Tiraamp maaliif Veenizuweelaa irratti qiyyaafate?

Madda suuraa, Reuters
Tiraamp erga marroo lammataaf gara aangootti dhufee mootummaa Veenizuweelaa irra dhibbaan cimaa gaheera.
Jalqaba bulchiinsi Tiraamp qaama Maaduroo to'annoo jala oolchuuf odeeffannoo kenneef badhaasa laatu dachaan akka dabale hime.
Fulbaana darbe, US dooniiwwan Kibba Ameerikaarraa qoricha sammuu hadoochuu geejibu jette irratti qiyyaafachuu jalqabde.
Dooniiwwan kunneen irratti haleellaan si'a 30 ol raawwateera kanaanis namoonni 110 ol ajjeefamaniiru.
Bulchiinsi Tiraamp godaantonni Veenzuweelaa dhibbaan lakkaa'aman Ameerikaa galuuf bulchiinsa Maaduroo sababa tahuu himata.
Tiraamp ragaa otoo hin kenniin ''mana hidhaasaa qulleessaa, koolugaltummaa akka malee akkasumas hidhamtoonni gara Ameerikaa akka baqatan 'dirqisiise' fa'a,'' jedhe.
Pireezidantiin Ameerikaa mootummaan Veenzuweelaa maallaqa daldala boba'aa irraa argamu yakka qoricha sammuu hadoochuu wal-qabatee raawwatuuf oolcha, innis yakka kana hoggana jechuun isa himatu.
Maaduroon himannaa kana kan haalu yoo tahu Ameerikaan maqaa waraana ''qoricha sammuu hadoochu' irratti jalqabe jettun aangoorra isa buustee kuufama boba'aa biyyattii to'chuu feeti,'' jedhan.














