Namoota miidhama qaamaa qabaatanis hojii gurguddaa hojjachuun fakkeenya ta'an

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota hedduu keessatti namoota miidhama qaama gosa adda addaan waliin jiraatan irratti logiin gara garaa ni ga'a. Loogiin inni ijoon tokko namootni miidhama qaamaa qaban akka namoota 'fayyaa' kaanii jireenya sirrii fi milkaa'aa jiraachuu hin danda'an kan jedhudha. Kun garuu dhugaa irraa kan fagaateedha.
Miidhama qaama qabaachuun wantoota tokko tokko raawwachuu irraa kan nama dhorku ta'us, milkaa'ina jireenya nama tokkoof garuu murteessaa miti. Kunis ammoo jireenya namoota miidhama qaamaa waliin jiraatan hedduun mirkanaa'eera.
Weellistoonni, ogeessonni seeraa, ogeessonni fayyaa, atleetooti fi hayyooti hedduu miidhama qaamaa gosa adda addaa qaban akka fakkeenyaatti kaafamuu danda'u.
Kunneen keessa loogii hawaasaan irra kaa'amu bira darbuun hojii gurguddaa hojjatan muraasa akkanaan filannee qixeessineerra.

Kilaawudiyaa L. Goordan

Madda suuraa, Getty Images
Kilaawudiyaa L. Goordan, Yunaayitid Iteestis keessatti dubartii ogeettii seeraa, kan gurraan dhaga’uu hin dandeenye jalqabaati.
Yeroo amma Dhaabbata Hojjattoota US’tti keessa hojjachaa jirti.
Kilaawudiyaan Caamsa 14, 1972 Jaamaayikaa keessatti dhalatte. Dhukkubbii gurra ishee mudeteen mana yaalaa deemuun wallaanamtulleen umurii ganna saddeetitti guutummaatti gurrishee dhagahuu dida.
Jamaayikaa keessatti barumsa argachuu waan dhabdeef wayita ganna 11 jirtu gara UStti imaluun mana barnootaa namoota dhaga’uu hin dandeenyee Leksiingtan, Niw Yoork keessatti barachuu eegalte.
Kana dura Waayit Haawusitti Wajjira Hariiroo uummataa keessatti gara waggaa tokkoof Hawaasaa Miidhama Qaamaa qaban bakka bu’uun gorsituu ta’uun hojjatteetti.
Waajjira Waayit Haawus keessa hojjachuunis nama dhaga’uu hin dandeenye kan jalqabaa taateetti.
Gaaffii fi deebii midiyaa waliin taasifteenis ishee dura namni dhaga’uu hin dandeenye tokko sadarkaa hojii xiqqaarra hojjetu akka turee fi ammas kan biraa sadarkaa gadi aanaarraa Waayit Hawuus keessa hojjachaa akka jiran himte.
Nicholas James Vujicic

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Ameerikaa-Awustiraaliyaa Nikoolaas Jeemsi Vuyichich, Mudde 4 bara 1982tti Meelboorn keessatti, dhibee tetra-amelia syndrome jedhamuun mudateen harkaa fi miilla malee dhalate.
Wayita sanattis maatiinsaa simachuuf baayyee itti ulfaatee akka ture galmeen seenaasaa ni mul'isa.
Ta’us boodarra “Waaqayyoo ilma keenyaaf karoora qaba” jechuun simatan. Umurii ganna 21’tti gosa barnoota akkaawunting fi daldalaatiin Yunivasitii Girifiit irraa digiriin eebbifame.
Bara 2005’tti ammoo Nikoolaas dhaabbata mit-mootummaa fi ergama wangeelaa idil addunyaa Life Without Limits (Jireenya daangaa malee) jedhamu hundeesse.
Bara 2007tti ammoo dhaabbata haasaa gorsaa Attitude is Altitude jedhamu hundeesse.
Lallabaa amantaa Kiristaanaa fi gorsaa ta’uun kan hojjatu Nikoolaas, filmii gabaabaa The Butterfly Circus jedhamu keessatti taatoo ta’uun hojjachuun bara 2010tti badhaasa argateera.
Adedoyin Olayiwola “Ade” Adepitan

Madda suuraa, Getty Images
Naayjeeriyaatti Bitootessa 27, 1973tti kan dhalate lammiin Biriiteen, Adedoyin wiilchariidhaan deema. Innis dhiyeessaa sagantaa TV fi taphataa baaskeetbooliti. Sagantaa imalaa fi ispoortii BBC adda addaa irratti hojjachuun beekkamtii argateera.
Adedoyiin ijjoollummaa isaatti pooliyoon qabamuun millii isaa erga miidhamee booda bakkaa bakkatti socho'uuf wiilcheerii fayyadamuuf dirqameera.
Umurii ganna sadiitti maatii isaa waliin Naayjeriyaa irraa gara UKtti godaanuun Baha Landan keessatti guddate. Dorgommii olompikii namoota miidhama qaamaa qabaniif qophaa’ee - Paaraalampiksii bara 2004 irratti garee Biritish waliin baaskeetboolii taphachuun meedaalii nahaasaa argateera.
Hojii tola ooltummaa namoonni miidhama qaamaa qaban ispoortii akka argatan gochuu adda addaa keessatti hirmaachunis bara 2005tti badhaasa baayyee beekamaa 'Member of the Order of the British Empire (MBE) jedhamu argateera.
Taajaajilaa fi hojii ispoortii hojjateef Yunivarsitii Loughborough irraas badhaasa Dooktireetii Kabajaa argateera.
Hojii tola oltummaa adda addaa keessatti hirmaachuu fi badhaasa hedduu argachuun kan beekamu Adedoyiin amma gaa’eela uummatee daa’ima tokko argateera.
Haaben Girmaa

Madda suuraa, Getty Images
Kaaliforniyaa bakka Oklaand jedhamutti abbaa lammii Itoophiyaa fi haadha lammii Eeritiraa irra kan dhalatte Haaben Girmaa, Yunivarsitii Harvaard irraa gosa barumsa seeraan eebbifamuun nama arguu fi dhaga’uu hin dandeenye kan jalqabaa taateetti.
''Eddoo baayyeetti namoota dandeetti arguufi dhagahuu al tokkotti dhaban hin argitu. Ani nama jalqabaati,'' jetti Yunivarsiitii Haarvaard seenuuf yoo jettu.
''Nuti kana dura nama miidhama qaamaa akkasii qabu fudhannee hin beeknu'' jennaan isheen immoo ''anis kana dura Yunivarsiitii Haarvaard jedhamu seenee hin beeku,'' jechuun deebisteetti.
Dandeettii arguufi dhagahuu kan dhabde ijoollummaa isheetti. Namaan walii galuuf ammoo meeshaa Digital Braille device jedhamutti fayyadamti.
Bishaan irra yabaluu, shubbisuufi gamoo dheeraa yaabuu, bishkiiliitii oofuu fa'i baayyee jaalatti.
Waltajjiiwwan beekamoo kanneen akka TED Talk jedhaman irratti argamuun haasaa ni taasifti. Pireezidantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaan 'White House'tti argachuun teeknolojiin foyya'aa qabaachuun qaama miidhamtoota akka itti gargaaru waliin haasofteetti.
Luudwig van Beetoovan

Madda suuraa, Rischgitz
Addunyaa irratti ogeessii fi qindeessaan muuziqaa 'classical' beekama kan ta’e Luudwig van Beetoovan dhageettii isaa dhabuu kan eegale umurii ganna 20’n isaa keessa ture.
Umurii ganna 30n isaa keessa Beetovan “waggoota sadan darbaniif dandeettiin dhaggeettiikoo dadhabaa adeemeera. Yeroon tiyaatira keessa ta’u sagalee orkeestiraa irraa dhufu sirritti dhaga’uuf itti siquun qaba. Fagoo yoon taa’e sagalee meeshaa muuziqaa fi weellistootaa hin dhaga’uu,” jechuun hiriyyaa isaaf barreesee ture.
Ta’us Beetovan muuziqaa yeroo dheeraaf dhiyeessuu itti fufee ture. Yeroo muziqaan isaa beekamaa Ninth Symphony jedhamu gadhiifame, Beetovan qindeessa ta’ee saganticha dursuu barbaadus, haalli inni keessa jiru muuziqaa dhiyeessuuf isa hin dandeessisu jedhamuun dhorkamee ture.
Waltajjii irratti muuziqaa dhiyeessuu yoo dhabuulleen hanga umurii ganna 50’n keessa lubbuun isaa itti darbutti muuziqaa barreessuu isaa itti fufeera.
Hojjettuun Beetoven akka himteetti, dhageettiin isaa caalaatti yeroo dadhabaa deemetti meeshaa piyaanoo bira taa’uun, qarqara irsaasii gama tokkoo afaan isaa keessa kaa’uun, qarqara isa tokko ammoo sanduqa sagaleen keessa ba’urra kaa’uun hollannaa sagalee ba’u miiraan dhaga’uuf yaaleera.
Nitandoo Mahlanguu

Madda suuraa, Getty Images
Nitaandoo Mahlugu lammii Afriikaa Kibbaa bara 2002tti dhalate yoo ta'u atileetii paaraalimpikii biyyasaati.
Innis sababii dhibee fibular hemi-meliya jedhamutiin miilla lamaan jilbaa gaditti miidhamuun ture kan dhalate. Jireenya isaa irra caalas wiilcheerii irratti dabarse.
Bara 2012tti, yeroo dorgommiin Paaaralimpikiin gaggeefamaa turetti, miilla isaa lamaan jilbatti murame. Sagantaa Avis, Afrikaa Kibbaatti qopheeffamee fi gumaacha Jumping Kids Prosthetic jedhamu waliin ta’un milli namtoolchee isaa jalqabaa tolchameef.
Nitaandoon bara 2016tti biyyasaa bakka bu'uun Paaraalimpikii Riiyootti hirmaate. Dargaggoo umurii ganna 14 kan ture Nitaandoon fiigicha m200 irratti biyyasaatiif meedaliiyaa meetii injifateera.
Bara 2019 keessa ammoo biyyasaa dorgommii Olompikii Tookiyoo 2020 irratti bakka bu'uuf ulaagaa guutee, dorgommicharra hirmaachaa jira.
Yeroo sanattis atleetii ‘cimaa ilaalamuu qabu’ jedhamuun leellifamaa ture.
Guufuu fi qormaati kamuu jiraatus daa’imman abjuu fi karoora gurguddaa akka qabaataniif jajjabeessuu barbaada. Barnoota gaarii, ispoortii fi kutaa qaamaa namtolchee argachuunis akkasaa milkaa’uun akka danda’amu fakkeenya ta’u fedha.
Isteefan Wiiliyaam Hoowkiing

Madda suuraa, Bruno Vincent
Isteefan Wiiliyaam Hoowkiing bara 1942 Inglaandi keessatti dhalachuun bara 2014tti umurii 76tti du'aan boqate.
Isteefan Wiiliyaam Hoowkiing, saayintistii beekamaa fiiziksii, kosmolojii fi barreessaa, Yunivarsitii Kaambiriiji ture.
Isteefan wayita boqataniitti Yunvarsitii Kaambiriijiitti Daareektara Qorannoo Wiirtuu Theoretical Cosmology turan.
Bara 1979 fi 2009 jidduutti Yunivarsitii Kaambiriij keessatti Piroofeesara Herregaa ta’uunis tajaajileera.
Maatii ogeessota fayyaa irraa kan dhalate Isteefan, yunivarsitii kan eegale bara 1959tti wayita dargaggoo ganna 17 ta’ee ture. Boodas barnoota gosa fiziksiitiin digrii jalqabaasaa argate.
Bara 1963 keessa garuu Isteefan dhibee narvii miidhuun waljalaan qaama laamshessuun qabamuunsaa barame. Waggootaan booda guutummaa guututti laamsha'uun socho'uu dadhabe.
Miilaan socho'uu dadhabuu qofaas osoo hintaane haasa'ulleen rakkataa ture. Kanaafuu namoota waliin haasa’uf meeshaa haasaa uumuu kan harka isaan to’atamutti kan fayyadaman yoo ta’u, boodarra garuu maddii isaan to’achuun haasa’uu eegalan.
Haaluma kana keessa osoo jiru Isteefan argannoo saayinsii hojjataniin beekkamtii guddaa ittiin argataniiru.












