Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeksiikootti qeerransi namni funyoon hudhuuf magaalaa keessa arii'aa ture baraarame
Waajirri Eegumsa Naannoo Meksiikoo kutaa Jalsiikoo mana tokko keessatti qeeransawwan lama baraaruu isaa beeksise.
Dura viidiyoo qeerransa namoonni funyoo mormatti kaa'uudhaaf daandii magaalaarra ari'aa osoo jiranii agarsiisu tokkoti miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame.
Isaan booda ture aanga'oonni eegumsa naannoo gidduu seenuun kan baraaruu danda'an.
Akka viidiyoo sanarratti mul'atetti qeerransi tokko magaalaa Tilquweepaakuwee keessa daandiirra yeroo baqatutti namni tokko ammoo funyoo(wadaroo) qabatee mormatti kaa'ee qabuuf duukaa fiigaa ture.
Abbaan qabeenyaa qeeransota kanneenii aanga'ootaan gaafatamee, bineensonni kunneen karaa seera qabeessa ta'een akka Meksiikoo seenan ragaa dhiyeessuu danda'eera.
Haata'u malee, danbii nageenya mirkaneessuu hojiirra oolchaa jiraachuu isaa agarsiisuu hin dandeenye.
Jiraattonni yeroo namoonni qeeransa daandii magaalaa keessa ari'uun funyoo mormatti kaa'uudhaaf carraaqan arganii baayyee ajaabsiifataa turan akka viidiyoo miidiyaa hawaasumaa irratti gadhiifameetti.
Qeeransota lamaan keessaa tokko kormaa, kaan ammoo dhalaadha. Umuriin isa kormaa ji'a 10 yoo ta'u, isheen dhaltuun ammoo waggaa 2 fi ji'a 9.
Qeeransoonni lamaanuu ammoo nagaan isaanii haala gaariirra kan jiran yoo ta'u, mallattoowwan akka hin malletti qabamuu isaanii agarsiisan hin jiru.
Abbaan qabeenyaa kun tarkaanfii ofeegannoo gahaa fudhachuudhaan nageenya hawaasaa eeguu akka danda'u agarsiisnaan qeeransoota isaa ni deebisnaaf jedhan aanga'oonni.
Qeerransota daandiiwwan Meksiikoo keessatti bahanii mul'achuun gabaafamuun isaa kun kan jalqabaa miti.
Bara 2017, namichi siriin isaa Kaalifoorniyaarraa ta'e kun akka jedhutti qeerransa kana mucaashee $300 (£235) nama qeerransa kana qabatee Tijuwaanaa keessa deemaa ture tokkorraan bitadhe jedha.
Namichi osoo daangaa US irraan seeraan ala dabarsuuf yaalaa jiruu ture kan to'atame.