Namoonni nyaata waliin nyaachuu maaliif jaallatu?

Namoota waliin nyaachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota kumaatamaaf ilmaan namaa walitti dhufanyii nyaata waliin nyaachaa tureera.

Maaliif barbaachisaa ta’e – ammas maaliif duudhaa kana itti fufna?

Nyaata waliin nyaachuun baay'ee waan barame waan ta'eef, yeroo baay’ee hin yaadannuyyu. Yeroo namoonni walitti dhufanii waliin hin sooranne hawaasa keessatti gungumiin ni dhaga’ama.

Fakkeenyaaf, irbaata maatii waliiin nyaachuun hirʼachuu ilaalchisee rifannoon yeroo hunda mata-duree oduu irratti ni mulʼata.

Yaaddoon akkasii adeemsa ammayyaa akka hin taanee fi yoo xiqqaate waggaa 100 kan ture ta’uu akka danda’u ragaaleen ni jiru.

Kanaaf, waliin nyaachuun waanuma barame qofa osoo hin taane, haala kamiinuu humna guddaa qaba.

Garuu maaliif?

Waliin nyaachuun amala sanyii keenyaan dura jiru ta’uu hin oolu.

Firoota keenya dhihoo kan ta’an jaldeessi gosa Chiimpaazii fi Bonoboos jedhaman garee isaanii waliinis nyaata akka qooddatan ogeeyyiin Baayoloojii hubataniiru.

Nyaanni waliin nyaatan inni jalqabaa naannoo ibiddatti kan raawwatame taʼuu dandaʼa. Namni ykn abbootiin namaa yeroo jalqabaaf nyaata bilcheessuu akka baratan namni beeku hin jiru.

Tilmaamni jiru baay’ee garaagarummaa qaba, guyyaan yaadame inni durii waggoota miliyoona 1.8 dura jedhama.

Garuu namni tokko rakkina nyaata adamsuu ykn walitti qabuu, ibidda bobeessuu, achiis bilcheessuutti yeroo seenu, garee hawaasummaa isaan gargaaru akka qaban kan argisiisu adeemsa hedduu kana.

Chimpaanziin yeroo waliin nyaatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama irraa kan hafe gosoonni jaldeessaa muraasni kan akka bonoboos walitti qabamanii waliin nyaatu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dukkana keessatti Ibidda marsanii ho'aa san yeroo waliin qanqaammatan hirribni bade akka gaaritti waari’an jedha Yunivarsiitii Oksifoord UK keessatti ogeessi antiroopooloojii baayoloojii Roobin Danbar. Sa’aatii dabalataa san keessatti waliin nyaachuun walitti dhufeenya hawaasummaaf carraa gaarii uumuu danda’a.

Ka'umsi isaa bal'inaan maal akka ta’e beekamuu baatus, nyaata waliin nyaachuun fayyaa namaaf barbaachisaa akka ta’e qorannoowwan ni mul'isu.

Namoota biroo wajjin yeroo baay’ee nyaachuun jireenya keessatti gammachuu guddaa akka argamsiisu fi hiriyyoota deeggarsaaf itti hirkachuu danda’an qabaachuu wajjin walqabata.

Nyaanni hormoonii sammuu endorfiinii jedhamu kan kakaasu yoo ta'u, kunis hariiroo walitti hidhamiinsa nama fi priimeetotaa akka jaldeessaa uumuu keessatti bu'uura ta'edha," jedha Danbar.

"Gareen waliin nyaachuun akkuma waliin fiiguun bu'aa endorfiinii dabala." Sababnisaa sochiin walsimnaan oomishan endorfiinii dachaa lamaa waan dabaluuf."

"Waliin nyaachuun gocha salphaa, yeroo hunda gaarii ta'e miti

Namoonni yeroo waliin nyaatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nyaata waliin nyaachuun sadarkaa fayyaa olaanaa waliin walqabata jedha qorannoon

Yeroo tokkotti nama biraa wajjin waanuma tokko nyaachuun caalaatti amanamoo akka fakkaatan akka taasisu, gaazexeessitoonni Siintiiyaa Gireebar fi Niikoolaa Twiiliin dhimma kana podkaasta isaanii Gastropod irratti yeroo qoratan baratan.

Yunivarsiitii Chikaagoo Booth School of Business irraa kan isaan dubbisan Ayelet Fishbach, fakkeenya invastimantii keessatti namoonni nama kanaan dura karameellaa wal fakkaatu waliin nyaataniif maallaqa dabalataa akka kennan hima.

Akkasumas namoonni nyaata wal fakkaatu nyaatanis namoota waliin hin nyaatin caalaa dafanii waliigalaan marii xumuru.

Garuu waliin nyaachuun gocha salphaa, yeroo hunda gaarii ta'e miti. Ayyaana, bakka namoonni hedduun walitti qabamnii nyaanni baay’inaan itti qoodamu keessatti namni garii of gadi qabuu fi kaan ammoo to’annoo agarsiisuu danda’an.

Fakkeenyaf, waqtii midhaan sassaabuu kan abbaan lafaa hojjettoota isaaniif nyaata guddaa dhiyeessu, ykn affeerraa waajjira kan hojjechiisaa tokko guddinni isaa, ykn hanqinni isaa, lakoofsa hirmaattootaan qoratamu yaadi.

Nyaanni maatiin tokko itti affeerramtus wal-dhabdee irraa bilisa ta'uu hin danda’u.

“Yoo isaan gaafatte namoonni hiriyootaafi namoota jaallatan waliin nyaachuun akka isaan gammachiisu ni dubbatu. Garuu namoota waliin nyaachuunis waan badaa ta'uu danda'a,'' jedha Niiwumaan.

"Iddoo to'annoo fi ol'aantummaa mul’atu." Bakki namni biraa yeroo hunda murtoo kee ykn ulfaatina kee qeequ fayyaa namaaf gaarii ta’uu hin danda’u.

Namni tokko duraanuu kophummaadhaan kan rakkate yoo taʼe, qofaa nyaachuun miira namatti hin tolle guddisuu dandaʼa.

Garuu nama yeroo baayyee namoota biroo waliin nyaatu yoo taate, tarii, yeroo tokko tokko kophaa teetee dubbisuun gaarii ta'a". jedha Niiwumaan