Seenaafi siyaasa siidaa Itoophiyaa- kaleessaa hanga har’aa

Manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa torba Naannoo Oromiyaatti ijaraman keessatti siidaawwan abbootiifi qabsaa’ota ijaaramaniiru.
Namoonni siidaan ijaarameef kunneenis kan Oromoon akka baratu, dammaquufi gurmaa’uuf gatii guddaa baasuun seensaadhaan maqaansaanii ka'udha.
Siidaan namoota seenaa kunneenis bakka dhaloota isaaniitti osoo hin taane Oromiyaa bakka gara garaatti waljala fuudhuun kan ijaarame yoo ta’u, ergaafi mul’ata isaan dhalootaaf qaban irratti gabaabinaan barreeffameera.
Siidaan Jeneraal Taaddasaa Birruu Mana-Barumsaa Bultii Addaa Najjootti, kan Sheek Bakirii Saaphaloo Mana-Barumsaa Bultii Addaa Yaaballootti, Hayilee Fidaa (PhD) Mana-Barumsaa Bultii Addaa Dodolaa keesatti, Jeneraal Waaqoo Guutuun Mana-Barumsaa Bultii Addaa Beddellee keessatti ijaarame.
Akkasumas, siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Mana-Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Haromaayaa keessatti, Onesmoos Nasiib (Hiikaa Awaajii, Abbaa Gammachiis) Mana-Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Amboo keessatti, Abuna Phexiroos (Magarsaa Badhaasaa) ammoo Mana-Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Nagallee Booranaa keessatti ijaaraman.
Siidiiwwan hayyoota kanneen bakka itti dhalatanitti osoo hin taane Oromiyaa kutaa gara garaa keessatti ijaaramuun isaanii akka isaan Oromoo guutuuf qabsaa’an kan mul'isudha jedhu Yuunivarsiitii Wallaggaatti qorataafi barsiisaan Seenaa Tasfaayee Tolasaa (PhD).
“Wal jala fuudhanii Oromiyaa bakka gara garaa keessatti dhaabuu isaaniiti ana wanti baayyee na gammachiise. Kanaaf, seenaan yoo barreeffamu Jeneraal Waaqoo Guutuu kan qabsaa’e Baalee qofaatiif akka ta’etti; Jeneraal Taaddasaa Biruun ‘Fidal Saraawit’ jedhee yeroo qabsaa’e giddu-galeessarra warra jiran qofaaf akka hin taane barsiisa,'' jedhu hayyuun seenaa kun.
''Inni Harargeerraa qabsaa’u Wallaggaan akka ilaallatu; inni Wallaggaa qabsaa’u ammoo Haraargee akka ilaallatu; inni Baalee irraa qabsaa’aa ture Shawaa Tuulamaafillee, akkasumas Booranaafillee qabsaa’aa akka ture sirriitti agarsiisa,” jedhu Dr. Tasfaayeen.
Kaayyoon siidaawwan maneen-barumsaa keessatti ijaaruu maal?
Itti-aanaafi gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaas namoonni siidaan maneen-barnootaa kanneen keessatti ijaarameef kan Oromoon akka qaroomu, akka of danda’uufi akka baratuuf gumaachanidha jedhu.
Namoonni seenaa hojjetan yaadatamuu qabaatu kan jedhan Obbo Efreem, “qabsoo jara amma siidaan ijaarameef kunneen taasisaniin sadarkaa ammaa kanarra geenye,” jechuun dubbatu.
Barattoonnis yoo bahanii galanitti siidaawwaniifi ergaa isaanii waan arganiif, akkuma isaanii seenaa hojjechuuf hamilee akka hortaniif jechuun barbaachisummaa siidaawwan kanneen maneen-barnootaa keessatti ijaaramuu ibsu.
Siidaawwan manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa keessatti ijaaramaniin alattis dhiyeenyuma kana kan Koloneel Abdiisaa Aagaa mooraa Yuunivarsiitii Kolleejjii Poolisii Oromiyaa keessatti, kan Looret Tsaggaayee B/Madiin Qawweessaa ammoo mooraa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti ijaaramaniiru.
Siidaan maaliif, eenyuuf dhaabbata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaroomina Masirii-Afrikaatii hanga kan Indiyaa-Eeshiyaatti, Awurooppaa irraa ammoo kan warra Giriikiifi Roomaa duriitti siidaan sababa gara garaatiif ni ijaarama jedhu qorattoonni seenaa.
Seenaa yaadachuufi siyaasa qajeelfachuu, fakkii waaqotaa tolfachuufi mootii akka waaqaatti fakkeessuu dabalatee, siidaan kaayyaa gara garaaf ijaaramaa tureera; ijaaramaas jira.
Sababiiwwan siidaan itti ijaaramuuf keessaa tokko, namoota hawaasa keessaa bahaniif hojii gurguddaa hojjetan; kanneen uummatarraa diina ittisan, kanneen uummataaf beekumsa addaa fiduu ykn waan namni kaan gochuu hin dandeenye warra ummataaf hojjatan ittiin yaadachuuf dhaabbata jedhu hayyuun Seenaa Tasfaayee Tolasaa (PhD).
Yeroo siidaa dhaaban ammoo namichuma yaadachuuf qofa osoo hin taane dhalooti har’aa achirraa ilaalee akka jabaatee waan garii hojjetu argisiisuufidha.
Siidaan mallattoo yaadannooti kan jedhan Dr. Tasfaayeen, namoota haala rakkisaafi mijataa hin taane keessatti waan gurguddaa hojjetan ittiin yaadachuuf ni dhaabbata jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Siidaafi seenaa
Siidaafi seenaan wal keessa jiru kan jedhu Dr. Tasfaayeen, siidaan seenaa qorachuun ijaarama ykn siidaadhumtiyyu ofiisaatiif seenaa hima, jechuun walitti dhufeenya siidaafi seenaan qaban dubbatu.
Siidaan osoo siyaasa irraa bilisa ta’ee gaariidha kan jedhan Dr. Tasfaayeen, yeroo baayyee garuu fedhii garee siyaasaa ykn abbaa aangoorra jiru tokko guutuuf yeroo ijaaramu mul’ata jedhu.
Siidaawwan moototaa tokko tokkos fedhii hawaasa bal’aa malee warra uummaticha miidhaniin addabaabaayii uummataarratti ijaaramanii argamu kan jedhu Dr. Tasfaayeen, warri akkasii kun garuu umurii akka hin qabaanne kaasu.
Kanaafis siidaawwan sadarkaa addunyaatti bara 2020 keessa lammiin Ameerikaa gur’aachi Joorj Filooyid poolisii adiin ajjeefamee booda mormii mudateen diigaman akka fakkeenyaatti kaasu.
Addatti, siidaawwan mootota durii daldala garbaa keessatti qooda qaban mormii tureen diigamaniiru.
Siidaa tokko hawaasa tokko bakka buusanii yoo hojjetan qorannoo gaggeessuufi hawaasa sadarkaa gara garaarra jiru hirmaachisuu akka qabu kan himan Dr. Tasfaayeen, kana ta’uu baannaan madda atakaaroo ta’uun umurii dheeraa dhabuu mala jedhu.
“Waanta hawaasni hin barbaadneefi hin fudhanne ofiin irra keessa yoo ta’e, hawaasni sun gaafa humna godhatu ofirraa kaasuun isaa hin oolu.”
Siidaawwan agarsiiftuu rakkoo seenaa Itoophiyaa ta’an
Siidaawwan Itoophiyaa hawaasni irratti waliin hin galle tokko tokko rakkoo seenaa Itoophiyaa falmsiisaa ta’erraa madda jedhu hayyoonni seenaa.
Seenaan Itoophiyaa seenaa falmiin guddaan irra jirudha kan jedhan Dr. Tasfaayeen, siidaawwan Itoophiyaa tokko tokkos calaqqee seenaa falmisiisaa sanaati jedhu.
Sababii seenaan Itoophiyaa falmisiisaa taasisan keessaa tokko warri badii hojjetan yeroo hunda waan gaarii ta’e qofa malee waan badaa hojjetan himachuu fedha dhabuudha jedhu.
Kana gochuuf seenaa maqsuu, haqaaquufi faaluutu jira. Siidaan ammoo seenaarraa madda waan ta’eef siidota Itoophiyaa keessa jiranirrallee wal falmii cimaatu jira jedhu.
Siidaa Minilik II akka fakkeenyaatti kaasuun, "siidaan kun mootichi waan hojjeteeru ni qaba waan ta’eef taa’uu danda’a.
Garuu akka waan gaarii malee waan hamaa tokkollee hin raawwatneetti, saba hunda walqixxeetti ilaaleetti, osoo harka tokko hin kutiin, ummata Itoophiyaa fidee daangaa biyyaa ammaa kana keessa kaa’e gochuun siidaa kana ittiin ibsu.
Kun ammoo warri nama kanaan madaa’efi miidhame seenaan beeku waan jiruuf akkamiin waan garii qofaan yaadatama? Hammeenyaa inni hojjetes mul’achuu qaba," jedhu.
Siidaa Aanolee yoo fudhanne, warri gochaan sun irratti raawwatame ijaaramuu isaatti akka gammadan kan himan Dr. Tasfaayeen, warri kaan ammoo icciitii bakkeetti baasuun hammeenya dhalootaa dhalootatti dabarsa jedhanii yaaduun akka inni jiraatu hin barbaadan jedhu.
Kanaaf seenaa siidaawwan Minilik II fi Aanoleen wal faallessu jedhu. Kunis seenaadhuma lafarra jiru fudhachuu dadhabuurra kan ka'e akka ta’e dubbatu.
Yeroo baayyee rakkoon kan maddu seenaaf beekamtii kennanii darbuu irraa ta'u ibsuun, kana qajeelchuun ammoo qaroomina akka ta'e ibsu.

Madda suuraa, WALDAA AADAA OROMOO OTAAWAA
Tasfaayee Tolasaa (PhD) akka jedhanitti, siidaawwan Minilik II fi Aanolee osoo wal bira dhaabanii hojii gaarii hojjetamee ittiin yaadachaa, miidhaa qaqqabe ammoo beekamtii kennuun akka irra hin deebine taasisanii namuu wal hin dhabu ture.
“Osoo dandeettii, wal hubannaafi obsi akkasii biyya kana keessa jiraate silaa biyyi kun gidiraafi hiyyummaa har’a keessa jirtu keessa hin jiraattu ture.
''Itoophiyaa keessatti rakkoo kan ta’e, akkuma seenaa irra agarruutti, ergamaa Waaqayyoo godhanii of yaaduun waan qulqulluu ta’e qofa akka hojjetanitti of fudhachuudha.”
Yunivarsiitii Jimmaatti hayyuu Seenaa kan ta’an Dheeressaa Dheebuu Wayyeessaa (PhD) yaada seenaafi siidaa Itoophiyaa irratti qabaniin Dr. Tasfaayee waliin waliigalu.
Siidaa ijaaruu keessatti garee muraasa kaleessa fayyadamee har’as haaluma sanaan itti fufuun qaba jechuun socho’an osoo hin taane, faayidaa saba ballaatu ilaalamuu qaba jedhu Dheeressaan (PhD).
Wanta barbadaa'erraa namni fayyadamu waan hin jirreef wantota kaleessa akka seenaatti ijaaraman balleessuun hin barbaachisu jedhu.
“Kanaaf, kan kaleessaa akka seenaatti jiraachuun gaariidha. Waan badaarraas ta’e warra mallattoo hacuuccaa ta’an irraas akka irra hin deebineef wanti baratamu jira waan ta’eef jiraachuu qabu.”
Siidaawwan madda atakaaroo ta’an akkamiin araarsuun danda’ama?
Akka Dr. Dheeressaan jedhanitti, siidaan hojii fakkeenyummaa qabu yaadachuuf akkuma hojjetamu, isa balleessaan irratti hojjetames ittiin yaadachuufis ni barbaachisa.
“Kan dursee ijaaramuu qabu kan Aanolee tureyyu. Innis kan uummanni irratti miidhame, nagaaf bahee irratti dhumedha waan ta’eef dura warra miidhametu yaadatamu qaba ture,” jedhu hayyuun kun.
Uummanni miidhame, laalaafi godaannisni irra jiru yaadatamuun dirqama kan jedhan Dr. Dheeressaan, seenaan gama lamaaniin yaadachuun siidaan akka madda ataakaaroo hin taane gadha jedhu.
Minilik II qaroomina fideefi biyya ijaareef akkuma siidaa dhaabamuun yaadatamu, hawaasa adeemsicha keessatti miidhaa irraan gaheefis ijaaramuu akka qabu dubbatu.
“Bakka siidaan isaa dhaabbate duraan masaraa hogganaa warra Gulalleefi Gimbichuu kan ta’e kan Tufaa Munaa ture.
Kanaaf, siidaan Tufaa Munaas bakka sana dhaabbachuu qabayyu,” jechuun fala seenaa dabe qajeelchuun atakaaroo hambisuu ta’uu akeeku.
Siidaan Abeebee Tufaa, Araddoo, warra fannifaman kan akka Lataa Guraaraa fi kaanis qoratamee dhaabbachuu danda’uu qaba jedhu Dr. Dheeressaan.
Siidaan warra kanaan dura yaadatamaniifi ijaarameef irra deebi'anii ijaaruu osoo hin taane, warra seenaa qaban garuu kanneen dagataman qoratanii baasanii ijaaruun ni barbaachisa jedhu.















