Yuunvarsiitiin Amboo gidduu gala aadaa Looret Tsaggaayee G/Madin hundeessuuf

Qola Kitaabaa Tsaggaayee G/Madin

Madda suuraa, Tsehai Publishers

Yuunvarsiitiin Amboo gidduu gala aadaa maqaa Looret Tsaggaayee G/Madin moggaafame hundeessuuf qophiirra jiraachuu beeksiseera.

Gidduu galli maqaa Looreet Tsaggaayee G/ Madiniin hundaa'u kun bakka barattootni aadaa isaanii itti agarsiisanii fi namoonni jajjaboon akka isaanii keessaa bahuu danda'an akka tahu pireezidantiin yuunivarsitii Amboo Dr Taaddasaa Qana'ii himaniiru.

Looreet Tsaggaayee G/Madin ykn Roobaa Qawweessaa hojii Og-barruudhaan biyya keenyarra darbe addunyaa irratti nama beekamtii horatanidha jedhu.

Looreet Tsaggayeen naannoo Ambootti dhalatanii kan guddatan yoo tah,u nama guddaa akkasiif kabaja kennuunis barbaachisaa waan taheef gidduu galichas maqaa isaaniin moggaasuuf akka jedhan dabaluun BBCtti himaniiru.

Dabaluun naannoo Ambootti waan dhalataniif qofa osoo hin taane, nama jabaa biyyi kun addunyaaf gumaachite keessaas tokko waan tahaniif jedhan.

Gidduu galichatti qorannoowwan gara garaa gama aartii, aadaa fi og-barruus kan gaggeefamu yoo tahu hojiileen isaaniis bakka itti qorataman akka tahu himaniiru.

Gidduu galichi bara dhufu hojii jalqabuu akka danda'us himaniiru.

Looreet Tsaggaayee G/Madin ykn Roobaa Qawweessaa eenyu?

Looreet Tsaggaayeen bara 1928 Shawaa Lixaa naannoo Ambootti dhalatan. Barreeffama og-barruutiif jaalala qabaachuu kan agarsiisan mana barnootaa sadarkaa 1ffaatti jedhama.

Umurii isaanii waggaa 16'n mana barumsaa Jeneraal Wiinget kan Ingiliizin deeggaramu erga galanii ammoo dandeettii aartii isaanii haalaan guddifachuu jalqaban.

Bara 1959 ammoo Ameerikaa., Kutaa Biyyaa Chikaagoo, Yuunivarsiitii Blackstone School of Law'tti carraa barnootaa argachuun deeman.

Booda gara biyyaatti deebi'uun Tiyaatira Biyyaalessaa dursuun hojii isaanii itti fufan.

Bara mootummaa Dargiis itti aanaa Ministira Aadaa fi Turizimii tahuun yeroo gabaabaaf kan hojjetan yoo tahu hundeeffama muummee Tiyaatiraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis shoora olaanaa bahataniiru jedha odeeffannon waa'ee isaanii toora interneetii [Wikipedia] irraa arganne.

Looret Tsgayee Gamremadin

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Looreet Tsaggaayeen bara 1928 Shawaa Lixaa naannoo Ambootti dhalatan.

Looreet Tsaggayeen hamma du'aan bara 1998 boqatanitti hojiilee gurguddoo biyya keessaa fi alatti isaan beeksise hojjetaniiru.

Og-barruu Itoophiyaa keessatti kabajaa Looreetummaa isaan gonfachiise; hayyuu argachuu danda'anidha.

Looreet Tsaggaayee Gabramadihin walaloo, tiyaatira, taphoota gaggabaaboo fi dhedheeraa, diraamaa fi daayireektarummaan hayyuu haalaan beekaman turan.

Waa'ee ateetee, sirna Gadaa, qaroomina ilmaan Kuush, galma Abbaa Gadaa, Awash, Markaatoo, Tewodroos IIffaa, Abuna Pheexroos, Odaa, hojiilee Sheekispiir (Haamleetii fi Oteelloo), hojiilee jireenya ilma namaa, jibba, jaalala, gadda fi gammachuufi kaanis barreessaniiru.

Looreet Tsaggaayen walaloowwan isaanii afaan Amaaraa fi afaan Ingiliziin barreessuun maxxansiisaniiru.

Gidduu galli yuunvarsiitii Amboo keessatti hundaa'aa jirus hojii Looreet Tsaggaayee Gabramadihin agarsiisuu fi hayyoota akka isaa hedduu horachuu kan dandeessisudha jedhan pirezidaant Taaddesaan.