Haleellaa 'hidhattoota Faannoon' jiraattonni kuma sadii ta'an Bureerraa Amurutti baqatan

Qonnaan bultooti BBC'n dubbise hidhattooti Faannoo jedhan namoota ajjeesuufi horii saamuu himatan
Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bultooti BBC'n dubbise hidhattooti Faannoo jedhan namoota ajjeesuufi horii saamuu himatan

Haleellaa hidhattooti Faannoo nurratti raawwatan jedhaniin Naannoo Amaaraa Buree irraa jiraattonni kuma sadii ta’an Laga Abbayyaa ce’uun Naannoo Oromiyaatti baqatan.

Jiraattoti BBC dubbiseefi lubbuu isaaniif sodaachuun baqachuu himan kuni ‘raayyaa ittisaa deeggartan’ jechuun hidhattooti haleellaa irraan gahuu himan.

Haleellaan kuni kan ‘sabarratti xiyyeeffate’ ta’us himatan. Haleellaa kanaan lubbuun namoota ‘’hedduu’’ akka darbeefi qabeenyi akka saamamees dubbataniiru.

Jiraattota Godina Gojjam Lixaa, Aanaa Bureerraa buqqa’an kuni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti simachaa akka jiran aangawooti BBC’tti himaniiru.

‘’Waliigala 2,894 aanaa keenya keessa ganda Jooj jedhamu gahanii jiru. Isa kana walitti qabnee deeggarsa gochaafi jirra,‘‘ jedhan qondaalli Aanaa Amuruu.

Lakkoofsi buqqaatotaa kana caalaa dabaluun humna aanichaa ol ta’uu mala jedhanii aangawoonni yaaddoo qaban ibsaniiru.

Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaa dhimma kana quba akka hin qabneefi si’achi akka hordofu dhaabbaticharraa Obbo Imaad Abdulfattaah BBC’tti himaniiru.

Adoolessa waggaa darbe eegalee hidhattooti Faannnoo ‘’mirga ummata Amaaraaf dhaabanne,’’ jedhan Naannoo Amaaraa keessatti humnoota mootummaa lolaa jiru.

Naannichi Komaand Postiidhaan bulaa kan jiru yoo ta’u, yaada gama naannichaa jiru BBC’n odeeffachuu hindandeenye.

Jiraattonni Raayyaan Ittisa Biyyaa naannicha keessa sosso’u akka hinqaqqabneef dubbachuun komii ibsani.

Maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Goojjam Lixaa Aanaa Buree keessatti keessumaa gandoota lama; Baqqoo Xaaboofi Sontoma jedhamanitti dhalattoota Oromootu bal’inaan jiraata jedhu jiraattoti.

Qonnaan bulaa jalqabaa nageenya isaaniif maqaa isaanii dhoksineefi gammoojji Abbayya keessa gara Aanaa Amuruutti baqataa jiran dubbisne waan ta’e akkanaan himu.

‘’Faannoo warri jedhamani …isaan dhufanii nu duukaa ta’aa jennaan didne’’ jedhan. ‘’Kanumarraa kan ka’e akkuma jirutti biyyarraa nu buqqaasani,’’ jechuun BBC’tti himani.

Jiraataa ganda Baqqoo Xaaboo ta’uu kan himan maanguddoon kuni ijoolleen isaanii dursanii bahuu dubbatu.

‘’Maatiin kan koo baheera. Namni 40’tti kan siqu kan du’ee hafe achitti. Reeffa akkatti awwaallu dhabnee ofii keenya gara Wallaggatti baqanneerra.

’‘Dadhaboonni akkatti jalaa bahan dhabanii hafan. Akka isaan ta’an hinbeeknu.’’

‘’Ganduma tokko guutuu [qabeenya jiru] duguuggatani kan hafe hinjiru. Siinoo [konkolaataa fe'isaa] galchanii makinaatiin guurratani. Tokko hin jiru," jedhan.

Kana dura haleellaa nurratti xiyyeeffate jedhaniin dhalattoota Amaaraatu godinaalee Wallaggarraa gara N. Amaaraa baqatu ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura haleellaa nurratti xiyyeeffate jedhaniin dhalattoota Amaaraatu godinaalee Wallaggarraa gara N. Amaaraa baqatu ture

Jiraataan lammataa Ganda Sontoma jedhamu jiraatanimmoo qe’eedhaa hin baqanne. Ammoo namoonni baay’ee ijoollee isaanii dabalatee akka baqatan himu.

‘’Kan keenyas walakkaan tokko baqataa jira. Hanga yoonaa anillee qe’ee hingadhiisne, warra qe’ee gadhiise zarafaniiru,‘‘ jedhan.

‘‘Amaaraafi Oromoo jedhanii leeyya’aniiti nama rukuchuu qabani,‘‘ jedhan haala ture, keessumaa kan Baqqoo Xaabootti mudate yoo ibsan.

BBC’n yeroo bilbilaan isaan dubbise duuba isaanii bo‘ichatu dhagahama. Guyyaa Dilbataa hidhattooti Fannoo ‘’nama guddaa’’ ajjeesan jedhan owwaalchatti akka jiran himan.

Akka jiraataa lammataa kanatti, erga rakkoon dhalatee ji’aaf deema. Gara caalu saamicha horiitu raawwata ture jedhu.

‘’Saamicha horii malee namni du’ee hinbeeku ture. Gammoojjii seenanii horii saamu ture. Hin kennu yeroo jedhu nama ajjeesuu eegalan.‘‘

‘‘Anumatu jira malee namni qe‘ee hinjiru‘‘ kan jedhan namni kuni, lakkoofsa namoota gandoota kanatti du’an gaafatamanii kana deebisan:

‘’Maaltu lakkaa’e danda’a. Du’eera baay’een‘‘ jechuun lakkoofsaan akka hinbeekne himan.

Maatii isaanii keessaa ‘’hanga yoonaa nama 2-3 ajjeefamamaniiru; warri kaan baqachaa jiru.’’

Ganda lama keessa namni buqqa‘uufi ‘’simbirroonu hin jiru, handaaqqoonuu hinjirtu‘‘ jedhan.

Jiraataan jalqabaa kan isaanii horii kudhan saamamuu dubbatu. Walumaagala horii ‘’kumaan lakkaa’amu’’ ooffachuu dubbatu.

Amma maaliif isinirratti xiyyeeffatan? ‘’Kanaan dura nu xiichu boquu keenya gad-qabneema teenya.’’

‘’Durumayyuu qabeenya saamuudha kaayyoon isaanii. Boqqolloo feena jennaan boqqolloo hin feetanirratti dubbiin kan ka’e. Ammammoo mana diiggataa jiru,’’ jedhan.

Eessaa dhufani?

Jiraattonni, akkasumas aangawaan gama Aanaa Amuruu dubbisne haleellaa kan raawwate hidhattoota Faannoo jedhaman ta’uu himatu. Hidhattooti waan jedhan hinqabani.

''Warra Haroofi Faannoo Quucci'' jedhamanitu waliin ta’anii kana nurratti raawwatan jedhan. Haroon Wallagga Bahaa jaladha.

Bal’inaan dhalattoota Amaaraa haleellaa hidhattoota WBO baqachuun dahatan ta’uu jiraattoti dubbatu. Dabaluunis, Hidhattooti Faannoos wiirtuu isaanii achi godhachuu himu.

Akka jiraattotaatti 'Faannoo Quucci' warri jedhaman achuma Aanaa Buree keessa sosso’anidha. Qabeenya saaman jedhanis magaalaa baadiyyaa ‘Quucci’’ jedhanitti guuruu jedhan.

Jiraataan lammataa hidhattooti Faannoo jedhanii of waamu jedhan kuni lakkoofsi isaanii 200 – 300 gadi miti jedhan.

‘’Wallagga keessa ari’ani jennaan walakkaan baqatanii nubira taa’u. Ammammoo nutti ka’ani,‘‘ jedhu. ‘‘Horii fixaniiru. Amma nama ajjeesuutti ka’ani.‘‘

Dabaluunis, ‘‘Guyyaa nu waliin oolu. Gaafa dukkanaa’u horii oofu yookiin nama ajjeesu.‘‘

'Lakkoofsi buqqaatotaa sa'aatiin dabalaa jira'

Angawooti Aanaa Amuruu lakkoofsi baqattootaa kana caaluu mala jechuun sodaa qabu. Obbo Biqilaa Dassaalany, Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa aanichaati.

‘‘Namni gamarra buqqa’ee gara Oromiyaatti dhufu kuni sa’aatii sa’aatiidhaan dabalaa adeemaa jira. Kan baqatee laga keessa jiru garuma kanatti ce’aa akka jiru [odeeffannoo qabna].’’

Yoo buqqa’an baay’ate ‘’rakkoon baay’ee fayyaan walqabatee, nyaata dhabuudhaan rakkoon guddaan nu qunnama,‘‘ jedhanii akka yaadda’an himan.

Warri buqqa’an yeroo ammaa mana barnootaa keessa dahatanii akka jiran himan. Jiraattoti dubbisne ammallee gara Amuruutti baqataa akka jiran himan.

‘’Ummanni kuni bal’aadha. Waanuma qonqoof ta’u qofa geessine,’’ jechuun gahaa ta’uu dhabuu akka malu dubbatu aanga'aan kun.

Maraammartoo

Bakkeewwan Wallagga Bahaa, akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa dirree lolaafi hookkaraa erga ta’anii waggootiin sadii lakkaa’amaniiru.

Godinoota Wallaggaatti hidhattooti maqaa sabaa dhahataniifi saba isaa tiksuuf akka sosso’an himan saboota kaanirratti haleellaa raawwachuun irra-deddeebiin himatamu.

Kana dura dhalattoota Amaaraatu haleellaa baqachuun gara Naannoo Amaaraa ce’a ture.

Kanaan dura hidhattooti Faannoo Godinaalee Wallagga Bahaafi Horooo Wallaggaa aanaalee tokko tokko keessaatti haleellaa raawwataniin lubbuun hedduu darbuu jiraattonni, aanga'oonniiifi Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsaa turan.

Kumaan kan lakkaa’amanis godinaalee lamaan, aanaalee haleellaan kun keessatti raawwatamee baqatanii rakkoof saaxilamaniituran.

Qondaalli aanaa Amuruu Obbo Biqilaan tumsa jaarsoliin saboota lamaan gidduu araarri eegaluu himan.

‘‘Erga dhimma araaraa jalqabnee rakkoon hinjiru‘‘ jedhan.