'Filannoon dura 'mootummaan rakkoo nagenyaa biyyatti furuu qaba' Prof Mararaa Guddinaa

Piroofeesara Mararaaa

Filannoon waliigalaa Itoophiyaa marsaan 7ffaa Waxabajjii 1 bara 2026 akka geggeefamu Boordiin Filannoo Itoophiyaa yaada dhiyeesseera. Boordichi yaada dhiyeesseen wal qabatee gaggeessitoota paartilee gargaraa wajjin marii taa'eera.

Guyyaan kaa'ame akka deebi'ee ilaalamu banaa akka tahu kan ibse yoo tahu, paartileen siyaasaa mormituu ammoo yaaddoo qaban ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa, dirreen siyaasaa dhiphachuufi haala amma jiruun filannoo geggeessuun haqa qabeessa tahuu filannichaa gaaffii keessa akka galchu paartileen mormituu ibsaniiru.

Dura taa'aan dhaaba KFO Proofeesara Mararaa Guddinaa karoora boordii filannoo ''lafarratti otoo hin taane qilleensa gubbaatti waan bahe fakkaata,'' jedhan.

Biyyi kuni karaa lamaan filannoodhaaf hin qophoofnes jedhaniiru Proof Mararaan.

Dubbiin jalqabaa dirreeen siyaasaa dhiphachuu akka tahes kaasanii dubbataniiru.

''Dirreen siyaasaa waggaa 33 keessatti hamma baran dhiphate, dhiphatee hin beeku,'' jedhan

''Mootummaan sochii dhaabbilee siyaasaa mormituu kana akka malee dhiphise'' jechuun komatu.

Paartileen siyaasaa mormituu baayyee magaala Finfinneen ala socho'aa akka hin jirres himaniiru.

Gama biraan immoo dhimmi nageenyaa naannolee ijoo biyyattii danqaa filannoo biraa akka tahes kaasaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaa fi hidhattoonni waliigaltee tokkorra otoo hin gahiin filannoo geggeessuun ''koroojoo eeguu hanga duula na filadhaa geggeessuutti,'' karaa hundaan waan danda'amu hin fakkaatu jechuun dubbataniiru.

Yeroon filannoo yoo dheeretellee jijjiiramni akka hin dhufne eeruun mootummaan taa'ee warra hidhateefi warra nagaan socho'u wajjin ''rakkoo biyya kana lolatti'' galche hiikuu akka qabu kaasan.

''Mootummaan kanaaf hin qophaa'u taanaan waggaa lamas dabaltu waggaa 12 waan jijjiiramu hin jiru,'' jedhan.

Haala amma jiru kanaan filannootti ''gallus, dhiisnus'' waanti jijjiirru hin jiru jedhan Proof. Mararaan.

Seerri biyyaa yeroo lama filannoo keessaa bahuu waan dhorkuuf garuu ''Finfinneefi naannoosheetti filannoo irratti hirmaachuun ni danda'ama taha,'' jechuun Finfineen ala garuu duula na filadhaayyuu deemsisuun waan danda'amu akka hin taane ibsaniiru.

Mootummaanis tahe boordiin filannoo akka filannoon geggeefamu barbaadan dursa rakkoo nageenyaa hiikuuf akka hojjechuu qaban kaasaniiru.

Gama biraan marii dhimma filannoo kanarratti paartilee hirmaatan keessaa hoggantuun paartii Soshaal Demookiraatiik Itoophiyaa Dr Raahel Baafee filannoon dura rakkoon nageenyaa naannolee biyyattii garagaraa keessatti mul'atu furmaata akka argachuu qabu himaniiru.

Dr Raahel boordiin filannoo, filannicha geggeessuuf qophii akka tahe yeroo nuttii himu ''biyya garagaraa keessa waan jirru nutti fakkaate,'' jedhan.

Naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Tigraayi keessatti haalli nageenyaa otoo hin mirkanaa'iin, ''har'a nagaan buluusaayyuu lammii mirkaneessuu hin dandeenye qabatanii uummata filannoof bahi jechuun akkamiin danda'ama?'' waan jedhu marii irratti kaasneerra jedhan.

''Paartiin biyya bulchaa jiruufi boordiin filannoo waliigalanii waan hojjechaa jiran fakkaata, sababiinsaas ji'oota darbaniif paartiin biyya bulchu duula na filadhaa geggeessaa ture,'' jedhan

Yaada geggeessitoota paartilee mormituufi qaamota mariisisan biroo irraa argatan faayidarra oolchuu abdii jedhu akka qabanis Dr Raahel kaasaniiru.