Arsenal 3-1 Tottenham: Arsenaal morkattoota isaanii Kaaba Landan Totanihaam irra aanan

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal gara mo'ichaatti imala taasisu wayita itti fufu, Totanhaam ammoo taphoota dhiyootti taphatee mo'atamaa adeemuun isaa deeggartoota isaa yaaddesseera. Kunis tapha 'darbii' Kaaba Landanitti taasifameen mul'ateera.
Tapha dirree Emireetis irratti taphatameen booda Arsenaalonni, sadarkaa isaanii gabateerraa fooyyeessuun Totanihaam gubbaa taa'aniiru.
Taphoota sadiin dura wayita Totanihaam liigicha tokkoffaa tahuun dursan, Arsenaal ammoo 20ffaarra taa'ee ture.
Galchii jalqabaa Gaanarootaa (Gunners) Emile Smith Rowe kan lakkoofsise oggaa tahu, taphataa qaxalee ganna 20 kan tahe Bukaayoo Saakaa kubbaa dabarseef gooliitti jijjiire.
Achiis Smith Rowe dabaree isaatiin dursaa garichaa kan tahe Obaamayaangif kubbaa mijeessee dabarsuun galchiin lammeessoo galte.
Otuma boqonnaa hin bahin dura gooliin sadeessoo Bukaayoo Saakaan lakkaa'amte - deeggartoonni istaadiyemicha guutan kumaatamni gammachuusaanii akkaan ibsatan.
Boqonnaan booda Totanhaamonni gahumsa gaarii agarsiisanis, galchii tokko caalaa lakkoofsisuu hin dandeenye - ishees Son Heung-min lakkoofsiseera.
Karra eegaan Arsenaalitti barana makame Aran Ramsdale kubbaa Lucas Moura irraa haalaan rukutame, haala ajaa'ibaa taheen goolii tahuurraa oolcheera. Silaa gooliin kun otoo lakka'amee Totanhaamis oonnatee, taphichi jijjiiramuu malaayyu.
Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteettaa fuuldurri kilabichaa karoora yeroo dheeraarratti kan hundaa'edha jedha. Kunammoo ammatti bu'aa argamsiisuu dhiisuu akka danda'us ni amana, deeggartoonnis akka obsan gaafateera.
Mo'ichi dhiyeenya kana kilabichi dhandhamchaa jiru gahumsa ajaa'ibaa Saakaa, Ismiz Roow fi Maartin Odegaard irratti kan hundaa'edha - jarri kun ganni isaanii 20, 21 fi 22 dha.
Dargaggoonni sadan kun goolii Arsenaal lakkoofsise sadan keessaayyuu harka qabu. Xiinxaltoonni hedduus fuuldurri kilabichaa dargaggoota akkasii kilabicha keessa jiran irratti hundaa'a jedhu.












