunduu akka gaariitti deeme akkuman RB Leipzig keessatti si'a lama godhe sana akka tahun gorsa. Waggaa tokkoof ana waliin hojjechaa turuun yaada gaariidha. Garuu sun ammatti hin baramne,'' jedhe leenjisaan ganna 63 lammii Jarman.

''Namootni ani ifatti waliin dubbadhe waa'ee yeroo leenjisummaa ji'a jahaa qofadha,'' jedhe.

''Amma akka isaan leenjisaa haaraa barbaadan hubadheera. Yoo waa'ee kanas natti kaasan yeroo sana kan ilaallu taha,'' jedhan.

''Hojiin koo inni guddaan ammaa taphoota itti aanan kana mo'achuudha jedhan Raalf.

Waa'ee Roonaaldoo?

K Roonaaldoon tapha leenjisaa haaraan kun taa'ee daawwachaa ture Arsenaal waliin taasifame irratti galchii lama lakkoofsise.

Taphataan ganna 36 kun falaasama taphaa Raalf Raaginik barbaadu waliin hin deemu jedhamuun gaaffiin ka'aa ture.

''Haala taphaa taphatoota qabduutti baruun isa waliin kan deemu hojjetta malee faallaa isaa miti,'' jedhe Raaginik.

''Kiristaanoo ganna 36 tahee marsaa lammaffaaf akkasitti arguun dinqiidha. Taphataa cimaadha. Umurii isaa kanaan taphataa gahumsa qaamaa akkasii qabu argee hin beeku. Ammayyuu taphataa salphaatti garaagarummaa uumuu danda'udha,'' jedhe.

''Waan murteessaan akkamiin garee guutuu isaa cimsina kan jedhudha. Malee qofaatti dhimma Roonaaldoo miti. Adunyaa irraa liigii baayyee cimaa tahe keessatti dorgomna, kanaaf taphattootni hunduu gahumsa isaanii irratti argamuu qabu. Waan Roonaaldoo irraa arge akka fedha guddaa qabudha,'' jedhe.

Raaginik Maan Yuunaayitid qabxii 12'n Chelsiidhaan caalamee sadrakaa torbaffaa irra kan jirutti darbuu isaati. Shaampiyoonsi Liigiitti ammoo marsaa itti aanuuf darbaniiru.

Garee kanatti madaallii gaarii fiduun murteessaa akka tahe himan. Taphni Arsenaal waliinii baayyee bohaarsaa tahullee mo'achuuf dirqama galchii sadii lakkkoofsisu qabu ture. Galchii lama lakkaa'amuun baay'ee waan taheef isa fooyyessuuf akka hojjetan himan.