Koronaavaayirasiin yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessa lammii Jaappaan irratti argame

Imaltoota Buufata xiyyaaraa Booleetti

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaa keessatti namni yeroo jalqabaaf dhukkuba Koronaavaayirasiin qabame argame.

Namni dhukkuba kanaan qoratamee irra gahame lammii Jaappaan akka ta'e Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Inistitiyutiin Eegumsa Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa oboroo har'aa dhukkubicha akka mirkaneesse ibsameera.

Namni dhukkubni irratti argame kuni A.L.I Guraandhala 25, bara 2012 gara Itoophiyaa kan seene akka ta'e himaniiru.

Umriin nama kanaa 48 yoo ta'u mallattoon dhukkuba kanaas kan irratti mul'ate guyyaa sadii dura ta'u ibsaniiru.

Dr Liyaan bakka namoonni dhukkuba kanaan shakkaman itti tursiifamanitti lammiin Jaappaan kuni guyyaa kaleessaa dhufuu himaniiru.

Lammiin Jaappaan kuni Burkinafaasoo irraa gara Itoophiyaa seenuun isaa ibsameera.

Hojiin namoota dhukkubsaticha waliin qunnamtii qaban adda baasuu kan eegalame yoo ta'u namichi rakkoo fayyaa hammaataarra akka hin jirres himan.

Dhukkubni kuni yeroo duraaf Itoophiyaa keessatti argamuu dursanii kan ibsan Kantiibaan Itti aanaa Magaalaa Finfinne Injinar Taakkala Uuumaa, lammiileen akka of eegan dhaamsa dabarsaniiru.

Dhukkubni koronaavaayirasii yeroo ammaa haala 'weerara jedhamurra gahuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksiseera.

Har'a ganama ollaan Itoophiyaa, Keeniyaan, nama jalqabaa dhukkuba kanaan qabame akka mirkaneessite ifa gooteetti.

Hanga yoonaa dhukkuba kanaan Chaayinaa, Xaaliyaanii, Iraaniifi biyyoonni hedduu biroo hubamaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Odeeffannoo dabalataa jala jalaan isin biraan geenya.

Koroonaavaayiras
koronaavaayiras

Itoophiyaan hangam qophooftee jirti?

Daayrektarri olaanaa Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Dr Eebbaa Abaata lammin biyya Jaapaan kun Guraandhala 25 A.L.I Burkinaafaasoo seenee isa booda gara Itoophiyaa dhufuusaa himan.

Gara Itoophiyaa erga seenee guyyoota shan booda mallattoo agarsiisuu eegale jedhan.

Sana boodas iddoo foo'anii tursiisuu akka seenu taasifamee qorannoon adeemsifamuusaa himan.

Namootni isa walin qunnamtii qaban 45ol hordofamaa akka jiranis Dr Eebbaan dubbataniiru.

Gama qophiitin hospitaalli Yakkaa Kotabee kan namoota 500 hanga 600 keessumeessuu danda'u gutumaan guututti dhibee kanaaf ramadamee qophiirra akka jiru himaniiru.

"Vaayirasichaan qabamuun du'uu jechuu miti" kan jedhan Dr Eebbaan vaayirasichi caalmaatti namoota ga'eessota umriin isaanii waggaa 50 ol ta'an kan miidhu ta'uu isaatis dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana nama tokko qofatu vaayirasichaan qabamuu mirkanaa'e kan jedhan Dr Eebbaa "kanaaf jedhamee tarkaanfin addatti fudhatamu hin jiru" jedhan.

Hawaasni wal tutuquu (harka walfuudhuu) irraa akka of qusatu fi namoota mallattoon irratti argame dhaabbilee fayyaaf eeruu kennuu akka qabu gaafata