Faayidaan maaddii tokkorraa waliin nyaachuu maali?

Madda suuraa, Getty Images
"Namni maaddii tokkorraa nyaate wal hin ganu," jedhama. Kun aadaa Itoophiyaa keessatti sabaafi sab-lammoota hunda biratti jechuun haala danda'amuun kan baratamedha.
Yoo namni baay'atee bakki taa'anii nyaatan dhiphaterraa kan hafe mana tokko keessatti caabiin [gabateen] lama hin dhiyaatu.
Miseensi maatii mana tokko keessa jiru: Ijoollee, abbaafi haadha, akkoofi akaakayyuun, eessumaafi adaadaanis jiraannaan maaddiidhuma tokkotti dhiyaatu.
Yeroo qophiin addaa kan akka ayyaana waggaa, daboofi afooshaa jiraates ollaan, hawaasni walitti dhiyoo jiru maaddii tokkotti dhiyaatee nyaata.
Baroota dhiyoo keessa, keessumaa magaalaa keessatti namni qophaa qophaa taa'ee saa'inaa xiqqaatti nyaachuun dbalaa dhufullee, aadaan waliin nyaachuu biyyattii Lixa hanga Bahaa, Kibba hanga Kaabaatti baratamaadha.
Nyaanni aadaa baayyeen kan akka cumboo, marqaa, akkasumas biddeena hunduu 'tirii' ykn gabatee tokkotti marsee taa'ee harka mirgaan maaddii qooddachuun aadaa Itoophiyaa keessatti durirraa kaasee jirudha.
Kana biratti ammoo maaddii tokkorraa nyaachuurra darbee afaan wal kaa'uuniyyu jira.
Amma magaalaa kan jiraatuufi duraan aadaa waliin nyaachuu baadiyyaa keessatti dhalatee guddate akka addaatti yaadata Obbo Lammii Guddisaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadaa Oromoo keessatti, keessumaa naannoo baadiyaa dhalannee guddanne keessatti aadaan tokko ummanni waliin qabu keessaa aadaa waliin nyaachuuti jedha.
Matiin iddoo tokkotti dhiyaatanii waliin nyaatu; hawaasni keenya olla yeroo adda addaatti dugda waliif bahee waliin yeroo hojjetaniifi daboo waliif bahan maaddii tokkotti dhiyaatanii waliin nyaatu jechuun jireenya baadiyyaa yaadata Obbo Lammiin.
"Namni waliin nyaatu wal hin nyaatu" jechuun mammaaksa Oromoo kaasuun, aadaan waliin nyaachuu bu'aa qaba jedhu kun amma laafaa dhufuun isaa yaaddessuus dubbata.
Maaddii tokkorraa waliin nyaachuufi kan qabu waliin qooddachuun hawaasa keessatti baramaadha kan jedhu hayyuun Fookloorii Oromoo Obbo Olaanii Ita'aa, akkuma Obbo Lammii bu'aan waliin nyaachuu tokkummaafi jaalala waliif qabaachuuf gargaara jechuun faayidaa inni qabu ibsa.
Maaddiin tokkummaan dhiyaatanii irra anyaatan harka dhiqachuurraa kaasee, seeraafi jifuu qaba; uumaafi duudhaa akka qabu kan himu hayyuun Fookloorii kun namni bishaan harkaa buusu kabajaan dhaabatee buusa; inni dhiqatus kabaja manaatiif jecha dhababatee dhiqata jedha.
Akka inni jedhutti bishaan harkaa abba amanaatu dura dhiqata; yoo abbaan manaa hin jiraanne ammo angafatu dura dhiqata.
Faayidaan waliin nyaachuu maaliidha?
Qorattoonni maatiifi hiriyyoonni maaddii tokkorraa waliin nyaachuufi kan qaban waliif qooduun gammachuun taphachaafi mudannoo qaban waliif qooduurra darbee bu'aa hedduu akka qabu bira ga'aniiru.
Fayyaa keenyaaf dabalatee faayidaawwan maaddii tokkorraa nyaachuu torba adda baasaniiru.
Tokkoffaarratti qoor-qalbii ykn bu'aawwan xiinsamuu dhala namaatiif hedduu barbaachisaadha jedhu.
Kana malees, namoonni yeroo baayyee maaddii tokkorraa waliin nyaatan bu'aa hawaasummaa qabaachuurraa argamanirraa fayyadamoodha jedhu. Namoonni waliin nyaatan warra qofaa nyaatan caalaa nama waliin tokkummaafi jaalala, akkasumas tokkummaatti amanu jedha qorannoon.
Waliin nyaachuun rakkoo bara ammaa hammaachaa dhufe qofummaa xiqqeessuun dhibeewwan fayyaa qaamaafi sammuu hir'isuuf akka gargaarus qorannoon gaggeeffame ni mul'isa.
Namoonni yeroo waliin nyaatan yeroo gammachuufi taphaa waliin qabaatu. Kun ammoo carraa dhiphina sammuu dhibee akka dhiibbaa dhiigaa, onneefi kaaniif saaxilamuurraa nama oolcha jedhu.
Maaddii tokkorraa waliin nyaachuun carraa qabiyyee nyaataa gahaa qaamaaf barbaachisan argachuus ni bal'isa jedhu. Kana jechuun miseesonni maatii ykn hiriyyoonni fedhii nyaataa gara garaa qaban bakka tokkotti walitti fidatanii yeroo nyaatan carraa namni tokko akaakuu nyaata gara garaa argachuun ni bal'ata.
Manatti walitti qabamanii nyaachuun walumaagalatti sirna soorataa fooyyaa argachuuf, akkasumas furdina gar-maleerraa nama ittisa.
Yeroo waliin nyaatan soorata haaraa uumuufi barbaaduuf nama kakaasa jedhu qorattoonni.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni BBCn dubbises, waliin maaddii tokkorraa nyaachuun "tokkummaa hawaasa ni jabeessa, jaalala maatiin waliin qabuufi waliif amanamuu daran cimsa," jedhan.
Namni tokko isa kaanirraa adda bahee qophaatti yeroo nyaatu gadaantummaan itti dhaga'amuu, akkasumas miirri qoollifatamuu itti dhaga'amuu danda'a jedha Obbo Lammiin.
"Kanaaf, baadiyyaa keessatti tokkummaa, jaalala, akkasumas waliin jireenyasaa ibsachuudhaaf ummanni baadiyyaa waliin nyaata."
Ummanni yeroo waliin nyaatu waliin ni taphata, muuxannoofi mudannoo isaas waliif qooda, jaalala waliin qabus waan ibsuuf rakkoon miira kophummaa ummata magaalota ammayyaa keessatti yeroo ammaa yaaddessaa ta'e faladha jedha.
"Inni namni addumaan saa'inii fudhatee qophaa qophaatti nyaatu kanaan dura biyya alaatti ykn magaalaa keessatti baramaa ta'e aadaa waliin nyaachuun akka hafu gochaa jira.
''Kun ammoo jaalala hir'isa, tokkommaa laaffisa, yaada wal jijjiiruun hafee namni quba wal dhabaa deema. Walumaagalatti waliin nyaachuun riqicha tokkummaa, hawaasummaafi jaalala waliif ibsuuti," jedha.
Waliin nyaachuun kun maaddiif kabaja akka qabaatan, walii waliifis kabaja akkatti qabaatan taasisa jedha Obbo Lammiin.
Maaddii tokkotti waliin nyaachuurratti wal eebbisuunis jira kan jedhu Obbo Lammiin, faayidaa waliin nyaachuu yeroo ibsan.
"Yeroo baayyee namni maaddii irraa nyaatamu qopheessi jaarsatu eebbisa. Fakkeenyaaf, maaddiin kee hin hir'atiin, dallaan kee hin oniin; akkuma nuuf laatte kana Waaqni dabalee sii haa laatu; dacha dacha si haa eebbisu."
Maaddii tokkorraa nyaachuurratti garaagartummaan waan nyaatanirrattillee hin jiraatu. Wal qixxummaan jiraachuullee ni argisiisa jedha.
Hayyuun Fookloorii Oromoo Obbo Olaaniis namni yeroo maaddii tokkorratti dhiyaatee waliin nyaatu wal gaafata, wal to'ata, jaalala waliif qaba jedha.
Haata'u malee, wanti ammayyummaa fakkaatee qophaa qophaatti nyaachuu baratamaa dhufe tokkummaa diiguu, jaalala hawaasni qabu balleessuu, qofummaa babal'isuu," jechuun yaaddoo isaa ibsa .
Maaddiin namoonni walitti qabamanii irraa sooratanis cal jedhee hin ka'u kan jedhu qorataan Fookloorii Oromoo kun, bakka itti wal eebbisan, bakka itti kabajaafi jaalala, akkasumas tokkummaa ibsatan akka ta'e ibsa.
Maaddiin osoo hin ka'iinis namni keessaa hin ka'u. Maaddii sana dhungatanii eebbisanii erga ka'een booda ka'u jedha.
Akka inni jedhutti aadaa Oromoo keessatti biddeenni dacha'ee hin dhiyaatu. Dacha'ee yoo dhiyaate sassattummaa agarsiisa. Biddeenni diriiraa ta'ee yoo dhiyaate kan nama quubsu akka ta'etti amanama.
Maaddiin yeroo gabbatus [ka'us] qullaa hin deebiyu, 'irratti waa hambisanii hambaa nu hin dhowwatiin' jedhanii kaasu. Hambaa ykn kan maaddiirratti hafe sana ammoo ijoolleen durbaa warri mana hin baade hin nyaatan. Sababiin isaa ammoo manatti hafti jedhamee amanama.
Dhumarratti eebbifatanii, warra manaa [maaddii qopheesse] :
'Maaddiin keessan haa guddatu,
'Waan nyaattaniifi waan laattan hin dhabiinaa,
Dararaa, manni keessan haa guutu," jechuun eebbisu.
Amma garuu namni qophaa nyaataa, qophaa ka'aa, qophaa deemaa; namni eebbisus hin jirujechuun maaddiitti waliin nyaachuu hafuun tokkummaafi jaalala maatiifi hawaasa gidduu ture dhabamsiisaa jira jechuun miira gaabbiin dubbata hayyuun Fookloorii kun.












