Filannoo 7ffaa: Guyyoota ijoo, yaaddoo paartilee, dhimma TPLF fi deebii Boordii

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan paartileen mormituu gamanumaa yaaddoo isaanii irratti kaasaa jiran ALI Caamsaa 24, 2018 akka adeemsifamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Filannicha adeemsisuuf bara 2017 irraa eegalee qophii taasisaa turuu kan hime boordichi, ji'oota darban keessa hojii waajjiraalee damee akkasumas naannoleefi buufataalee filannoo hundeessuu hojjechaa turuu himeera.
Boordichi qophii filannoo, gabatee yeroofi yaaddoo paartilee mormituu biraa ka'u ilaalchisee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa miidiyaaleef ibsa laatera.
Haaluma kanaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ji'oota muraasa booda adeemsifamuuf galmeen kaadhimamtootaa Amajjii 1 hanga Guraandhala 1, 2018 akka adeemsifamu himameera.
Galmeen filattootaa immoo kunneen tekinoloojiitti fayyadamuun bilbilaan ofiif galmaa'an Amajjii 15 hanga Bitootessa 7, 2018, kunneen akka filannoowwan kana duraa buufataalee filannootti argamuun galmaa'anif immoo Guraandhala 7 hanga Bitootessa 7, 2018'titti adeemsifama.
Duulli filannoo immoo Amajjii 1, 2018 kaasee hanga Caamsaa 19, 2018 kan adeemsifamu yemmuu ta'u, filannoon waliigalaa Caamsaa 24, 2018 adeemsifama.
Bu'aan filannoo waliigalaas Waxabajjii 4, 2018 akka ibsamu boordiin filannoo beeksiseera.
Komii paartilee siyaasaa mormituu
Dhaabni biyyattii bulchuu waajjiraaleesaanii cufuun akkasumas kaadhimamtootafi miseensotasaanii hidhuun dhiibbaa irratti taasisaa jiraachuu paartileen mormituu garagaraa irra deddeebiin yeroo kaasan dhagahama.
Komii kana quba akka qaban kan himan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatawarq Haayiluu , rakkoolee kunneen furuuf guyya guyyaan hojjechaa jiraachuu himan.
Komii paartileen siyaasaa kaasan kana furuufis boordichi koree: bakka bu'oota boordii filannoo, paartii mormituu komii dhiyeesse fi paartii biyya bulchu ofkeessatti qabate hundeessuun hojjechaa turuu himan.
"Rakkoon waajjirri cufamuu jira, hidhamuun miseensotaa ni jira. Boordiin filannoo qaamolee hidhaa kana raawwataniiru jedhamaniif xalayaa ni barreessa, ni gaafata" jedhan.
Dabaluunis "Caasaan deebii laatu ni jira, kan deebii hin laannes jira. Dhimma kana ilaalchisee boordichi qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaaf gabaasa godheera" jedhan.
Filannoo gaggeessuuf rakkoolee nageenyaa
Rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii garagaraatti jiran ka'umsa gochuun yaada 'haalli filannoo gaggeessuu dandeessisu hinjiru' jechuun qaamoleen garagaraa kaasanirrattis boordichi deebii laatera.
Boordichi iddoowwan filannoon itti adeemsifamufi itti hin adeemsifamne adda baafachuuf mootummoota naannoleefi qaamolee nageenyaarraa odeeffannoo akka walitti qabu himameera.
Odeeffannoowwan qaamolee kunneenirraa boordichi fudhatus iddoowwan biyyattii halluuwwan magariisa, keelloofi diimaan kan qoqqoodaman akka ta'anis Aadde Meelaatawarq himaniiru.
"Iddoowwan magariisa keessatti ramadaman filannoo adeemsisuuf naga qabeessa kan ta'an, keelloon immoo of eeggannoon kan adeemsifamu akkasumas diimaa keessatti kan ramadaman immoo sababa rakkoo nageenyaan naannoo sanitti filannoo gochuun hindanda'amu kan jedhu kan agarsiisudha" jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Dabaluunis "Odeeffannoowwan mootummoota naannoleefi qaamolee nageenyaarraa argannu ka'umsa keenya. Odeeffannoo kana naannoo filannooofi buufata filannootti qindeessinee qaama dhimmichi ilaallatu waliin irratti mari'anna" jedhaniiru.
Gama biraatiin boordichi odeeffannoo qaamolee kunneeniin dhiyaatuuf dabalataan garee bakka bu'oota paartilee siyaasaafi dhaabilee siiviilii ofkeessatti qabate bobbaasuun sakatta'iinsa akka taasisuus himaniiru.
Dhimma TPLF
Gama biraatiin boordii filannoon kan haqame Adda Bilisummaa Ummata Tigraay /TPLF/ ilaalchisee boordichi ibsa kan laate yemmuu ta'u, boordichi paarticha waliin ammatti hariiroo hoomaa akka hinqabne walitti qabduun boordichaa himaniiru.
"Waliigaltee Piritooriyaa ilaalchisee kan ka'uuf dhimma siyaasaa yoo ta'e namoota siyaasaan kan furamudha. Kuni dhimma Boordiin Filannoo isa ilaallatu miti" jedhan.
Haaluma kanaan mariin boordiin filannoo TPLF walin taasiaa jiru akka hinjirre himaniiru.
Hojiilee ijoo hanga ammaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boordiin filannoo qophii filannoon walqabatee hojiilee ji'oota darban keessa hojjetes ibseera.
"Buufataalee filannoo muraasarratti hojiin buufataaleen qaama miidhamtootaaf, dubartootaaf, maanguddootaaf mijatoo ta'usaanii mirkaneessuu hojjetameera" jedhan walitti qabduun boordichaa Aadde Meelatawarq Haayiluu.
Kana malees geejiba meeshaalee filannoon walqabatee hojiin daandiiwwan adda baasuufi gamaggamuu adeemsifamuus himaniiru.
Paartilee siyaasaan walqabatees adeemsa falmii filannoo miidiyaaleerratti taasifamurratti leenjin kennamuunsaas himameera.
Tekinoloojiiwwan haaraa gama fayyadamuutinis boordichi galmee kaadhimamtootaa guutummaatti mala dijitaalaan akka raawwatamu, galmeen filattootaa immoo waraqaafi mala dijitaalaan akka adeemsifamu himameera.
Buufataaleen filannoo galmeen filattootaa mala dijitaalaan itti adeemsifamus durfamee ni beeksifama jedhameera.
Haa ta'u malee filannoon filattoonni kaadhimamtootaaf sagalee itti kennan akkuma filannoowwan darbanii waraqaadhaan kan adeemsifamu akka ta'e walitti qabduun boordichaa himaniiru.












