Mootummaan federaalaafi TPLF haala naannoo Tigraay hammeessuurraa akka of qusatan Gamtaan Afrikaa gaafate

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/TPLF
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, mootummaan federaalaa fi TPLF haala naannoo Tigraay keessa jiru hammeessuurraa "cimsanii akka of qusatan" gaafate.
Naannoo Tigraay keessatti "taateewwan tibbana mul'acha ajiran akka isa yaaddesse" dura ta'aan kun ibseera.
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa kun kana kan jedhe wal gaarerfannaa mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay cimee walitti bu'insi irra deebiyee ka'a jedhamee yaaddoon dabalaa jiraachuu ilaalchisee ibsa Jimaata har'aa Amajji 30, 2026 baaseenidha.
Wal gaarerfannaa keessa kan turan qaamoleen lamaan guyyoota daran keessa daangaa naannolee Amaaraa fi Tigraay kan ta'e Tsallamtitti walitti bu'uun isaanii gabaafameera.
Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, "haala kutaalee naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa," akka jiran ibse.
Ibsi Gamtichi baase dura ta'aan kun, "haala kutaalee naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiru yoo ta'u, taateewwan tibbana mul'ataniin yaaddoon guddaa itti dhaga'ameera," jedhe.
Dura ta'aan kun ibsa isaatiin, Gamtaa Afrikaan kan durfamuufi waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaase kan dhaabsise waliigaltee Piritooriyaa eeguun akka barbaachisu hubachiiseera.
Karaa waliigaltee kanaa "bu'aawwan carraaqqii cimaatiin argame eegsisuun baayyee barbaachisaafi faayidaa waraaa akka qabu ibsa isaa kanaan dhaameera.
"Qaamoleen hunduu," tarkaanfiiwwan haala jiru hammeessan fudhachuurraa "cimsanii akka of qusatan", akkasumas "gochawwan wal amantaa balleessuu danda'anirraa akka of qusataniif" dura ta'aan kun ibsa baaseen gaafateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan federaalaa fi TPLF "dhimmoonni fala hin argatiin kamiyyuu waliigaltee dirqamoota walitti bu'insa dhaabuufi miira isaa guutummaan guutuutti kabajuun marii ijaaruun akka hiikaniif" waamicha dhiyeesseera.
Gamtaan Afrikaa waliigalteen Piritooriyaa "guutummaan guutuufi bu'a qabeessa" karaa ta'een akka raawwatamu "murannoo hin raafamne" akka qabus ibsa kanaan mirkaneesseera.
"Ijaarsa nageenyaafi adeemsa araaraa" kan keessatti qaamoleen waliigaltee kana mallatteessan kanaaf "deeggarsa itti fufinsa qabu taasisu" akka itti fufus beeksiseera.
Gamtichi raawwii waliigaltee kanaa hordofuudhaaf karaa Paanaalii Olaanaa hundeesseen adeemsa "marii, tumsaafi wal amanta aguddisuu" qaamoleen lamaan gidduutti taasifamu cimsuuf qophii ta'uu isaas eereera.
Kanas kan godhuuf "naannoo Tigraay keessatti nageenyaafi tasgabbiin waaraa" akka bu'u gochuuf carraqqii taasifamuuf deeggarsa qabuun akka ta'es ibseera.
Gamtaan Afrikaa waliigaltee Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf naanoo Tigraay keessatti dhiiga dhangalaase dhaabsise mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti gaggeeffame adda durummaan mariisisaa qaama turedha.
Waliigaltee kana booda waggoota sadan darban keessa nagaan bu'ee kan ture ta'us, qaamoleen lamaan waliigalteen kun guutummaan guutuutti hojiirra hin oolle jechuun wal himataa turaniiru.
Ji'oota darban keessa waldhibdeen mootummaa federaalaafi TPLF gidduu ture hammaatee muddama keessa kan turan yoo ta'u, jalqaba torban kanaarra walitti bu'insi dhalachuun gabaafameera.
Raayyaa ittisaa mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti walitti bu'insi dhalachuu maddeen dippilomaasiifi tikaa kan himan yoo ta'u, mootummaas ta'e TPLF hanga ammaa waa'aa haala jiruu ifatti wanti ibsan hin jiru.












