Abuubakar Naasir kilaba cimaa Afrikaa Kibbaa Sandaawonsiif taphachuuf waliigale

Abuubakar Naasir

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abuubakar Naasir garee biyyaalessaa Itoophiyaaf lakkoofsa 10 uffachuun taphata

Taphataan dargaggeessi sarara duraa garee biyyaalessaa Itoophiyaa fi kilaba Buna Itoophiyaa Abuubakar Naasir kilaba cimaa Afrikaa Kibbaa 'Maameloodii Sandaawons' waliin waliigale.

Bara darbe Piriimer Liigii Itoophiyaa keessatti taphataa goolii hedduu galche ta'uun kan badhaafame Abuubakar Naasir, Waancaa Afrikaa irratti taphoota sadii irratti garee biyyaalessaaf hiriiree taphateera.

Pireezidantiin Kilaba Buna Itoophiyaa Obbo Faqqade Maammoo Kibxata galgala sagantaa tokkorratti yoo dubbatan, Abuubakar maqaa masoo 'Biraaziliyaans' jedhamuun kan beekamu kilaba 'Maameloodii Sandaawons' jedhamuuf taphachuuf waliigalteerra gahuu mirkaneessaniiru.

Taphataan kun gatii hagamiin akka kilaba kanaaf taphachuuf waliigalame ifatti wanti ibsame hin jiru.

Haata'u malee hoji raawwachiisaan kilaba Buna Itoophiyaa Gazzaahanyi Waldee gatii olaanaan akka ta'e miidiyaa biyya keessatti dubbataniiru.

Priimer Liigii Olaana Afrikaa Kibbaa dursaa kan jiru kilabni 'Maameloodii Sandaawons' waa'ee jijjiirraa taphataa kanaa ilaalchisee amma dura wanti ifa godhe hin jiru.

Abuubakar kilbicha waliin waliigalteerra gahus, hanga dorgommiin bara kanaa xumuramuutti Buna Itoophiyaaf ergisaan taphachuu akka itti fufu gabaafameera.

Finfinneetti dhalatee kan guddate, dargaggeessi ganna 21 kun gareen biyyaalessaa Itoophiyaa dorgommii waancaa Afrikaan ala ta'uun booda shaakalaaf kilaba 'Maameloodii Sandaawons' waliin akka ture ni yaadatama.

Torban muraasa dura kilabni Afrikaa Kibbaa biraa 'Kaayizar Chiifs' Abuubakar Naasir mallatteessisuuf fedhii akka qabu marsariitiin Goal.com gabaasee ture.

Geetaaneh Kabbadaa fi Fiqiruu Tafarraa taphattoota Itoophiyaa amma dura kilaboota Afrikaa Kibbaaf taphatanidha.