Nasa’n bara 2024'tti dubarti jalqabaa Adeessatti erguuf ta'u beeksise

Madda suuraa, NASA
Ejansiin qorannoo hawaa Ameerikaa NASA’n bara 2024'tti Addeessaa/ Ji’arra dhala namaa deebisee qubsiisuuf karoorse.
Kunis waggoota 48 booda kan jalqabaa ta'uuf deema.
Karoora kana milkeessuuf doolaara Ameerikaa biliyoona 28 akka barbaachisu ejensiin qorannoo hawaa Ameerikaa kun beeksisera.
Sagantaa Artimis jedhamuu kanaan ejensiin hawaa kun dhiiraa fi dubartii dirra ji’aarra qubsiisuuf karoorseera, kunis erga bara 1972 as kan jalqabaati.
Haa ta’u malee, karoorri ejensichaa yeroo karoorfametti raawwachuu kan danda’u kongiresiin Ameerikaa doolaara biliyoona 3.2 ijaarsa meeshaa qorannoo kana qubsiisuuf oolu yoo eeyyamedha.
Astironaatonni meeshaa Oriyoon jedhamtuun rokkettii humna guddaan furguggifamuufi SLS jedhamteen imaluuf jiru.
Hoggaanaan Ejansii qorannoo Hawaa Ameerikaa (Nasa) Jiim Biridistiin, doolaarri biliyoonni 28 waggoota afran dhufanitti baasii sagantaa Artimis jedhamuuf barbaachisuuf akka oolu himaniiru.
Maallaqni kun rokkeetti SLS jedhamtu, meeshaa dhala nama ji’arra qubsiisuuf fayyadu dabalatee, uffannaa qorannoo hawaaf barbaachisuu guutuuf oola.
Ammatti garuu meeshaa qubsiistuu ijaaruuf doolarrii biliyoona 3.2 argachuu qabna jedhaniiru.
Manni maree biyyatti garuu kanaan dura doolara miiyoona 600 meeshaa dirra ji’aa qubsiisuuf fayyadu kanaaf eeyyameefira.
Nasa’n garuu ijaarsa meeshaa kanaa guutummaatti goolabuuf maallaqa dabalataatu na barbaachisa jedhe gaafate. Doolarrii biliyoona 3.2 guutummaatti akka eeyyamamuuf barbaadu jechuudha.

Madda suuraa, NASA
Sagantaa Artimis-1 jedhamu waanti yaadame balalii namni keessa hin jirre naannoo Ji’aa/ Addeessaatti shaakaluudha.
Marroon itti aanu Artimis-2’n, imala asitiraanotni gara naannichatti imaluudhaan yaalamu. Ejensichatti hoggantuun kutaa xiyyaara samii nama baatuu Keetii Luhiders yaaliin jalqabaa ji’a fudhata jette.
Imalli jalqabaa kun. Artimis- 3 immoo ergama yeroo jalqabaatiif waggaa 48 erga Appoloo 17 dirraa ji’aarra qubattee irra deebiin raawwatamuudha.
Ejansiin qorannoo hawaa Ameerikaa Nasa’n doolaara miliyoona 967 kaampanoota meeshaa ji’arra astiranotat qubsiistu wixinsan/ dizaayinii ishee baasaniif kaffaleera.













