Koroonaavaayiras: Pirezidantiin US Tiraamp qorannoon koronaavaayiras erga taasifameef booda bilisa ta'aniiru

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp koronaavaayirasiif erga qoratamanii booda dhibee kana irraa bilisa ta'uu isaanii Waayiit Haawus beeksiseera.
"Galgala kana akkan bu'aan qorannoo kun koronaavaayirasiirraa bilisa ta'e na qaqqabeera," jedhe hakiimni isaanii Siin Konileen.
Obbo Tiraamp tarii koronaavaayirasiin qabamaniiruu laata jedhamanii shakkamuun kan qorataman erga mana nyaataa Filooriidaatti jila Pirezedaantii Biraazil waliin walarganii booddeedha.
Jila pirezedaantii Biraaziliin durfamu sana keessa ammoo namni qoratamee koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e argameera.
"Jila Biraazil waliin Mar-a-Lago 'tti torban tokko dura erga hirbaata nyaatanii booda pirezedaantichi mallattoo dhukkuba kanaa irraa bilisa ta'aniiru," jedhe Obbo Siin Konileen.
Pirezedaant Tiraamp yeroo ammaa kanatti maanguddoo umuriin isaanii ganna 73 guute yoo ta'u, mallattoon ana irratti mul'ate hin jiru jechuudhaan erga walga'ii jila Biraazil waliin wal arganii adda of hin baasu jechuun didanii turan.
Gargaaraa pirezidaantii Biraazil kan ta'e Faabiyoo Waajingaarten, daawwannaa Mar-a-Lagoo bakka pirezedaanti Tiraamp waliin itti walargan daawwatanii booda Koronaavaayirasiin akka qabame kan mirkanaa'e.
Kana waliin walqabsiisee pirezidaant Tiraamp tarii Koronaavaayirasiitiin qabameera kan jedhu namoonni shakkaa turan.
Jimaata darbe maaliif akka qorannoo hin taasifanneefi kophaatti adda of hin baafneef gaafatamanii pirezedaanti Traamp, "Lakki, waan barbaade ta'us nuti mallattoon nurratti hin mul'anne," jechuun rippoortarootaaf deebisanii turan.
Ibsa miidiyaaleef Waayit Hawus keessatti isaan sardeen booda garuu, pirezidantichi qoratamuuf akka jiru dubbatan.
Ibsa gaafa Sambataa kennanis Pirezidant Tiraamp gaafa Jimaataa galgala qorannoo akka taasisan ibsan.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'

Hanga ammaatti Ameerikaa keessatti namoonni 2,700 ol koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u namoonni 54 ammoo du'aniiru.
Ameerikaan kanaan dura UK irraa kan hafe biyyoonni Awurooppaa gara biyya ishee akka hin seenne dhorkitee turte. Amma ammoo UK fi Ayerlaandiinillee akka biyyya ishee hin seenne dhorkiteetti.
Jimaata darbe Pirezedaantiin Ameerikaa koronaavaayirasii ittisuudhaaf labsii yeroo muddamaa labsuun maallaqa dolaara Biliyoona 50 ammoo kanumaaf ramadaniiru.
Guutummaa addunyaa irratti Pirezedaantii Ameerikaa dabalatee gaggeessitoonniifi namoonni siyaasaa bebbeekamoo dhibee kanaan qabamaniiru shakkiin jedhu uumamee tarkaanfiiwwan of qorachuufi adda ba'anii of tursiisuu fudhatamaa jira.
Torban darbe keessa haatiwarraa ministira muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoor dhukkuba kanaan qabamtee waan argamteef torban lamaaf akka qofaatti adda baatee turtu taasifameera.
Ispeen keessattis haatwarraa ministira muummee biyyattii Pediroo Saancheez qorannoo isheef taasifameen koronaavaayirasiin irratti argamuun isaa mirkanaa'uu mootummaan biyyattii beeksiseera.
Haati warraafi abbaan warraa kun waajira ministira muummee magaalaa Maadiriiditti argamu keessa haala nagaa keessa akka jiran ibsameera.
Ispeen biyyoota Awurooppaa keessaa Xaaliyaanitti aansitee biyya baayyee koronaavaayirasii kanaan miidhamtedha.
Dabalataanillee ministirri fayyaa UK fi miseensi Paarlaamaa biyyattii Naadiin Dooriis qorannoo koronaavaayirasii taasifameen akka qaban mirkanaa'ee mana isaanii keessatti adda of baasanii jiru.
Kanaan duras Itti-aanaan ministira fayyaa Iraan Hiraaj Hariirch koronaavaayirasiin qabamuun isaanii ni yaadatama.














