Waancaa Afrikaa: Tapha jalqabaa Waancaa Afrikaan Kaameruun Burkinaafaasoo Keep Verdeen Itoophiyaa mo'atan

Madda suuraa, Getty Images
Tapha jalqabaa Waancaa Afrikaan Kaameruun duubaa ka'uun Burkinaafaasoo 2-1 yoo injifattu, Itoophiyaan taphataan tokko kaardii diimaan dirree bahee Keep Verdeen 1-0'n injifatamteetti.
Tapha saganta baniinsaa ho'aa fi miidhagaa magaalaa guddoo Yaawundeetti gaggeefameen booda jalqabe kanaan Gustaavoo Sangaareetu goolii jalqabaa dorgommii kana biyya isaa Burkinaafaasoof galche.
Taphni walakkaan boqonnaa duraa xumuramuun dura rukuttaawwan peenaalitii lama adda addummaa daqiiqaa muraasaan gareen Kaameruun argate keessummeessituu dorgommichaa injifattuu taasiseera.
Gooliiwwan lamaan kan galche bara 2017 Kaameruun yeroo dhumaaf waancaa Afrikaa yeroo shanaffaaf yeroo injifattuu goolii injifachiisu kan galche Vinseent Abuubakar.
Tapha lammataa ramaddii A jalatti gaggeefameen ammoo gareen Itoophiyaa goolii 1-0 injifatameera.
Gareen Keep Veerdee leenjisaa isaa dabalatee taphattootni isaa 10 Covid qabamanii garee Itoophiyaa morkateera.
Itoophiyaan gatii baafte
Leenjisaa Bubiistaa dabalatee taphattootni Keep Veerdee 10 Covid-19 qabanii kan jiran ta'uu isaatiin taphattoota jaha qofa teessoo jijjiirraarra kaahanii Itoophiyaa morkatan.
Haata'u malee taphataan ittisaa Yaareed Bayyeeh taphni eegalee daqiiqaa saddeetitti kaardii diimaan dirree bahee gareen Itoophiyaa taphicha taphattoota 10 xumure.
Jalqaba kaardii keelloon bira darbee turus abbaan seeraa taphichaa teeknoolojii VAR fayyadamuun kaardichi diimaa ta'eera.
Gooliin Itoophiyaan ittiin injifatamtes walakkaan jalqabaa xumuramuuf yeroo dhiyaatutti taphataa sarara duraa Keep Veerdee Juuliyoo Taavaareestu addaan dhayee lakkoofsise.
Itoophiyaan tapha marsaa lammataa qopheessituu sagantichaa Kaameruun waliin taphatti.

Madda suuraa, Getty Images
Weerara Koronaa
Weerarri Omicron deeggartootaafi taphattootaa Waancaa Afrikaa kana irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira qeeqni jedhu dhagaahamaa jira.
Warri dirree seenanii hordofan si'a lama kan talaalamniifi bu'aan qorannoo isaaniis bilisa ta'uu kan agarsiisu ta'uu qaba.
Haata'u malee daangaawwan kaahaman kun lakkoofsa deeggartoota dirree seenaniirratti dhiibbaa hedduu waan qabu fakkaachaa hin jiru.
Zimbaabiwee kan falmattuu Seenegaal taphattoota 17 qofatu tapha har'aaf qophaayeera. Gariin Covid fi miidhaman hin hirmaatan.
Giinii, Maalaawii fi Morookoonis taphattoota vaayirasichaan qabaman qabu.
Dura bu'aan taphattoota Gaaboon Obaamiyaang sababa koronaan qabameef tapha Komoroos waliin godhan irratti hin hirmaatu.

Madda suuraa, Getty Images













