Erga nyaattanii booda ‘dhuufaa deemuun' fayyaa namaa fooyyessaa?

Madda suuraa, Getty Images
Dhuufuu dhuufuun waanuma jiru tahee garuu waan irra caalaan keenya amannee hin fudhannedha.
''Garuu 'dhudhuufaa deemuu' [fart walk]' kan jedhamu ammoo erga nyaata nyaannee booda qilleensa garaa keessatti baay'ate baasuuf gochuu fi shaakaluu qabnudha jedhama.
Itti waliigaltuu?
Waan kanaan kan beekamtu tokko dubartii Maarliin Ismiiz jedhamtu yoo tahu abbaa warra aishee waliin walitti dhuufuun Inistaagiraamii fi TiikTook irratti miliyoonotaan ilaalameera.
''Waggoota hedduu dura erga irbaata nyaannee booda saree keenya qabannee akka isheen qilleensa fudhattuuf daandiitti bahaa turre.
Deemsa saree fudhannee bahaa turre sana 'deemsa dhuufuu' jennee waamna ture.
Sababni isaas erga nyaannee daandiitti saree qabannee baanee karaa irratti dhuufuu dhuufuun sareetti qabachaa waan turreef'' jette Maarliin.
'Dhudhuufaa deemuun' maaliif gargaara?
Yaad-rimee isaa fi maqaan isaa yoo ilaaltu waan addaa fakkaahuu mala. Garuu 'dhudhuufaa deemuun' dhugumatti fayyaaf faayidaa adda addaa qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessumaa yeroo nyaata nyaannee liqimsinu qilleensa waliin galuun garaa keenya keessatti danqamee jiru gadi baasuuf oola.
Yeroo nyaata, bishaan ykn hancufakee liqimsitu walumaan hamma qillleensaa xiqqaa walumaan liqimsaa adeemta. Kun ammoo naannoo sirna soorata daakuu keessatti kuufamaa adema.
Akkasumas yeroo mar'immaan soora daaakuu fi nyaatota daakamuuf ulfaatoo tahan nyaannu gaazii ykn qilleensi hin arbaachisne kuufamaa adeema. Qorichoonni tokko tokkoo fi nyaatonni baay'aa namaaf hin sifoofne tokko tokkos akka dhuufuu dhuufnu gochuu danda'u.
Yeroo daandiirra suuta deemtu, jechuun nyaata booda akkuma mar'immaan soorata daakuuf gargaaru maasaaj gochuutti ilaalama.
Kun ammoo akka gaazonni hin barbaachisne naannoo sirna nyaataa daakamutti walitti qabame akka gara alaatti bahu gargaara. Kun ammoo fayyaakeef baay'ee gaariidha,'' jette Maarliin.
Maarliin taatoo beekamtuus yoo taatu kitaabota akkaataa nyaata bilchiissuu barsiisanii fi addunyaa irratti lakkoofsa guddaan gurguraman saddet barreessiteetti.
Shaakalli deemsaa fi dhuufuu kun lakkoofsa lubbu qabeeyyii xixiqqoo garaa keenya keessa jiran irratti jijjiirama guddaas fida. Isaan mar'immaan furdaa keessatti kan argaman yoo tahu, faatii asiidii oomishuuf gargaaru.
Isaan ammoo fayyaa mar'immaan keenyaaf barbaachisoodha jette.
Maayikiroobonni [microbes] wantoota biroo mar'immaan keenya keessatti argaman Baayil asiid jedhaman irratti jijjiirama jijjiirama fidu qaba. Jijjiiramoonni kunneen lameen ammoo sosochii mari'immaan keenyaa nagaa qabeessa akak tahu gargaara. Kun ammoo goginsi garaa akka hin mudanne gargaara'' kan jette ammoo Juulii Toomson UK irraati.
Juuliin dhaabbata 'Guts UK' jedhamu fayyaa sirna nyaata bulleessuu namaa irratti hojjetu keessa hojjetti.

Madda suuraa, Mairlyn Smith
Deemsi miilaa irbaata booda godhamu kun fayyaa sirna fayyaa onneef baay'ee barbaachisaa tahuu himti.
Madinummaa fayyaa dabaluun dhibee sukkaaraa 'Type' 2 jedhamu irraas nama ittisa. Kunis hamma sukkaaraa qaama keenya keessaa akka madaalamaa tahu gochuun akka tasa ol hin kaane godha.
''Erga irbaata nyaattee taa'uu dhiistee yoo sosochoote, maashaan kee gilukoosii dhiiga keessaa nyaata booda socho'uuf akka ispoonjii taha,'' jetti Maarliin.
Kanaafuu nyaata booda deemsa dhuufuuf yoo baate osoo hin beekiin dhibee fayyaa kaanis ofirraa hir'isaa deemta jechuudha jette.
'Deemsa dhuufuu' fi faayiberii nyaata keessaa
"Deemsi dhuufuu' akka namoonni isaanitti tole nyaata faayiberii baay'ee qabu nyaatu gargaara, jette Emaa Bardweel Uk irraa. Isheen ammoo nyaata faayiberii qabu kan jehdu irratti kitaaba tokko barreessiteetti.
''Hamma faayibarii guyyaatti nu baraachisu %30 akka argataa hin jirre beekamaadha.
Sababni isaa ammoo yoo callistee nyaatota faayiberii qaban kana nyaattu garaa na afuufa ykn bokoksa jettee waan yaaddoftuuf taha. Kanaaf ''Demsi dhuufuu' kun waan kanaaf qoricha jechuudha.
Nyaata faayiberii gahaa qabu nyaachuun bu'aa fayyaa guddaa qaba.
"Kolistiroolii xiqqeessuf nu gargaara. Hamma gilukoosii dhiiga keessaa akak madaalamaa tahu godha. Goginsi garaa akka hin mudanne gargaara.
Akkasumas dhibee onnee fi dhibee sukkaaraa Type 2 kedhamu akka hin mudanne godha.
Akkasumas dhibee kaanserii tokko tokko irraa nama eega jette Eemaan. Akkasuma lubbu qabeenyyii xixiqqaa mar'immaan keessatti argaman fayyaa keenya eeguuf oolan sooruuf oola,
''Isaan faayiberii kana nyaatu. Akka asiidawaa tahu [ferment] godhu. Kun ammoo akka sirni meetaaboolizimii qaama keenyaa haala gaariin hojjetu gargaara.''
Faayidaa fayyaa sammuu
Irbaata boodas tahu manaa baanee yeroo deemsa xiqqoo taasifnee deebinu fayyaa sammuu keenyaaf gaariidha.
Shaakalli akkasii kun keemikaalonni akka endoorfinsii fi serootooniin jedhaman oomishaman godha.
Kun ammoo akka yaaddoo irraa bilisa taatee hirriba gaarii raftu si gargaara.
Deemsi miilaa kun hariiroo jireenyakeeyyuu ni fooyyessa. Maarliin yeroo deemsaa kun akkan abbaa warraakoo waliin yeroo gaarii dabarsu na gargaara jette.
Lameen isaanii guyyaa hojii fi dhimma maatiidhaan qabamanii waan oolaniif yeroo irbaata booda deemsa kanaaf bahan hariiroo aarii akak qabaatan isaan gargaara.
''Yeroo abbaan warraakoo naannoo hin jirre ammoo ollaa ykn hiriyyootakoo waliinan baha. Kunis hariiroo gaarii akka tolfannu nu gargaareera,'' jette.
Deemsa dhuufuu kana akkamiin gaggeessinu?
Nyaata tokko nyaattee booda sosocho'uma qabda. Garuu yeroo gaarii jedhamee kan ilaalamu yeroo irbaata nyaattee booda jirudha. Isa galgalaa jechuudha.
Itoophiyaa keessatti irbaata nyaachuun kan amaleeffatame halkan erga sa'aatiin deemeeti. Tarii kun imala akkasiif mijataa tahuu dhiisuu mala.
Garuu irbaata yeroodhaan nyaachuun hirriba gaarii rafuufi soorannii akka haala gaariin daakamu gargaara.
Seerri kanaaf addatti bahe hin jiru. Garuu irbaanni nyaattan daakamuu akka jalqabuuf daqiiqaa 30 hanga sa'a tokkoo fudhachuun gaariidha.
Deemsi ammoo waanuma salphaa tahuu qaba malee deemsa dadhabsiisaa tahuu hin qbau jette.
''Daqiiqaa 10 walumaan odeessina. Haalota jiran wal xaxaa gochuu hin barbaachisu. Waan si barbaachisu kophee deemsichaaf sii mijatu, haala qilleensa isaa waliin kan deemu uffata gaarii qofa'' jette.
Ogeessonni waa'ee fayyaa yeroo miiidyaa hawwaasaa irratti haasa'an wal xaxaa fakkeessuun dhiyeessu. Irratti ammoo gatii isaa qaalii godhu.
Garuu deemsa salphaa akkasii bilisa hojjechuun barbaachisaadha. Isa irratti ammoo nyaataan booda waan taheef deemsa dhuufuu sana itti daballaan akkam gaarii seetan jetti.
Waan ani isin jajjabeessu irbaataan booda taa'umsa keessan irraa ka'uun akka sochootan gochuudha. Mee erga nyaattanii quuftanii booda dhuufuu dhuufuun qaanessaa fakkaatus eenyutti hin tolu? Garaa keessaa waa isinii hin salphisuu?















