Biyya daa'imman dhalatanirraa ulfa baasuun itti baay'atu

Madda suuraa, PAARISA
''Irra deebi'eeyyuu hin yaadu. Waa'ee ulfa baasuu ifattii haasofna, yeroo darbe maatii koofi hiriyyoota kootti himeera,'' jetti Pii'aa shamarreen ganna 19 Giriinlaandirraa BBCtti himteetti
Waggaa lama keessatti al shan ulfa baasteetti
''Yeroo baayyee qoricha ulfa ittisu nan fudhadha takka takka garuu ni irraanfatta. Amma mucaa godhachuu hin danda'u; barnoota waggaa dhumaarran jira'' jetti shamarreen magaalaa guddoo Giriinlaand Nuuk.
Ishee qofa miti.
Bara 2013, irraa jalqabee waggaatti daa'imni dhalatan 700 yoo tahan ulfi bahu 800 tahuu ragaan istaatistiiksii mootummaa ni agarsiisa. Giriin laand lakkoofasa ulfa ba'uu guddaa maaliif qabaatte?

Madda suuraa, CHRISTIAN KLINDT SOELBECK
Giriinlaand odola guddoo addunyaa kanaati garuu ummata xiqqoo qabdi. Namoota 55,992 qofa. Lakkoofsa ummataa biyyattii Amajjii 1 bahetu kana agarsiisa.
Dubartoota ulfaa'an keessaa walakkaan isaanii ni baasu. Kana jechuun dubartoota 1,000 keessaa 30 ulfa baasu jechuu dha.
Deenmaarkitti immoo dubartoota 1,000 keessaa 12tu ulfa baasu.
Giriinlaand biyya ofiin of bulchitu haa taatuyyuu malee daangaa Deenmaark keessa jirti.
Rakkoo diinagdee, mana jireenyaafi hanqinni barnootaa dhimma kanarratti shoora haa qabaataniyyuu malee, biyya qorichi ulfa ittiin ittisan bilisa tahetti rakkooleen kuni ulfa baasuuf sababii gahaa hin tahan.
Biyya ulfa baasuun seera qabeessa tahettillee, namoota ulfa baasanirratti loogiin ni qaqqaba.
Giriinlaanditti dubartoonni yaaddoo hin qabani. Ulfa hin barbaachifne baasuun akka qaaniittii hin ilaalamu.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa ulfa baasuu
Maaliif ulfi hin barbaachifne baay'ate?
''Hiriyyooti koo ulfa baasanii beeku. Haati koo anaafi obboleessa koo otoo hin dahiin dura al sadii baasteetti,'' Piiyaan. ''Dhimma kana haasa'uu hin feetu.''
''Barattoonni magaalaa Nuuk Rooobii yeroo hunda gara kiliiniika wal-hormaataa deemu, 'guyyaa ulfa baasuu' jechuun waamu jedhu Deenmaark Yunivarsiitii Rooskilaayiditti qorataa dhimma kanaa kan tahan Doktar Tuurii Hermaanis.
''Giriinlaanditti, dubbiin ulfa baasuu haasaa dubbachuuf qaaneessuufi balaalefatamu miti- wal-quunnamtii saalaafi ulfi karoora malees akkasuma.''

Madda suuraa, Media for Medical
Qoricha ittisa ulfaa bilisaa
''Qorichi ulfa ittisu bilisaafi haala argachuuf salphaa haa tahuyyuu malee hiriyyooti koo baayyeen itti hin fayyadaman,'' jetti Piiyaan.
Istaayin Ririinooy narsii fayyaa gadameessaa yoo taatu dhimma ulfa baasuu kana yeroo dheeraaf qo'atteetti.
''Dubartoonni harka 50 tahan waa'ee qoricha ittisa ulfaa ni beeku, garuu harki 85 ol sirnaan itti hin fayyadamne,'' jechuun BBCtti himteetti.
Ulfi hin barbaachifne dhugaatiin dhufa: ''Dhiirris dubartiinis dhiibbaa dhugaatii jala buunaan qoricha fayyadamuu ni irraanfatu.''
Sababiiwwan sadii dubartoonnii qoricha hin fayyadamneef ibsu Doktar Tuurii Hermaanis.
''Inni duraa, dubartoota daa'ima barbaaadan, lammata immoo, dubartooti kana dura miidhaan irra gahe alkoolii gaafa fudhatan qoricha fayyadamuu ni irraanfatu, inni dhumaa dhiiroti kondomii keewwachuu yoo didanii dha.''
Miidhaafi haleellaa saalaa
Dubartiin tokko yoo dirqiidhaan gudeedamte fi mucaa gara rakkootti fiduu dhiisuuf ulfa baasuu dandeessi.
''Ulfa baasuun daa'ima dagatamuufi hin barbaadamnerraa wayya,'' jedha kibba Giriinlaanditti ogeessa fayyaa kan tahan Laars Mosgaard.
Miidhaan saalaa dhimma fayyaa irra deddeebi'ee ka'u dha- barattoota dargaggoota keessaa 10 haati isaanii yeroo miidhaan irra gahu arganiiru, akka qorannoo 'Nordic Centre for Welfare and Social Issues'tti.
Miidhaa saalaa arguu irrayyuu ijoolleen ofii saaxilamtoota dha.

Madda suuraa, Getty Images
Qorichi akka garaa yoo jiraateyyuu faayidaarra oola jechuu miti.
''Waa'ee qoricha ulfa booda fudhatamu baatii tokko duran bare, waa'ee filannoo kanaa namni baayyee kan beeku natti hin fakkaatu,'' jechuun BBC'tti himti Piiyaan.
''Haati koo waa'ee fayyummaa wal-quunnamtii saalaan dhufuu natti haasoftee hin beektu, waan baayyee kanin bare mana barumsaafi hiriyyoota koorraan bare,'' jetti.
Qorannoon 'Journal of Circumpolar Health' bahe maatiin Giriinlaand keessa jiran ijoollee isaaniitti dhimmaa kana haasa'uu itti ulfaata jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Ulfa baasuun kaffalchiisuu qaba
Lakkoofsa ulfa baasuu kana hir'isuuf biyyattiin ulfa baasuu kaffalchiisuu qabdi jedhu gariin namootaa. Kaan immoo namooti ulfa baasuun kaffalchiisuufi dhiisuu bilisa tahuusaa wajjiin wal hin qabatu jedhu.
Deenmaarkitti- iddoo qorichicha salphaan argamutti lakkofsi kuni kana Giriinlaandirraa baayyee xiqqoo dha.
Giriinlaanditti dargaggoonni waggaa 14-15tti wal quunnamtii saalaa raawwachuu jalqabu. Harki 63 immoo wal-quunnamtii saalaa dhaabbataan raawwatu.
Mootummaan biyyattii manneetii barnootaa waliin tahuun pirojektii dargaggootaaf miidhaa umurii ijoollummaatti daa'imaa godhachuu hubannoo kennuu jalqabeera.
Ashaangulliitii akka daa'ima dhugaa taatu itti kennuun itti gaafatamummaa daa'ima godhachuun qabu barsiisuuf yaala pirojektiin kuni.
''Waa'ee aadaa''
Stine Broene isa Giriinlaanditti ulfa baasuun akka salphaatti ilaalamuutti waliin galu jetti.
''Dubartoonni baayyeen ulfa baasuun murtoo cimaa akka tahe yaadu,'' jetti.
Dubartii ulfa basuun ishee hin yaaddessine arge hin beeku; garuu of eeguuf jecha hin dubbatani, kanammoo ogeessoti fayyaa tokko tokko akka garaagarummaatti ilaalu jedhan.













