Leeds 0-3 Liverpool: Mohaammad Saalaah Pirimeer Liigii keessa galchiisaa 100ffaa lakkoofsise

Mohamed Salah scores for Liverpool against Leeds

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Moo Saalaah goolii Pirimeer Liigii 100ffaa isaa Liids irratti galche

Pirimeer Liigii Ingiliiziin Livarpuul kilaboota liigicha dursanitti wayita makamu, Moo Saalaah ammoo galchiisaa 100ffaa lakkoofsisuun kanneen seenaa galmeessan tarree galeera.

Tapha Dilbataan Liivarpuul kilaba Liidsin 3fi 0n kan mo'ate oggaa tahu, taphichi taateewwan adda addaa keessumsiiseera.

Tapha kanarratti taphataan Liivarpuul ganna 18 Harvii Eliyot, taphataa Leeds Paaskaal Struijk irraa miidhaa irra gaheen koronyoon isaa iddoorraa buqqa'uun dirreedhaa wasaasaan oggaa bahu, Struijk kaardii diimaan gaggeeffameera.

Wayita taateen kun mudatutti Liivarpuul taphichaan gahumsa dansaa agarsiisaa turan.

Daqiiqaa 20ffaa irratti lammiin Masrii Moo Saalaah kubbaa Tireent Aleksaandar-Arnold irraa dabreef gooliitti geeddaruun seenaa hojjete. Faabinhoo ammoo goolii ishee lammaaffaa kilabichaaf galche.

Tapha kanarra carraa hedduun kan balleesse Saadiyoo Maanee boodarra milkiin garasaa gortee, gara xumuraa irratti galchii tokko lakkoofsisuu danda'eera.

Kilabni Jurgen Kloppin durfamu qabxii walfakkaataa 10 qabachuun, garuu ammoo goolii baay'ee lakkoofsisuu dhabuun Maan Yunaayitid gadi, ammoo Cheelsii waliin qixa Liigicha dursaa jiru.

Tapha kanarratti oduu guddaa biraa kan tahe Moo Saalaah ture - taphataan ganna 29 kun, goolii takkittii tapha kanarratti galchuun, kanneen goolii 100 galchan keessa makamuun seenaa galmeesseera.

Kana callaa miti - rikoordii kana bira gahuuf taphni itti fudhates seenaa biraati - taphoota 161.

Galchii 100rra gahuuf taphattoonni qaqqaaliin kanneen akka: Alan Shearer (taphoota 124), Harry Kane (141), Sergio Aguero (147) fi Thierry Henry (160) kan itti fudhate oggaa tahu, Moo Saalaah isaanin duuba taa'uu danda'eera - taphoota 161n.

Players react to Harvey Elliott injury

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoonni miidhama Harvey Elliot ilaaluu dadhabanii hedduu nahanii turan