Moo Saalaah mucaa isa arguuf osoo fiiguu utubaatti bu'ee daawwate

Madda suuraa, Joe Cooper
Yeroo hedduu taphattoonni kubbaa miilaa bebbeekamoo ta'an deggertoota akka malee isaan jaallataniifi of-kennanii deggeran baayyee horatu. Taphattoota ciccimoo kana ilaalanii ijoolleen xixiqqoo ammoo kaka'umsa ni horatu.
Mucaa xiqqaa Luwiis Foowleer jedhamu taphataa kubba miilaa idil-addunyaa kan ta'e Mohaammed Saalah arguudhaaf osoo konkolaataa isaa duukaa fiigaa jiruu utubaatti bu'uun kufee madaa'eera.
Deggeraan Liiverpuul kun kufee "funyaan isaa madaa'eera" jedhe abbaan buddeenaa isaa Jooyii Kooppar
Namni kun itti dabaluun, yeroo Saalahaan Luwiis maalirra akka jiru ilaaluudhaaf mana isaaniitti argame "baayyee nu ajaa'ibe" jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Obbo Kooppar akka Liiverpuul Iikootii himetti Luwiis fi obboleessi isaa dirree gareen Liiverpuul itti shaakalan Melwood jedhamu cinaa waan jiraataniif ganna ganna gootota kubbaa miilaa jaallatan suura kaafachuudhaaf yeroo isaanii achitti dabarsu.
Warri ollaa Luwiisii fi obboleessa isaa gara manaatti geessan. Isaan booda osoo hin turiin ammoo Mohaammed Saalah boodarra manatti ol seene.
"Saffisa Saalaah ittiin dhufe hanga dhiiga isaa irraa miiccinuttiyyu yeroo nuuf hin kennine," jedha Obbo Kooppar
"Ijoollee dhiiraa keessaa gurbaan tokko waan of miidheef dhiisee deemuudhaaf garaa hin jabaanne. Battalumattis, akka ofkaleeru baruudhaaf duuba deebi'ee bakka ijoolleen dhiiraa jiran ilaale. Namni tokkoyyu hin amanne. Hundumtuu baayyee ajaa'ibsiifate.
"Mohaammed Saalaah ijoolleen dhiiraa kunneen nagaa ta'uu erga ilaalee booda hunda isaanii ofitti qabatee hammatee dubbise. Kun waan isaan lamaanuu hawwaan ture. Yeroodhuma sana hedduu gammadanii miidhama Luwiisirra ga'ellee ni dagatan."

Madda suuraa, Joe Cooper
Luwiis boodarra Hospitaal Daa'immanii Aldeer jedhamutti, waallaansa argate. Hospitaala itti wallaaname sana keesattis wanti isa mudate kun "dubbii ijoo" ta'ee namoonni isuma haasa'u.
Obbo Koopper akkas jedhe: "Fuulli isaa xiqqoo madaa'eera garuu ofkaleera! Kolfee taphachuu hin dhiisne!"
Mohaammed Saalaah kilaba Roomaa irraa bara 2017 erga gara Liiverpuul dhufee booda cimina guddaa agarsiisuun hedduu jajamaa jira. Cimina kubbaa miilaan agarsiisaa jiru birattis hojii tola ooltummaa gara garaatin galateeffatamaa jira.
Taphataan sarara fuula duraa lammii Gibtsii kun akka barruu Times'tti namoota 100 bara 2019 keessa addunyaarratti dhiibbaa guddaa uuman keessaatti warra tarreefaman keessaa isa tokko ta'eera.














