Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gafarsa namni dur ajjeesee beekkamtii itti argatuun, animmoo madqseen guddise'
Qonnaan bulaa Gaashaawu Dammalaash Godina Illu Abbaa Booraa, Aanaa Daariimuu Ganda Abunaa Galii jiraataa.
Dargaggeessa umuriin isaa waggaa 27 ta'e yoo ta'u abbaa maatiidha. ALI bara 2008 baatii Muddee keessa manaa bahee akkuma yeroo biraa daandii imalaa osoo jiruu jabbii lagatti raaree keessatti kuftee tokko arga.
Wayita itti siqee ilaaluuttis, jabbiin sun kan loonii osoo hin taane ilmoo gafarsaa ta'u hubachuu yaadata Gaashaawu.
Garaa jabaatee bira darbuu kan dadhabe dargaggeessi kun jabbittii dhoqqee irraa dhiquun baatee gara manasaatti geessuuun kunuunsa taasisuuf eegala.
Aannan saawwaa hosiisuurra jalqabee hanga buddeen laachuufiin erga kunuunseen booda du'arraa akka hafus taasisee. Kanaan boodas madaqsuun waanuma ofiisaatiin nyaatu hunda sooruun loon isaa walii guddisuu isaa dubbata.
"Buddeena, soogiddaafi siicoo (atalaa) kenneefiin guddise. Dammalleen nyaachisee beeka," jedha Gaashaawu yoo attamiin akka gafarsa kana kunuunse BBC'tti himeetti.
Gafarsi kunis loon ormaa malee kan qe'ee hin jiffatu kan jedhu Gaashaawu, hanga guddatee goobuutti walumaan bobba'ee oolee galaa turuu hima. Qaamaan loon kaan irra guddaa ta'u kan himu Obbo Gaashaawu, ''yoo itti ka'u malee amalaanis akkuma saawwaniitti," jedha.
Haata'u malee, "akkuma guddina qaamaasaa bishaan baayyee dhuga. Waan mimmi'ooftu akka siicoo araqee, soogidda, budeena jaalata."
Akkasiin waggoota afuriif madaquun nagaan jiraataa turulleen 'keessoon aduree qeerransaa akkuma jedhamu sana', dhiheenya kana keessa amala geeddarachuunsaa akka isa yaaddeesse hima Obbo Gaashaawu.
"Dhiheenya kana osuman harkisee deemaa jiruu boodaan itti utaalee ollaa kiyya na jalaa miidheera. Kanaafuu, amma mana keessatti hidheen siicoofi soogdaan qallabaa jira," jedha Gaashaawu.
Ergan du'a jalaa oolcheen booda maaliif madaqsee akka of bira tursiise yoo himus, "Silaa paarkii galuun maqaan biyyaa ittiin beekame akka doowwatamu jedheen guddise. Kana malees, namni gafarsa ajjeesse seenaa qaba kan jedhu sanan mormuuf madaqsee guddise," jedha.
Haata'u malee, amma rakkoo keessa akka isa galchee hima.
Hanga har'aatti akkuma loon kaaniitti dheedaa oolee galgala gara manaatti gala turuu isaa kan himu Obbo Gaashaawu, guddatee humna godhacuun booda amala isaa geedarachuu hima. Namootarraan miidhaa qaqabsiisuu mala jechuun yaaddoo keessa akka galees ni dubbata.
Waan baayyee guddateef namoota biraa hafee isummayyuu nyaatee akka ture yaadata. Kanarraan ka'uun geessee lagatti gadhiisee galuulleen duukaa deebii'uun manatti galuusaa dubbata.
Kanumarraa ka'unis garaa qaamoolee dhimmisaa ni ilaalatta jedhe yaaduutti gara godinaatti iyyata galfadhulleen hanga ammaatti deebii osoo hin argatiin jiraachu dubbata.
Osoo akka ammaa kanatti amala hin baasiin camadee ittiin qotee akka turen kan dubbatu Gaashaawu, humnaan sanagaa akka caalu ragaa baha.
Garuu maal godharee ollaan bineensa daggalaatiin qotatee ittiin jennaan ittiin qotachuu dhiisuu hima. Isaan boodas qaamni dhimmisaa ilaalattu akka irraa fudhatuuf gaafataa jira.
Qaamni motummaa kana quba qabu jiraa?
Dhaabbata Bosoonaafi Bineensa Bosoonaa Oromoyaatti Itti-gaaftamaa Damee Ilubaabooraa Distiriktii Yaayyoo kan ta'an Obbo Girmaa Baqqalaan, gafarsi kun wayita jabbii xiqqaa ture dhoqqee keessatti kufee argamuusaa nan beeka jedhu.
Wayita sanatti dhoqqee keessatti kufee buluun baayyee kan miidhameefi xiqqaas waan tureef yoo gadhiifame akka hin duune sodaatamuun mana qonnaan bulaa Gaashaawutti kunuunsi akka taasifamuuf taasisamu himu. Achinis annaan sa'aafi kunuunsaan guddifame jedhu.
Isaan booda garuu erga jabaateen booda akka lagatti gadhiifamuuf yaadamulleen, gafarsichi garuu bosoona didee garuma manaatti deebii'aa akka ture himu.
Gafarsi kunis ofiin bosonarraa mana mi'eeffachusaatiin diidee gara manaatti deebii'ee galuusaatiin alattis, gafarsoonni bosoonaatti argaman kaanis ofiirraa qoollifachuun akka harii'atan himu.
Amma ammoo humna waan baaseef, namni ittisu waan hin jirreef midhaan namaa dheedaa oolee akka galu dubbatu.
Gafarsi manatti guddachunsaa waan haaraadha
Dhimma kana erga hubataniin boodas deeggarsi akka taasisfamuuf gaafachuuf sadarkaa naannoo Oromiyaatti xalayaa waggaa lamaan dura barreessuu yaadatu Obbo Girmaan. Kanaan alatti deegarsi nama kanaaf taasifame omtu akka hin jirre himu.
Qajeelchi eeggumsa bineensa bosonaa namni kamuu bineensa daggalaa manasaatti qabee guddisu akka hin dandenye dhorkulleen, gochi maatii kanaa miidhaaf osoo hin taanee lubbuu isaa baraaruuf waan ta'eef akka rakkootti hin ilaalamu jedhu.
Siriyyuu nama kunuunsee guddisaa jiru kanatu balaa isaatiin rakkoof saaxilamaa jiraachu himu.
Fakkeenyaaf, namtichi jalaa miidhaan dheedaa ture, akkasumas ulfinni isaa guddaa waan ta'eef saawwan namaa yaabbatee cabsuu isaa ni yaadatu qote bulaan madaqsan kun.
Obbo Iwunatu Godina Illu Baabortiitti Oggeessa Eegumsa Qabeenya Uumamaa Bosonaa gama isaanitiin, gafarsi kun guddatee nama miidhaa jiraachu himu.
Yeroo adda addaatti gara Dhaabbata Eegumasa Bineensaafi Bosoonaatti xalayyaafi bilbilaan beeksiisu ni yaadatu.
Akkasumas waajira eegumsa binesnsoota Bosonaa Itoophyaattis beeksisanilleen nama guddise kana biraa qaamni itti siqee fudhachuuf dhiyaatee akka hin jirree dubbatu.
Haalli akkasiI kun akkuma biyyaattuU waan haaraadha kan jedhAN Obbo Iwunatuun, gafarsi manatti guddachunsaa waan haaraa ta'u hima.
Baasii nyaata gafarsa kanaatiin wal qabatee kisaaraa qonnaan bulaa kanarra gahuun alatti, namootuma guddisan kanneen irraaniyyuu miidhaa qaqabsiisuu danda'a jechuun soodaa akka qaban himu.
Deeggarsa taasisuuf mariin gaggeeffamaa jiraachuus himaniiru.
Daareektarri Misoomaafi Itt-fayyadama Bineensa Bosonaa Obbo Cammara Zawudee gama isaanitiin waa'ee gafarsa kanaa akka beekan himanii garuu dhimmisaa kan ilaallattuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bosoonaafi Jijjirama Qilleensaa kan dhiheenya hundeeffame ta'u dubbatu.
Bineensi kun bosonaatti deebiisuuf bineensoota kaan waliin wal hin baru ta'a kan jedhan Obbo Cammaran, yoo mana keessa turees miidhaansaa guddaa waan ta'uuf dhimmichi yaachisaadha jedhu.
Kanaafuu, "haaluma seerri hayyamuun qoratamee tarkaanffiin fudhatamuudha falli isaa," kan jedhan Obbo Cammaraan, kun ammoo murtee akka barbaachisu himu.
Akka waliigalaatti ammoo namni kamiyyuu bineensa bosoonaa qabee madaqsuuf hayyama argachuu qaba jedhu. Hayyamni kunis waan hedduu ilaalamee kan keenamu ta'uu himu.
Biyya biraatti bakki namoonni bineensoota bosoonaa itti madaqsuun horsiisan jiraachuu himuun, biyya keenyatti garuu waan baramee miti jedhu Obbo Cammaraan.