ABO fi KFO'n pireezidantii Naannoo Oromiyaa wajjin maal marii'achuu barbaadu?

Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa fi Dura Taa'aa Kongireesii Federaalaawaa Oromo (KFO) Proofeesar Mararaa Guddinaa

Madda suuraa, Getty Images

Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa fi Dura Taa'aan Kongireesii Federaalaawaa Oromo (KFO) Proofeesar Mararaa Guddinaa xalayaa ifaa pireezidantii Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaaf barreessaniin marii taasisuuf beellamni akka isaaniif qabamu gaafataniiru.

Xalayaan ifatti barreefame kuni chaappaa dhaabota lamaanii kan qabu yoo tahu Sadaasa 18, 2025 barreefamuunis irraa mul'ata.

Waajirri Mootummaa Naannoo Oromiyaa xalayichi isa qaqqabuus tahe, gaaffii dhiyaateef deebii kennuu hin beeksisne.

Dura Taa'aa Kongireesii Federaalistii Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa dhimma maali irratti mariyachuuf xalayaa akka barreesan gaafanneerra.

Piroof Mararaaan dhimma nageenyaa Naannoo Oromiyaa irratti pireezidanticha dubbisuu barbaadanii dhaabni isaan xalayaa kana ABO waliin akka ifatti barreessan himaniiru.

''Uummanni keenya rakkoo keessa jira. Iddoo baayyee dhumaatiin jiraa, Arsii, Harargee, Shawaa fi Wallagaa, namni ni hidhamaa, ni dararamaa rakkoodhuma kanarrtti, yoo nu dhagahaniif dubbisuu barbaanne,'' jedhan.

Kanaan dura dhimma nageenyaa Oromiyaa irratti dhaaboti kunneen lamaan yeroo garagaraatti ibsa baasaa turan.

''Rakkoon bal'ataa malee gabaabbachaa waan hin deemneef teenyee ilaalluurra gahee keenya bahachuuf gaafanne,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Piroof Mararaan yeroo dhihootti waajira pireezidantitti xalayaan ABO waliin barreessanii gaafatan jiraachuu akka hin yaadanne himan.

Hariiroon Pireezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa wajjin qabanis akka laaffate himaniiru,''quunnamtiin keenya akka hin taanetti erga citee waggaa afur, shan taha,'' jedhan.

Marii pireezidantii naannichaa waliin taasisuuf abdatan irratti, ''maaltu nagaa booressee? Maaltu nagaa fidaa? Maaltu gara sirna dimookiraasitti ceesisaa,'' waan jedhu ka'uun hin oolu jedhan.

Dhimmi mootummaa ce'umsaa marii gaafatan kana irratti ka'uu danda'uu irrattis piroofeesarichi deebii kennaniiru.

Waa'ee mootummaa ce'umsaa ''mariin hin tahas, hin tahus jechuun na rakkisa,'' jechuun dhimma nageenyaa Oromiyaan alatti ajandaan addatti qabatan akka hin jirre himaniiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin mariiyachuuf gaaffii kan dhiyeessan uummati waan isaan gaafatuuf akka tahes himaniiru.

''Maaf teessanii ilaaltuu? Badaa jirraa, manca'aa jirraa, qe'een keenya jeeqamaa jiraa baanee, galuu hin dandeenye, nagaa dhabnee, ni saamamnaa, namni hin du'aa kan jedhu baayyee dha,'' jechuun komii bal'aa uummatarraa isaan qaqqabu himaniiru.

Bu'aan marii kanarraa abdatamu maali?

Marii kanaan Mootummaa Naanno Oromiyaa waliin waliigaltee siyaasaarra gahuu akka danda'an abdatu yoo taheef BBC'n gaafateera.

''Nuti karaa keenya waan saba keenya baraaruu danda'u, saba keenyaaf nagaa fiduu waan danda'u, siyaasa biyya kanaafi uummata keenyaa fooyyessuu danda'u fiduuf hamma humna keenyaa ni yaalla,'' jedhan.

Mootummaan rakkoo biyyatti ''waggaa 170, 150 ture akka tahutti hiikuuf fedhii qabaachaa hin turre,'' jechuunis komatu.

''Fedhii hin qabummoo jettee hamma siyaasa keessa jirtutti dhiisuu hindandeessu, gara fuulduraattis hin jijjiiramu jettee qotinyaa keessa galuurra, dantaafi nagaa saba keenyaa waan eegsisu yoo arganne ni fudhanna, yoo tahuu baate qabsoo keenya itti fufna,'' jechuun dhimma saba bakka buunee jedhanii falmaniif ibsaniiru.

Filannoo marsaa darbe irratti sababa dirreen siyaasaa dhiphateef otoo hin hirmaatiin akka hafan himuun, hirmaachuu dhabuu isaaniif gaabbii akka hin qabnes ibsaniiru.

''Warri kanaan dura(paartileen mormituu) filannoo irratti hirmaate jijjiirama siyaasaa fidee, gara nagaatti deemamee otoo jiraate ni gaabbina ture garuu waanti tahaa jiru muurtoon keenya akka sirrii tahe dha kan agarsiisu,'' jedhan.

Inumaa rakkoon hammaate malee waan jijjiirame akka hin jirre himan.

ABO fi KFO'n filannoo bara 2018 irratti akka hirmaatan ibsuun haal-dureewwan guutamu qaban jedhan garuu dhiyeessaniiru.

Dhaabota lamaan kana dabalatee paartileen mormitootaa kaan filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2018 adeemsifamu bilisaafi haqa qabeessa akka tahuuf fooyya'insa taasifamuu qabu irratti ibsa waloo, jalqaba ji'a Sadaasaa kanaarratti kennanii ture.

''Marii siyaasaa hunada galeessa, dhaabbachuu walitti bu'iinsaa fi wabii nageenyaa, walabummaa caasaalee mootummaa mirkaneessuu,'' kanneen jedhan ulaagaalee akka guutaman paartilee mormitootaa kunneeniin gaafataman torba keessaati.

ABO fi KFO'n kanaan dura mariif affeerraa Ministirri Mummee Abiy Ahimad dhiyeessaniif fudhachaa hin turre, amma pireezidantii Naannoo Oromiyaa wajjin maaliif marii'achuu akka barbaadan BBC'n gaafateera.

''Walgahiin ministirri mummichaa waamu walgahii rakkoo siyaasaa itti hiikan osoo hin taane, waan baayyee bira darbamee, itti diddibamee darbamaa malee rakkoon tokko, lama, sadii jedhamee hiikamu hin jiru, kanaaf deemnes bu'aa buusnu hin jiru jenneet hirmaachaa hin turre,'' jechun ibsaniiru.

Gama biraan ammoo, Piroofeesar Mararaan qaama sabaaf furamaata fidu hunda wajjin marii'achuuf qophii akka tahan himuun, ''garuu nuun kallattiin kan ilaallatu rakkoo bal'aa Oromiyaa maal goona kan jedhu waan taheef, achii jalqabna,'' jedhan.

Mariin kuni yoo taa'ama tahe ''waliin buna dhuganii gargar bahuu tahuun hin qabu.'' Dhimma gudunfaa tokkorra gahu tahuu qaba. ''Eenyurraa maaltu eegama kan jedhu dubbatamuu qaba,'' jechuun ibsani.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii isaaniif deebii yoo hin kennine ''qabsoo'' akka itti fufan dubbataniiru.