'Mohaammad Saalaah wayita ammaatti Liyoonel Meesii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo ni caala'
Jifataa kilaba Livarpuul ka tahe Mohaammad Saalaah yeroo ammaatti ''addunyaarra taphataa isa cimaadha'' jedhe taphataan kilaba Bilaakbarn Roovars, Chris Sutton.
Galchiin ajaa'ibaa Saalaah gaafa Dilbataa Maanchistar Siitiirratti galche ''goolii cimaa bara Pirimeer Liigii keessaa isa tokko,'' kan jedhe ammoo jifataa Ingilaand duraanii Alan Shiirari.
Taphataan ganna 29 kun waqtii taphaa baranaan, taphoota gosa hundaa sagal taphachuun, goolii sagal galcheera. Dabalataanis kubbaa sadii gooliif tahu mijeessee kenneera.
''Wayita amma jirru kanarratti, Liyoonel Meesii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo caalaa cimaadha,'' jedhe Sutton.
Ji'a dabre keessa Pirimeer Liigii irratti gooliisaa 100ffaa kan galche Moo Saalaah, ammallee gahumsa agarsiisu dabaluun deeggartoota kubbaa miilaa ajaa'ibsiisaa jira.
Tapha gaafa Dilbataa Maan Siitii wajjin taphatanirrattis gahumsa dassaa agarsiisaa ka ture lammiin Maasrii Saalaah, galchii Saadiyoo Maanee lakkoofsiseef kubbaa mijeessee kan kennees isa ture.
Gama Siitiin ammoo Fil Fodan fi Kevin de Biruuyna galchii lama lakkoofsisuun, qabxii qooddatanii akka bahan gargaaran.
Gama gahumsa Saalaatti oggaa deebinu - akka Sutton jedhutti, ''sadarkaan gahumsa walitti fufinsaan agarsiisaa jiru'', taphataa cimaa addunyaa kanarra yeroo ammaa isa taasisa jedha.
Taphataan Cheelsii duraanii kun taphoota Pirimeer Liigii baroota sadan darban irratti, giddugaleessaan gooliiwwan 21 galchaa kan ture oggaa tahu, bara taphaaa 2017-18'n goolii 32 galcheera.
''Baroota dhiyoon asitti lakkoofsi galchii inni lakkoofsisu waan ajaa'ibaati,'' jechuun taphataan Bilaakbarn Roovars, Kiriis BBC Radio 5 Live irratti dubbate.
''Gahumsa isaa kana waltajjii guddaa tahe kanarratti agarsiisuun isaa - hangam nama cimaa tahuusaa kan mul'isudha.
''Gahumsi [taphataa] walitti fufinsa qabu waan barbaadamudha. Kanammoo inni bara tokkorraa isa kaanitti mirkaneessaa jira. Liivarpuul ammoo haga ammaa kontiraata isaa hin dhereessineef.''

Madda suuraa, Getty Images and BBC Sport
Taphataan sarara ittisaa Ingilaand duraanii Mikaah Richaardis, bara 2015 Saalaah wajjin kilaba Fiorentina kan wajjin taphatan oggaa tahu, yaada Kiriisin waliigala.
''Ani yeroo dheeraaf, Saalaah taphataa cimaa addunyaa kanaati jechaan ture,'' kan jedhu Richaardis, ''Namuu natti kolfee ture. An garuu erga Fiyoorentinaati isa jajaan ture,'' jedheera.
















