Wal'aansa baqaqsanii yaaluu gadameessa haadhaa keessatti, akkamiin raawwate?

Mila
Ibsa waa'ee suuraa, Helenan maqaa daa'imasheetii Mila(Milagro yoo gabbaatu) jetteen-Afaan Ispeen.Afaan Ingiliziin miracle(raajii)

Helena Purseel fi hakiima isheef yeroo dhiphinaa ture, daa'ima garaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu taasisuufii.

"Balaa guddaa baatee dhufe, garuu wal'aansa baqaqsanii yaaluu kanarra malli furmaataa biraan hin jiru. Sammuu kiyya keessa falli biraan hin turre. Kanuma gochuutu narra ture.''

Helenan yeroo ja'a yaaltee erga abdii kutattee booda torbaffaarratti daa'ima garaatti godhachuun milkooftullee garuu ammas rakkoon biraan ishee mudateera.

Garaatti erga ishee hafee booda hanga torbanoota 20 jalqabaatti haalli daa'imaa mishaa ture.

Torban 20ffaarratti daa'imni ishee rakkoo Ispaayinaal koordii qabaachuun barame.

"Dugdasheerra qaama dabalataa guddaatu ture, lafeen dugdaashees alatti mul'ata. Carraan laamsha'uushee olaanaadha naan jedhan. Rakkoon of to'achuu akka ishee mudatuu fi dhangala'aa sammuushee keessaa qoorsuuf ujummoo nam-tolchee akka barbaachisuu danda'us natti himan,'' jette Helenan.

"Wantoota ishee mudachuu malan wayita natti himan ofin wal'aale, boo'icha dhaabuu nan dadhabe.

''Miilasheen deemuuf carraan isheen qabdu baayyee xiqqoodha jedhanii wayita natti himan, akka maleen shororkaawe.''

Abdii jireenyaa

Guyyoota muraasa booda Helenan oppireeshinii ta'uu akka qabdu itti himame, riifariinis barreeffameef.

Daa'ima umrii ji'a sadii kan garaa keessa jirtu qabattee gara ispeeshaalistii Hospitaala Beeljiyem jiruutti imalte, hospitaalli kun tajaajila fayyaa NHS waliin hojjeta.

Gareen ogeeyyii fayyaa namoota 25 of keessaa qabu ispaayinaal koordii da'imashee kan bakkeetti ba'e wal'aansaan deebisaniif, iddoo baqaqee qaawwaa uumee tures duuchaniif.

''Osoo oppireeshinii taatee hin yaalamne ta'ee silaa haalli jireenyaa ishee waan biraa ta'a ture,'' jette Helenan.

Pirofeesar Anna David, Yuuniversitii Hospitaala Landan keessatti argamutti ogeetti dhimma fayyaa miciree dhala namaati.

''Duraan daa'imattiin rakkoo fayyaa erga dhalattee booda wal'aanamuun irra jiru qabdi turte. Amma garuu gadameessuma haadhaa keessatti wal'aanuu dandeenyeerra. Hanqinni daa'imattii mudate furameera. Qaawwaan dugdarratti uumame cufameera, kanaaf kanaan booda rakkoon ispaayinaal koordii ishee mudata jennee hin yaaddofnu,'' jedhan.

"Kunimmoo daa'imattiin akkasheen of-dandeessee deemtuuf carraa guddaa uumaaf. Mudhii ishee fi afuuffee fincaanii ishee to'achuu dandeessi jechudha.''

Helena fi Mila
Ibsa waa'ee suuraa, Helena fi daa'imashee durbaa Mila, kan gadameessa keessatti wal'aansi baqaqsanii yaaluu godhameef

Helanan erga oppireeshinii taatee ji'a sadi booda Hospitaala magaalaa Landan keessatti argamutti daa'imashee dubaraa deesse.

Maqaashees Mila jettee moggaaste. Mila-wayita Milagro jechi jedhu gabaabbatu yoo ta'u kana jechuunis afaan Ingiliziin miracle, afaan Oromoon ammoo Hooda ykn Raajii jechuudha.

Milan ammallee sammuu ishee keessaa dhangala'aa hin barbaachisne qabdi, garuu fooyya'iinsa agarsiisaa deemaa jirti.

'Gammachuu, galata guddaa'

"Lukashee sochoosuu dandeesseetti. Qubeen ishees sosochoosuu eegalte, kun waan ajaa'ibaati,'' jette Helenan.

"Wal'aansa baqaqsanii yaaluu kanatti akkaan gammadeera, sababiin isaa osoo oppireeshiniin kun hin raawwanne ta'ee silaa yoona jireenyi daa'ima kiyyaa waan biraadha.''

Dhibeen Spina bifida jedhamu, kan UK keessatti daa'imman gadameessa haadhaa keessa jiran 15,000 ta'an waggaatti qabaa jiru kun, ispaayinaal koordiin daa'immanii sirnaan akka hin guddanne kan godhuudha.

Laamsha'uu, mudhiin laafuu, afuuffee fincaanii to'achuu dadhabuu fi rakkoo kaleef isaan saaxila.

Garuu daa'imman garaa keessatti uumamanii torbanoota 22 hanga 26 gidduutti oppireeshiniidhaan yaaluun sirreessuun ni danda'ama.

Erga daa'imman dhalatanii wal'aansa baqaqsanii yaaluu gochuurra osoo gadameessa keessa jiranii yaaluutu filatama.

Adeemsi haala kanaan wal'aansa fayyaa kennuu kun Yuuniversitii Hospitaala magaalaa Landan, Hospitaala daa'immanii Great Ormond Street jedhamuu fi Hospitaala Yuuniversitii Leuven kan Beeljiyam keessatti argamuun raawwatama.

Erga Amajjii 2020 as daa'imman soddomii-lama haala kanaan wal'aansa fayyaa argataniiru.