'Nageenya Oromiyaarratti mootummaa waliin walii galteerra ga'uun akka danda'amu hubanneerra'- ABO, KFO

Obboo Dawuud Ibsaafi Piroofeesar Mararaa Guddinaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabonni Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) fi Koongireesiin Federaalawaa Oromoo(KFO) ibsa waloon baasan keessatti ''nageenya Oromiyaa ilaalchisee mootummaa waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu hubanneerra'' jedhan.

Dhaabonni Oromiyaa keessatti deeggarsa jabaa qaban lamaan torban darbe keessa yaa'ii guyyoota afuriif qaamolee hawaasaa biroo hirmaachisuun gaggeessan wayita xumuran mootummaan ce'umsaa waloo Oromiyaatti akka hundaa'u gaafatanii ture.

Dura Taa'aan KFO Piroofeesar Maraaraa Guddinaa yaada BBCf kennaniin mootummaan yaada kana fudhatuufi dhiisuun akkuma jirutti ta'ee rakkoo Oromiyaa keessa jiruuf furmaatni qaama tokko qofaan dhufu hin jiru jedhanii ture.

Ibsi waloo dhaabota lamaanii Roobii Guraandhala 26/2025 kan bahe yeroo ta'u, waamicha mootummaa ce'umsaa waloo ijaaruu guyyoota dura ifa godhameen walqabatee hubannaan dogoggoraa hawaasa biratti uumameera jedha.

Kaayyoon ijoo marii isaanii kan tarreesse yoo ta'u, isaan keessaa tokko gaaffiileen uummataa ''mootummaa fi qaamootni dhimmi ilaallatu waliin marii gochuun furmaata kan argatan ta'a'' jedha.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu marii gaggeessuun booda yaada furmaataa irratti walii galan hojiitti hiiku jedha ibsichi.

Dhaabotni lameen rakkoo Oromiyaa furuuf yaadni furmaataa dhiyeessan mootummaa ce'umsaa waloo ijaaruudha.

Ibsa alanaa keessatti garuu waayee mootummaa ce'umsaa ijaaruu hin kaafne.

Piroofesaar Maraaraan garuu yaada furmaataa yaa'iin isaanii dhiyeesse mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaatti geessuun irratti akka mariyachuuf deeman himaniiru.

Ibsi Roobii bahes ''waantota hedduu nageenya Oromiyaa fi Oromoo waliin walqabatan irratti mootummaa waliin walii galteerra ga'uun akka danda'aamu hubannee mootummaa waliin mari'achuuf qophiilee barbaachisoo gochaa jirra'' jedha.

Dabaluunis ''Qaamonni Oromiyaa keesatti kan wal waraanan waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaan furuuf jecha hojii hojjatamu qaban keessatti qooda irraa eegamu bahachuuf dirqama ofitti fudhachuu qabu'' jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaada furmaataa mootummaa ce'umsaa waloo ijaaruu jedhuufi guyyoota dura qaamoleen lamaan ifa godhan keessatti WBO, qaama mootummaa ce'umsaa ta'uun qooda isarraa eegamu akka bahu ibsameera.

Ammoo WBO dhimma kana irratti amma dura dhaabota lamaan waliin dubbatee akka hin beekneefi adeemsichi sirrii akka hin taane komateera.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa jilicha ilaalchisee, ''bakka bu'aas achi keessaa hin qabnu, hin gaafatamnes, nu waliinis hin mari'atamne'' jechuun deebisan.

Dhaabotni lameen ibsa isaanii ammaan mootummaa wajjin marii gochuuf akka jedhan ifatti jala butanii ibsaniiru.

''Paartiileen Siyaasa ABOfi KFOn dhimma nageenya Oromiyaa irratti mootummaa waliin mariihatuun furmaataa waaraa argamsiisuuf hojjatna.''

Dabaluunis ''mariin kun yoom, eessatti fi akkamitti akka eegalu dursa qaamota sadan jidduttu waliigaltee ta'uun mari'atamuun kan murtaa'u ta'a'' jedha.

Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaa mootummaan naannoos ta'e kan federaalaa waan jedhe hin qabu.

Sochii jalqabame kana gufachiisuuf carraaqqiin godhamuu fi ololli adeemsifamu akka dhaabatus dhaabotni lamaan ibsa isaanii kana keessatti waamicha godhaniiru.

Sarara diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.