Somaaliyaan waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand ‘birmadummaa sarba’ jette balaaleeffatte

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud paarlaamaatti dhihaatanii dhimma kanarratti dubbatu jedhameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud paarlaamaatti dhihaatanii dhimma kanarratti dubbatu jedhameera

Pireezidantiin Somaaliyaa Hasaan Sheek Mohaammuud waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand itti fayyadama qaama Galaana Diimaarratti raawwatan ilaalchisee yaada paarlaamaa biyyattiif kennaniin ''waliigaltee seera idila addunyaan waldhiitu'' jedhan.

Paarlaamaan Somaaliyaa walgahii ariifachiisaa Kibxata gaggeesse irratti kan dubbatan pireezidantichi, ''waliigaltee raawwiinsaa seera idila addunyaa fi hojimaata baratameen waldhiitu, akkasumas hin deeggaramneedha'' jedhan.

Itoophiyaafi Somaalilaand walii-galtee wal-hubannoo Itoophiyaaf ulaa galaanaa argamasiisa jedhame Amajjii 1, 2024 waliif mallatteessan.

Waliigalteen kun raawwatamuu hordofees yaadonni garaagaraa kennamaa kan jiran yoo ta'u, biyyi Somaalilaand qaama ishee ta'uu ejjennoon falmitu Somaaliyaan warra jalqaba tarkaanfii fudhatan keessaati.

Somaaliyaan waliigaltee kanatti mufachuun ambaasaaddarashee Itoophiyaa jiran biyyatti waamteetti, waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand taasisan akka hin fudhannes ibsiteetti.

Pireezidant Hasan Sheek Mohaammud yaada paarlamaa biyyattiirratti kennan irratti ''Amajjii 1, 2024 waliigalteen Addis Ababaatti raawwatame ta'ii haaraa fakkaatuyyuu wanta mudatee hin beekne miti. Raawwiin waliigaltee akka kanaa seera idila addunyaa fi hojimaata baratameen waldhiita, kan deeggaramus miti'' jedhan.

Dhaamsa Somaalilaandiif dhaamaniin ammoo ''Itoophiyaan beekamtii biyyummaa sii kennuu kan hin dandeenyu ta'uyyuu, garaagartummaan keenya akkuma jirutti ta'ee uuummatni Somaaliya isin waliin diinummmaa hin qabu'' jedhan.

Waliigalteewwan akka kanaa balaa qabaachuu isaaf barnoota kan ta'u tokkummaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduu turee jedhan.

Dhaamsa Itoophiyaaf dhaamaniin ammoo ''hiree rabbi kenne ta'ee oolla ta'uu'' kaasuun dhimmoota naannichaa rakkisoo ta'anii fi jijjiirama qilleessaarratti waliin akka hojjeta himanii, waldanda'uun waliin jiraachuu malee rakkoo walii harbeessuu akka hin barbaachifne dubbatan.

Waliigaltee Itoophiyaaf ulaa galaanaa argamsiisa jedhame kanaan Ministirri Muummee Abiy Ahimad ''caba Itoophiyaa kan suphu'' jechuun ibsaniiru.

Dhumarratti haalli naannoo Gaanfa Afrikaa jiru walxaxaa ta'uu kaasuun hariiron dippiloomasii isaanii eeggannnoo akka barbaadu dubbatan.

Somaaliyaan waliigaltee kana booda ibsa baastee tureen lafti Somaaliyaa, Somaalilaand dabalatee ''eenyuyyuu inchii tokkollee tuquu hin danda’u'' kan jette yoo ta’u dachee, bishaaniifi lafa Somaaliyaa ''kabachiisuuf qophii,'' ta’uu ibsite.

Waliigalteen raawwatame Gaanfa Afrikaa miidha kan jedhe ibsichi ''ifatti birmadummaa Somaaliyaarratti kan qiyyaafatedha,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa walii-galtichaatti Itoophiyaan buufata waraanafi buufata doonii ijaaruf ulaa galaanaa km 20 bal'atu fudhattee bakkasaa ammoo Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessaa qooda kennuuf akkasumas Somaalilaand biyya akka taate beekamtii akka kennituuf ibsameera.

Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda bahuun walabummaashee labsattee akka biyyaatti of ilaaltus garuu beekamtii idil-addunyaa hinqabdu.

Somaaliyaan ammoo Somaalilaand akka qaamasheefi Somaaliyaa keessaa akka naannoo ykn bulchiinsa tokkootti ilaalti.

Walii-galteen wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand Wiixata waliif mallatteessan kana akka jijjiiru pirezidantin Somaalilaand Musee Bihii yeroo walii-galticha mallatteessan dubbatanii turan.

Itoophiyaan walii galtee booda Somaalilaand biyya walabaa ta'uushee beekamtii akka kennitu Pirezidantiin Somaalilaand Muse Bihiin himaniiru.

Itoophiyaan ifatti Somaaliland biyya walabaati jettee dubbachuu baattus Somaalilaandif beekamtii ni laatti oduun jedhu Somaaliyaa waan gammachiise hin fakkaatu.

Qondaaltonni olaanoon Somaaliyaa walii-galteen Itoophiyaafi Somaaliland taasisan birmadummaa Somaaliyaa kan sarbuudha jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti mufiisaanii ibsataa jiru.

Ministeera Boba'aafi Albuudaa Somaaliyaa kan ta'an Abdirazaak Mohaammad walii-galteen Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan Somaaliyaa diiguf kan kaayyeffateedha jechuun birmadummaafi tokkummaan daangaa biyyasaanii gaaffii keessa akka hin galle fuula X gubbaatti barreessan.

Beekamtii Somaaliyaatin alatti Itoophiyaan mootummaa naannoo [Somaalilaand] wajjin waliigaltee kiraa buufata dooniifi dhimma waraanaa mallatteessuu hin dandeessu jechuun walii-galtichas jabeessanii morman qondaalli Somaaliyaa kun.

Kaabineen mootummaa Somaaliyaas yaa'ii atattamaa waamen har'a dhimma walii-galtee Itoophiyaafi Somaalilaand irrati ni mariyata.

Waliigaltee kanaan eenyutu maal fudhata?

Akkaataa waliigaltee kanaatti, Itophiyaan ulaa galaanaa 20km dheeratu waggoota 50'f liiziidhaan itti dhimma bahuuf waliigalte.

Somaalilaand immoo bakka isaa Daandii Qilleensa Itophiyaa keessaa qooda hammi isaa hin ibsamne akka fudhattu aangawaan Itoophiyaa himaniiru.

Pirezidantiin Somaalilaand ibsa kennaniin akkaataa waliigaltee kanaan Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessa biyya jalqabaa beekkamtii kennituuf akka taate himan.

MM Itoophiyaa kana dura Itoophiyaan fedhiishee galmaan ga'uuf daandii qilleensaa fi hidha haaromsaa dabalatee misoomaawwan bu'uuraa kaan waliin fayyadamuuf yoomiyyuu qophiidha jedhanii turan.

Gorsaan dhimma nageenyaa MM Abiy, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, mootummaan Itoophiyaa sanada waliigaltee kana Somaaliilaandi waliin wayita mallatteessu qajeeltoo kennanii fudhachuu jedhu bu'uura godhachuun akka ta'e ibsaniiru.

Itoophiyaan waan harkaa qabdu kennitee, bakkasaa lafa ulaa galaanaa argatterratti buufata waraanaa ijaaruu akkasumas buufata doonii misoomfachuu dandeessi jedhan.