Gareen 'boodatti hafaa kun meeshaalee waraanaa gurguddaa gara naannolee Affaariifi Amaaraatti butaa jira'

Loltoota TDF

Madda suuraa, WOYEN

Paartiin mormituu, Dimokiraatawaa Simirat Tigraay (Simirati), Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee, Obbo Getaachoo Raddaatiin hogganamu gareen qaama "boodatti hafaa" jechuun waamu "haleellaa bal'aa naannoo Affaariifi Gondar waliin gahu" gaggeessuudhaaf "qophii xumuree dhukaasa" baneera jechuun himate.

Gareen kun "meeshaalee [waraanaa] bakka awwaalee fi dhoksee baasuun gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti butaa jira" kan jedhe Simirat, waliigaltee Piriitooriyaa "ifatti diigeera," jechuun dabalee himateera.

Aanga'oota olaanoo duraanii Tigraay TPLF keessaa ba'aniin kan hudeeffame Simirat, ibsa kana kan baase Raayyaan Ittisa Biyyaa fi humnoonni Tigraay walitti bu'insa keessa galuun isaanii erga gabaafameen boodadha.

Roohitarsiifi AFPn mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti bakkeewwan naannoleen Amaaraa fi Tigraay kan kooti jechuun irratti wal falmanitti walitti bu'iinsi dhalachuu maddeen tikaafi dippilomaasii eeruun gabaasaniiru.

Simirat ibsa Kamisa Amajji 29, 2026 baaseen TsallamtIitti walitti bu'insi uumamuu eereera.

Paartiin mormituu kun, sochii waraanaa naannawaa kanatti gaggeeffameef itti gaafatamaa kan godhe qaama "boodatti hafaafi yakkamaa" jedhedha.

Pirezidantiin Paartichaa Obbo Getaachoo Raddaa, haasaa kanaan dura taasiseen, aanga'oota TPLF michoota isaa turan maqaa kanaan waamaa tureera.

Paartichi ibsa isaa kanaan, "waliigaltee nagaa Piritooriyaa diiguun duula waraanaa nageenya uummata keenyaa balaarra buusu jalqabeera," jedheera.

Gareen kun kana gochaa kan jiru, "tokkummaa daangaafi dhimma buqqaatotaa" akka sababaatti kaasuun akka ta'e eeruun komateera.

"Gareen kun ergama Shaabiyaarraa itti kenname fudhachuun tokkummaa daangaa Tigiraayiif waan hiika kan hin qabne halellaa bal'aa naannoo Affaarii hanga Gondaritti bal'atu gaggeessuuf qophii xumuree ummatichatti sirriitti osoo hin himiin sochii humnaafi dhukaasa gaggeessaa jira," jedheera.

"Meeshaaleen [waraanaa] kanaan dura awwaaleefi dhoksee ture bakka awwaaleefi dhoksee turee baasuun gara daangaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti butaa jira," jechuun himateera.

Sochiin waraanaa kun gaggeeffamaa kan jiru "seeraafi sirna dhiituun" akkasumas waliigaltee Piritooriyaa guutummaan guutuutti diiguun" akka ta'es ibsi kun mul'iseera.

Gareen kun "waarana akkuma fedhetti" taasisu kana gaggeessaa kan jiru @sirna Shaabiyaa waliin hiriiree" akka ta'es himateera.

Obbo Getaachoo Raddaa

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Simirat "maqaa loltoota Tigraay miidhaman sababeeffachuun maallaqa sassaabaafi qophii hunda galeessa gaggeessaa" ture jechuun garee kana himateera.

"Waraana torban kana keessa karaa kallattii Tsallamtiin qabsiise kanaaf ijoollee hiyyeessaa hirbaata rasaasaa gochuun dogoggora seenaan hin dhiifneef yoo rawwatu mul'ateera," jechuun naannawaa daangaa Amaaraa fi Tigraay gidduu sochiin waraanaa akka ture ibseera.

"Daangaa Tigraay kabachiisuu fi buqqaatota karaa nageenyisaanii eegame deebisuun" barbaachisaa ta'uu kan eere Simirat, kun garuu karaa nagaafi seera-qabeessa waliigaltee Piritooriyaatiin kan raawwatamu malee waraanaafi doorsisa waranaa gocha fakkaatuun miti," jechuun ejjennoo isaa ibseera.

Hawaasni idil-addunyaa waliigalteen Piritooriyaa akka raawwatamuuf "dhiibaa hunda akka taasisu", akkasumas gareen kun "qolee ummata Tigraay irraa akka bu'u akka tumsuuf" waamicha taasiseera.

Ummanni Tigraay, "waraana hamaa humnoonni alaa taasisaa jiran dhimmee akka balaaleffatu", akkasumas "ijoolleesaa raayyaa keessa jiran akka gorfatuuf" gaafateera.

Guyyoota darban keessa mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti ragaaleen walitti bu'insi dhalachuu mul'isan bahanis, hanga ammattii gama lamaaniinuu ibsi mirkaneessu kenname hin jiru.