Nuunoo Espiriitoo Saantoo: Tootanhaam leenjisaa isaa baatilee afur booda hojiirraa ari'e

Nuunoo Espiriitoo Saantoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nuunoo Espiriitoo Saantoo ji'a afur dura Wolvar Haampitan irraa Tootanhaam dhufan

Tootanhaam Hootispar Sanbata darbe Manchistar Yunaayitidiin 3-0n injifatamuu hordofee leenjisaa isaa Nuunoo Espiriitoo Saantoo hojiirraa ari'e.

Nuunoon Wolvar Haampitan waggoota afuriif erga leenjisanii booda ji'a afur dura gara Tootanhaam dhufan.

Pirimiyar Liigiin Ingiliiz bara 2021/22 erga eegalee taphoota 10 kan taphate Tootanhaam, taphoota 5 injifatamuun sadarkaa saddeettaffaarra jira.

Pirimiyar Liigicha kan dursa jiru Cheelsii waliin garaagarummaa qabxii 10 qabu.

"Nuunoo fi gareen leenjistootaa isaa hagam akka milkaa'uuf fedhan nan beeka, tarkaanfii kana fudhachuuf dirqamuu keenyatti nan gadda," jedhe direektarri kilabichaa Faabiyoo Paratiichii.

Leenjisaan lammii Poorchugaal Nuunoon, gara Tootanhaam kan dhufe waliigaltee waggoota lamaaf turuun ture.

Eenyu bakka leenjisaa kanaa akka bu'u itti fufee akka beeksisu Totanhaam himeera.

Murteen Nuunoo ari'uu ida'ama sababoota qabxii wal makaa kilabichi galmeessisaa jiru, akkaataa taphaa fi duub-deebii deeggartootaati jedha gabaasaan ispoortii BBC Simoon Istoon.

Tootanhaam keessa Nuunoon ari'amuu isaatiif gaddamaafii jira, sababni ammoo Nuunoon gara kilabichaa kan dhufe yeroo ulfaataatti kan jedhudha.

Jijjiirraa Haarii Keen dabalatee dhimmoota ulfaatoo hedduu keessummeessaa ture.

Leenjisaan duraanii Cheelsii fi Intar Miilaan Antooniyoo Koontee gamanumaan gara Tootanhaam dhufuu akka danda'u tilmaamni jiraachuus hima Simoon.

Antooniyoo Koontee Maanchistar Yuuniyitid waliin wal qabatees maqaan isaa kan ka'aa jiru yoo ta'u, Ole Gunaa Solshaayar leenjisummaa Yunaayitid kan gadhiisu yoo ta'e, tarree leenjistoota adda durummaan isa bakka bu'uu danda'u jedhaman keessa maqaan Koontee hin jiru.

Eebla darbe leenjisaa duraanii Hoosee Moriinihoo kan ari'e Tootanhaam leenjisaa barbaachatti ko'oommatee ture.

Yeroos kilabichi Antooniyoo Koontee waliin dubbatee turus waiigalteerra hin geenye ture.