Itoophiyaa-Ertiraa: Xayyaarri Itoophiyaa ganna 20 booda Asmaraatti balali'e

Shaampaanyiifi Abaaboon wayita imaltootaaf kennamu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Shaampaanyiifi Abaaboon wayita imaltootaaf kennamu

Xayyarri Itoophiyaa har'a waggoota 20 booda gara Eertiraatti imale Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Asmaraa qubatee jira.

Namoota imala seena qabeessa kanarra turaniif abaaboofi shaampaanyiin kennamee jira.

Ministirri Haajaa Alaa Eertiraa Osmaan Saalee MM duraanii Itoophiyaa Obbo Hayilamaariyaam Dessalenyi dabalatee aanga'oota, namoota daldalaafi gaazexeessitoota garasitti imalan simataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Balala'insi inni dhumaa daandiin xayyaaraa Itoophiyaa imaltoota fe'uun gara Asmaraatti taasise ALA Caamsaa 13, 1998 ture.

Balala'iinsi kun waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti nageenya buusuufi hariiroo hawaas-diinagdee adda citee ture deebisuuf hoogantoonni Itoophiyaafi Eertiraa irra gahan hordofuun kan raawwatedha.

Xayyaarrichi aanga'oota mootummaa, namoota daldalaa, lammiilee Itoophiyaafi Eertiraa maatii isaaniin waggoota dheeraaf gargar citanii turan walumaagalatti namoota 465 ol fe'atee ganama har'aa Finfinneedhaa ka'e.

Obbo Hayilamaariyaam Dessaalenyifi Aadde Roomaan Tasfaayee
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Hayilamaariyaamifi haadha warraa isaanii imalaaf qophiirra ennaa jiran

Ministirri Muummee duraanii Obboo Hayilamaariyaam Dassaalenyifi haati warraa isaanii Aadde Roomaan Tasfaayee namoota balala'iinsa seena qabeessa kanaan gara Asmaraatti imalan keessa jiru.

"Guyyaan har'aa guyyaa seena qabeessaafi gatii guddaa qabudha, hariiroon biyyoota lamaanii fooyya'eefi sirratee akka itti fufu guyya bu'ura ta'udha," jedhan Obbbo Hayilamaariyaam.

Daandiin xayyaaraa Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaafi Eertiraa wal qunnamsiisaa turullee, jibba, gadoofi xiiqii walitti qabachuu aanga'oota biyyoota lamaanii gidduu tureen kun adda citee ture jedhan.

"Dachee biyyoota lamaanii qofa osoo hin taane qilleensillee jibbaan guutamee ture, amma garuu qilleensillee jaalalaafi obbolummaan guutamee jira," jechuun BBC'tti dubbataniiru.

Jijjiiramni akkanaa akka dhufu hawwaan ture kan jedhan Obbo Hayilamaariyaam jijjiirama MM Abiy Ahimad fidaa jiranitti gammachuu guddaa akka qabanis himaniiru.

Sannaayit Tasfaayee daa'imummaan turte gara Itoophiyaa kan dhufte
Ibsa waa'ee suuraa, Sannaayit Tasfaayee daa'imummaan turte gara Itoophiyaa kan dhufte

Namoonni maatii isaaniin waggoota dheeraf gargar citani turanis xiyyaaricha keessa jiru.

Isaan keessaa tokko Sannaayit Tasfaayee daa'imummaan turte gara Itoophiyaa kan dhufte, amma mucaa ishee ji'a sadii waliin gara Eertiraatti imalte.

Maatii ishee achi jiran arguuf hawwii guddaa qabdu BBC'tti himteetti.

Namoonni maatii isaaniin waggoota dheeraf gargar citani turanis xiyyaaricha keessa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni maatii isaaniin waggoota dheeraf gargar citani turanis xiyyaaricha keessa jiru.

''Daandiin Xayyaaraa Itoophiyaa sagantaa balaliinsaa keenyaa waggoota 20'n booda deebiifnee yoo eegallu gammachuu olaanaatu nutti dhagahama,'' jechuun hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawelde Gabremaariyaam BBC'tti dubbatan.

Tajaajilli daandii Xiyyaara eegaluun isaas walumaagalatti walitti dhufeenya siyaas-dinagdee uummata biyyoota lamaanii jidduu cimsuuf gahee olaanaa taphatas jedhaniiru, Obbo Tawelden.

Asmaraatti waajjira banatee hojii kan eegale Daandiin Xayyaaraa Itoophiyaa, amma booda torbeetti al lama gara Asmaraatti balali'uuf saganteeffatee jira.

Sarara balali'aa haaraa Itiyoo-Ertiraa