Ameerikaa Michigaan keessatti kunuunsitoonni risaa cabbiin danqe tokko baraaran

Risaan mootii simbirootaati jedhama. Ol fagaatees balali'uu danda'a.

Risaan hedduu itti qorree kattaa cabbii keessatti danqame tokko garuu amala ittiin beekamu kana dhabee ture. Boodarra namoota warra simbirroof kunuunsa taasisaniin gargaarsa argatee bakka isaatti deebiyeera.