Seenaa Oromoo: Namni tibbana siidaan dhaabbatef Abbaa Boor - Caalii Shoonoo eenyu?

Siidaa Caalii Shoonoo magaalaa Yaayyootti dhaabbate

Oromoo Iluu bara 1842-1874 tti akka bulchan kan himamuuf Caalii Shoonoo yookaan Abbaa Boor siidaan isaanii, Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Yaayyootti hojjetamee dhiyeenya kana eebbifameera.

Moggaasni maqaa Godina Iluu Abbaa Boor nama Gadaa afuriif Saglan Iluu bulchan, Abbaa Boor (Caalii Shoonoo) irraayi kan argate.

Siidaa kana kan midhaasse ogeessa Birhaanuu Taaddasa jedhamu yogguu tahu, Birriin miiliyoona sadii ol akka itti bahes himameera.

Caalii Shoonoo eenyu?

Caalii Shonoo bara 1796'tti Aanaa Yaayyootti dhalatan. Ijoollummaa isaaniitti maqaa Ginnoo jedhamuun waamamaa turanis, dandeettii isaanii ilaaluun abbaan isaanii maqaa isaanii gara Caaliitti akka jijjirantu himama.

Naannoo Saglan Iluutti ammoo namni maqaa Caalii jedhamu qabu maqaa masoo Abbaa Boor jedhamutu mogga'aafi.

Aadaan maqaa moggaasuu akkasii naannichatti hardhallee jiraachutu himama.

Kanumarraa ka'uuni gootni Sagalan Iluu kuni maqaa lamaan kan waamaman.

Caalii Shoonoo qomoo saglan Iluu keessaa qomoo warra Hadheessoo keessaa dhalate. Guutummaa Saglan Iluuttis gootummaadhaan fakkeeffamanii waamamu.

'Gadaa afur bulchan'

Fakkii Caalii Shoonoo

Madda suuraa, Komunikeeshinii Yaayyoo

Ogeessa waajjira Komunikeeshinii aanaa Yaayyoo kan tahanii fi seenaa Abbaa Boor qorachuu kan himan Obbo Lalisaa BBC'tti akka himanitti, Caalii Shoonoo bara 1842 hanga bara 1874tti Abbaa Gadaa Saglan Iluu ta'uun bulchaniiru.

''Caalii Shoonoo yeroo Abbaa Gadaa Saglan Iluu tahanii bulchan Gadaa afur bulchan.

Sababni daangaa Gadaatiin ala bulchaniifis; bara isaan aangorra turan diinota hedduu waliin lolarra waan turaniif, lolarrattis gootummaa isaanii uummanni waan jaalateef akka itti fufee bulche," dubbatan.

Daangaan bulchiinsaa Caalii Shoonoo bulchaa turan bulchiinsa amma Godina Iluu Abbaa Boor fi Buunnoo Beddellee jedhamanii moggaafaman akkasumas amma Jimma jalatti kan hammataman aanaalee muraasa akka dabalatus himan.

Yaayyoon ammoo wiirtuu bulchiinsa Caalii Shoonoo waan turteef jecha siidaan isaanii kunis Yaayyootti ijaarame.

"Ijaarsi siidaa kanaa gaaffii ijoo hawaasa Saglan Iluuti ture. Namni maqaan Godinaa ittiin waamamu kanaaf akkamitti siiidaan hin ijaaramne kan jedhutu gaafatamaa ture.

Amma hirmaannaa uummataa bajata mootummaatin birrii miiliyoona 3.2n ijaaramee eebbifame," jedhan.