Awustiraaliyaatti sodaa koronaavaayirasii 'sooftii' irratti wal lolaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Lammileen Awustiraaliyaa sodaa koronaavaayirasiin 'sooftii' mana fincaanii bitanii mana keessa tuullachaa jiru.
Aanga'oonni hanqinni tokkollee hin jiru jedhanis namni gurra kenneef hin jiru.
Magaalaa guddoo biyyattii Siidinii keessatti jiddugalawwan gabaa hedduu keessatti 'sooftii' arguun rakkisaa ta'aa jira.
Namootni irratti wal lolanii, cuubee walitti baafatanii hanga poolisiin waamamee jidduu galuutti gaheera.
Namoonni mana fincaanii uummataa keessaa hatan akka jiranillee gabaafameera.
Marsaalee hawaasaa irrattis matadureewwan #toiletpapergate fi #toiletpapercrisis jedhan ijoo dubbii ta'aniiru.
Raadiyoo irrattillee dhaggeeffattoonni hirmaannaa isaaniif badhaasa kankennamuuf 'sooftii'dha.

Madda suuraa, KATHERINE QUIRKE/TWITTER
Sodaa kana maaltu uume?
Sodaan 'sooftii'n dhabamuu danda'a jedhu Awustiraaliyaa qofa keessa miti kan jiru.
Biyyoota weerarri vaayirasichaa keessatti mudate akka Singapoor, Jappaan fi Hoongikoongi keessatti wanti wal fakkaataan uumamee ture.
Awustiraaliyaa keessatti sodaankun kan eegale torbee darbe erga manguddoon ganna 78 sababa vaayirasichaan du'uun isaa gabaafameen booda.

Madda suuraa, Getty Images
Erga jalqaba vaayirasichi biyyattii seeneen booda imala gara Chaayinaatti taasifamurratti uggurru jabaan kaa'amee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu dhaabee ture.
Amma dura namootni 41 vaayirasichaan qabamanii namni tokko du'eera.
Aanga'oonni mootummaa namoonni qulqullina isaanii akka eegan harka sirnaan akka dhiqatan waamicha dhiyeessaniiru.
Namoonni nyaataafi meeshaalee biroo yoo xiqqaate torbaan lamaaf isaan tursiisuu danda'u akka qopheeffatanis gorsa laataniiru.
Kana booda ture fedhiin 'sooftii' daran dabaluu kan eegale.
Marsaalee hawaasaa irratti namootni wayita tuullaan 'sooftii' bitatan wal jalaa arganii gabaarraa dhabamuu danda'a sodaan jedhu babal'ate.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Sooftiin mana fincaanii irra caalaan biyyuma keessatti waan omishamuuf hanqinni hin jiru sodaa dhiisaa jechuun aanga'oonni biyyattii waamicha dhiyeessaa jiru.
Biyyattiin weerara vaayirasichaa to'achuuf qophii barbaachisaa qabdi jedhu aanga'oonni.
Lammileen biyyattii garuu tarii weerarichi yoo hammaatee sooftii mana fincaanii fixne akkam taana sodaa jedhuun ammas sooftii adamsanii bitataa jiru.

















