'Ayyaana Faasikaa kana firriifi ollaan wal waamuu hin qabu' Dr. Liyaa Taaddesee

faasikaa

Biyyootni addunyaa hedduun ayyaana Faasikaa, sochii hawaasaa uggurameen yoo dabarsan, Itoophiyaatti garuu sochiin ho'an gabaa ayyaanaa mula'acha jira.

Finfinnee naannoo tokko tokkotti gabaa ho'aa ayyaana Faasikaa gorsa Ministeerri Fayyaa dabarsu booddeetti jedhe gaggeefamaa jira.

Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee ayyaanaa kana of eeggannoo guddaan ayyaaneffachuun akka barbaachisu gorsaniiru.

''Akka durii ollaafi firri walwaamee osoo hin taane miseensota maatii waliin jiraannu qofa waliin ayyaana kabajnu ta'uu qaba'' jedhan.

Jaalala waliif qabnu waliif eeggachuudhaan haa agarsiisnus jedhan.

Sochiin gabaasa walirraa fageenya namoota gidduutti gorfamaa jiru eeguun haguuggii funyaaniifi afaanii fayyadamuun akka ta'us gorsaniiru.

Bittaan horii fi qalmi gaggeefamus haala kanaan dura baratameen addatti ofeeggannoo cimaan akka ta'u Dr. Liyaan dhaamaniiru.

Foon dheedhii osoo nyaatamuu baatee gaarii ta'as jedhaniiru.

Ayyaana kan of to'annee of eeguun dabarsuun fuula duratti ayyanota hedduu kabajuuf murteessaadha jedhaniiru.