Barattoonni manneen barnootaa mootummaa baay'een qormaata biyyaalessaa maaliif kufan?

Madda suuraa, HoPR
Ministeerri Barnoota Itoophiyaa akka beeksisetti, barattoota 845,000 qormaata biyyaalessaa ALI bara 2015 qoraman keessaa 96% ol kufaniiru.
Ministirri Barnoota Pirofeesar Biraanuu Naggaa akka biyyaatti ''Manneen barnootaa 3,106 keessaa 1,328 keessatti barataa tokkoyyuu hin dabarre,'' jechunsaanii ni yaadatama.
Manneen barnoota lakkoofsaan guddaan barattoonni kessatti kufan manneen barnoota hawaasaa ykn mootummaa kan barattoonni danuun keessa baratanidha.
Gama biraatiin, barattoonni lakkoofsaan xiqqaan qorumsa qabxii fooyyee galmeessaan manneen barnoota bultii addaa fi dhuunfaatti kanneen baratanidha.
Barattoonni manneen barnoota hawaasatti baratan baay'inaan maaf kufu?
Dhimma kanarratti hayyoota sirna barnootaa Yunvarsiitii Finfinnee lama gaafanneerra. Hayyoonni dubbisne lachuu ganna dheeraaf barsiisummaa fi qorannooo gaggeessuun muuxannoo qabu.
Pirofeesar Hambisaa Qana'aa Yuunvarsitii Finfinneetti barsiisaafi kan sirna barnootaarratti qorannoo gaggeessan.
Barsiisaa leenjisuu fi barattoota barsiisuuf qorannoo gaggeessuun muuxannoo ganna 30'tti dhiyaatu qabu.
Hayyuun barnootaa kunis sababoota qabxiin barattootaa itti gadi bu'uuf ijoo akkasiin tarreessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jalqabarratti sirni barnoota Itoophiyaa 'rakkoo sirnaa ykn bu'uurarraa madde' qabaachuu dubbatu.
Manneen barnoota hawaasaa keessatti qophii gahaan hin taasifamne kan jedhan Pro. Hambisaan, ''barsiisota jajjabeessanii barattootasaanii qormaataaf hin qopheessine'' jedhu.
Manneen barnoota bultii addaa fi dhuunfaa keessatti ammoo qophii fooyyeen akka ture kaasu.
Manneen barnootaa bultii addaa keessatti barattoonni qormaataaf dhiyaatan barattoota cimoo filatamanii fi qormaataaf qopha'aa turanii jedhan.
Gama biraatiin barattoonni kitaaba hin qaban, ministeerri barnootaa kanallee barattootaaf hin guunne jedhan. Bara ittaanu rakkoon kun ittuu caaluu mala jedhanii yaaddoosaanii kaasan.
Sababni ijoon isaan kaasan kan biraa, kutaalee Itoophiyaa garagaraatti nageenyii dhabamuudha. Tasgabbiin dhabamuun qophii barattootarratti dhiibbaa akka uume ibsu.
Tibba qorumsi kennamutti naannoo Amaaraa tasgabbiin akka hin turre, godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti tasgabbiin akka hin turre akka fakkeenyaatti kaasan.
Sababa kanarraa kan ka'e barattoonni barnoota sirnaan otoo baratiin qormaataaaf dhiyaachuu eeran.
Rakkoolee mul'atan furuuf qorannoowwan gaggeeffaman hojiitti otoo hin hiikamiin hafuu kaasan.
Achuma Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa sirna barnoota kan ta'an Firdisaa Jabeessaa(PHD), qabxilee Pirofeesar Hambisaan kaasan walitti dhiyaatu dubbatan.
Manneen barnootaa dhuunfaa barsiisota filatanii qacaruu, barattootas sirnaan hordofuu jedhu wayita manneen barnootaa dhuunfaa fi hawaasaa wal bira madaalan.
Manneen barnoota dhuunfaa barattoonni yoo darban bu'aa argatu kanaaf cimanii barsiisu jedhu.
Manneen barnoota hawaasaa keessatti hordoffiin barattoota laafaadha yaada jedhu qabu.
Manneen barnoota hawaasa keessatti barattoota maatii galii gadaanaa ykn harka qal'eeyyiitu heddummata jechuunis ibsan.
Hoggansi barnootaa sadarkaa gadiirraa kaase hanga ministeeraatti namoota aangoo barbaadaniin guutame jedhanii qeequ Dr Firidisaan.
Akka yaadasaaniitti namoota sirna baruu fi barsiisurratti hubannoo qabaniin bakka buufamu qabu.
Maaltu sirraa'uu qaba?
Pirofeesar Hambisaa Qana'aa fala ta'a jedhanii qabxiilee tarreessan qabu.
Kufaatii barattootaaf caasaaleen barnootaa itti gaafatamuu qabu. Fuulduraaf barattoota qopheessu qabu jedhu.
Kitaaba barattootaa dhiyeessuu, jiruu barsiisaa fooyyeessun akka barbaachisu eeran.
Caaseffama barnootaa sadarkaa mana barnootarraa kaase hanga minsteeratti jiru sakkatta'uun barbaachisaa ta'uu gorsan.
Sababa barattoonni kufaniif dabalataan qorachuun akka barbaachisullee eeran. Yoo falli hin argamne garuu kufaatii barattootaa kan bara caalu mala yaaddoo jedhu qabu.
Dr Firdisaan gamasaanitiin barattoota sirnaan barsiisanii qormaataaf qopheessuurratti hojjatamu qabu jedhu.
Firii qormaata kutaa 12ffaa waggoota lamaan darbanii koreen dhaabbii Paarlaamaa Itoophiyaa Ministeerri Barnootaa ittigaafatamummaa akka fudhatu, qorannoon walabaas akka gaggeefamu tibbana gaafachuun ni yaadatama.












